Alii Bongoo: Pirezidantiin Gaabon 'haalaan dhukkubsatan garuu itti furaa jira'

Pirezidantii Gaabon Ali Bongoo

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Gaabon Sa'uudi Arabiyaatti yaalamaa jiru

Pirezidantiin Gaabon Alii Bongoo dhukkubsataniiru garuu itti wayyaa'aa jira jechuun dubbii himaan isaanii dubbatan.

Torban muraasa booda waa'ee dhukkuba isaanii qondaalli mootummaa yeroo dubbatu kuni kan duraati.

Oduun hin mirkanoofnen pirezidantichi dhukkuba 'stroke' jedhamu dhukkubsataa jiru jedhamaa ture.

Ji'a darbe waan dhukkubni dadhabseef Sa'uudi Arabiyaatti yaalamaa jiru jedhamee ibsamee ture.

Dubbii himaan isaanii Ike Niguwoni Obbo Bongoon ''waan dhukkubsatan irraa bayyanataa jiru'' jedhaniiru.

Dubbii isaaniin waa'ee dhukkuba isaan qabeera jedhame waan dubbatan hin qaban.

Ali Bongoon abbaa isaanii Omaar Bongoo waggaa 40'f biyya bulchan bara 2009 bakka bu'un ture pirezidantii biyyattii ta'un kan muudaman.

Filannoo bara 2016 waldhabdee fi walhimachuun itti baay'ateetti xiqqoof irra-aanan.

Ji'a kana osoo isaan mana yaalaa jiranii immoo hogganaan paartii mormituu Jiyaan ping filannoon irra-aanuu isaanii dubbatani ture.

Gaafa Jimaataa Ministirri Muummee Gaabon yeroof pirezidantii ta'un haa muudaman jedhe gaazexaan biyyatti barreesse jennaan ji'a sadiif akka cufamu ta'eera.