BBCn tajaajila oduu Kooriyaa eegale

Waliigala fullee ijaarsa gamoowwanii fi sarara samii magaalaa Piyoongiyaangi Fuulbaana 22, 2017.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Piyoongiyaangi - tajaajilli haaraan adda durummaan Koriyaa kaabaa irratti xiyyeefata...

BBCn haaluma kaayyoo tajaajilawwan afaanii biyyoota biraa babalisuutiin walqabateen, tajaajila Kooriyaa eegaleera.

Tajaajilli Kibxata eegalee kunis karaa marsartii fi tamsaasawwan raadiyootiin mata dureewwan ispoortii, daldala fi aadaa irratti oduu dhiyyeessa.

Xiyyeeffannaa mummeen tajaajilichaas Kooriyaa Kaabaa bakka oduu bilisaa argachuuf to'annoon mootummaa itti cimuudha.

Kooriyaanis tajaajiloota afaan 12 haarawaa mootummaa Biritishiin dolaara miliyoon 400 deeggarsi taasifameef keessa tokkoodha.

Daarektarri Tajaajila BBC Addunyaa Firaansiskaa Unsworz: ''BBC Kooriyaas madaalamummaa fi Loogii-maleessummaa maqaa BBCn addunyaa guutuutti bara dheeraaf ittiin beekamu kan hojatu dha,'' jedheera.

Gaaxezesitoonni tajaajilichaas Si'ool, Landanii fi Waashingitanitti bu'uurreefachuun, haala gabaasawwan gutuummaa cimdaa'iina BBC addunyaatiin hojatu.

Tajaajilli BBC Addunyaa wayita ammaatti afaan haarawaa 12 - Afaan oromoo, Amaariffa, Gujaaraati, Igboo, Kooriyaa, Maaraati, Piijjiin, Punjaabii, Serbiyaan, Teluguu, Tigiree fi afaan Yurubaatii tajaajila eegalaa jira.

Adeemsa tiraafikaa wayita alkanii Seensa magaalaa Si'ool Naamdaa'eemuun dhiheenya Kooriyaa Kibbaatti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, ... miseensoonni BBC muraasni Kooriyaa Kibbaa, Si'ool keessatti kan bu'ureefatan ta'a.