Yaalii mootummaa fonqolchuu Gaabon: Loltoonni yaalii fonqolcha mootummaatti hirmaatan lama 'ajjeefaman'

Madda suuraa, GABON TELEVISION
Yaalii mootummaa fonqolchuuf har'a Gaabonitti taasifameen miseensonni raayyaa mootumaa mormuun yaalii kana keessatti hirmaatan lama 'ajjeefamuu' waajirri pirezedaantii biyyattii gabaaseera.
Loltoonni kunneen lamaan kan ajjeefamanis qondaaltonni nageenyaa yeroo gamoo buufata raadiyoo biyyaalessaa warreen fonqolcha mootummaa yaalan to'atan jedhametti cabsanii seenuun dhukaasa irratti banan ture. Namoonni sadii ammoo to'annaa jala oolaniiru.
Dubbi Himaan Mootummaa Gaabon yaalii mootummaa fonqolchuu taasifamee ture fashalaa'uun 'haalli jiru to'atamuu' himan.
Guy-Bertrand Mapangou BBCtti akka himanitti miseensonni raayyaa ittisa biyyaa mootummaa fonqolchuuf yaalan afur to'annaa jala oolfamanii tokko baqateera jedhan.
Qondaalonni miseensota ittisa biyyaa dargaggeeyyii akka aangoon harka isaanii galetti dubbachuun, biyya zayita umamaan badhaatuu taate Gaabon kan maatiin tokkichaan waggoota 50f gaggeeffamte keessatti"kan kana taasifne dimokiraasiin akka jiraatuuf" jedhan.
Taankiwwaniifi konkolaatonni humna ittisaa magaalaa guddoo Libireviil keessatti hedduuu mullatu.
"Haalli jiru amma tasgabbaa'eera. Loltoonnni yeroo hedduu naannoo sana buufatanii jiran guutummaatti naannoo buufata raadiyoofi TV to'ataniiru. Amma waanti hunduu bakkatti deebiyeera."
Pireezadaant Alii Boongoo bara 2009 aangootti kan ba'an yoo tahu, sababii dhukkubaan baatii lama dura biyyaa bahan.
Taankiiwwaniifi Konkolaataawwan waraanaa daandiiwwan magaala guddoo biyyattii Liibriiviilitti mul'atu.
Pireezidaantichi dhiigni sammuu isaanii keessatti dhangala'uun, Morookootti wal'aanamaa jiru.

Madda suuraa, Reuters
Waa'ee fayyaasaaniis foddaa telvizyiiniin dhiyaachuun ergaa bara haaraan wal qabachiisuun nagaa akka tahan dubbataniiru.
Loltoonni, ergaa isaan dabarsaniin gadduufi ''aangoorra turuuf yaalii dhuma hin qabne taasisuu'' jedhaniiru.
Finciltoonni loltoota tajaajila geejibaa, kuusaa qalahaafi buufata xiyyaraa biyyattiif waan gaarii gochuuf akka qabataniif waamuu raadiyoon biyyaalessaa Firaans gabaaseera.














