Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un Chaayinaa daawwachaa jiru

Madda suuraa, EPA
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un affeerraa pirezidantii Chaayinaa Shi Jinpiingiin daawwannaaf Beejing seenaniiru. Kaayyoon daawwannaa isaanii garuu ifa hin taane.
Kiim haadha warraa isaanii Rii Sool-Juu waliin hanga Amajjii 10 akka turanis sab-himaaleen Chaayinaa gabaasaniiru.
Daawwannaan kun Kiimiifi pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp marii yeroo lammataaf wal-arguuf akka jedhan otoo gabaasamuu kan taasifame dha.
Gaafa Wiixataa erga miidiyaan Kooriyaa Kibbaa baaburri Kooriyaa Kaabaa daangaa darbuu gabaaseen booda Kiim Chaayinaa daawwachuu akka danda'an himamaa ture.
Konkolaataawwan nageenyaafi qondaaltoonni naannoo magaalaa daangaa Daangdoong daandii cufanii turan.

Madda suuraa, Reuters
Miidiyaaleen biyyoota lamaanii Kibxata ganama Kiim baabura halluu magariisaafi keelloo qabuun buufata baaburaa Beejing gahuu isaanii gabaasaniiru
Baaburri Kiim Chaayinaa yeroo jalqabaaf daawwachuuf ittiiin dhufan baabura abbaan isaanii bara 2011'tti Raashiyaa daawwachuuf ittiin deeman fakkata.
Daandiin giddugala Beejing konkolaataawwan nageenyaan dhiphatee ture.
Kiim yeroo waggaa tokko hin guunne keessatti qondaaltoota mootummaa wajjiin Chaayinaa yeroo arfaffaaf daawwachaa jiru.
Kibxatni guyyaa dhalootaa Kiim akka tahes himamaa jira.
Chaayinaan gama daldalaafi gargaarsaan Kooriyaa Kaabaatiif michuu barbaachisummaa guddaa qabdu dha.
Kiim hoggansa isaanii waggootii jahaan jalqabaan Chaayinaa daawwachaa hin turre.
Bara darbe garuu Kiim Chaayinaadhaan yeroo sadiif daawwataniiru, yeroo sadanuu kaayyoon daawwannaa isaanii hin beeksifamne.

Madda suuraa, Reuters












