Donaaldi Tiraampi xalayaa fayyaasaa ofiin akka barreefatu Dooktar Haarooldi Boornisteen himan

US President Donald Trump at the White House in Washington DC, 1 May 2018

Madda suuraa, EPA

Dooktarri fayyaa Doonaald Tiraampi duraanii gabaasa xalayaa kaadhimamaan pirezedaantummaa kan paartii Ripaapilikaanotaa bara 2015 fayyaan Tiraampi baay'ee gaarii tahuu ibsu hin barreessine jechuu miidiyaaleeen Ameerikaa gabaasan.

Dr Haarooldi Boornisteen akka CNN'tti himetti Tiraampi xalayyicha hundaa ofumaan barreessse. Waayit Haawus hanga ammaatti yaada ogeessa kanaa irratti deebii hin kennine.

Obbo Bornisteen itti dabaluun tikseen [body guard] Tiraampi guraandhala 2017 biiroosaa saamuun ragaalee medikaalaa hundaa balleessera jedhe.

Gaaaffii fi deebii obbo Boornesteen CNN waliin godhan irraatti,xalayaan bara 2015 Tiraampi nama fayyaa yeroo kamiyyuu calaa pirezedaantumaaf filame jechun ibse qorannoo ogummaa irratti kan hundaa'e miti jedhe.

''Akkuma nama isa waliin deemeettan hojjedhe'' jedhe.

Amma maaliif Boornesteen akka yaada kana dubbataa jiru garuu ifa miti.

Qaabiyyee xalayichaa

Xalayichi cimina qaamaa Tiraampii baayee gaarii tahuu ibsa.

Dhiibbaan dhiigaa fi qorannoon laabiraatooriisaa immoo akka malee gaarii tahuu hima.Waggaa tokko keessatti ulfaatina KG 15 hir'isuusaa agarsiisa.

Itti dabaluun Tiraampi dhibee kaanserii fi tajaajila baqaqsanii yaluu buusaa tokkollee akka hin qabne ibsa.

Sanyii akkasiin eebbifamuu koof ani carraa qabeesssa jechuun pirezedaantiin dulloomaa Ameerikaa jalqabaa kun yeroo sana fuula face book isaa irraatti bareessera.

Osoo ragaaleen kunneen hin ibsamiin torbanota dura Tiraampi ragaaleefayyaa koo Boornisteen dhiyyeessu gaarii taha jedheen abdadha jedhanii ture.

Bara kana ji'a Amajjii keessa qofa Tiraampi rakkoo fayyaa sammuu qabaaachuu danda'a jedhamee shakkamuun yeroo sadii fi afur qorannoon gaggeefameeraf.

Dookterrisaa Waayit Haawus keessaa Roonii Jaakson, yeroo sana ani waa'ee dandeettii sammuusaa fi narvootasaa irraa dhimma hin qabu jedhee ture.

Hakiimni Tiraampi duraanii Boornisteen Niwu Yoorki keesatti tiksitootni Tiraampi lama fi namootni biroo lama biiroo koo dhufanii na dawwatanii ture jedhe.

Yoo xiqqate daqiiqaa 25 hanga 30 turaniiru. yeroo sana waca guddaatu tahe, dabalataan kun akka waan gudeedameetti,sodaachifamee fi gaddeetti akka itti dhagahame boornisteen oduu NBC ti himeera.

Ragaaleen dhugaan jalqabaa [original] fi koppiin chaartii qorannoosaa gargaartota Tiraampiin humnaan fudhatamuus himeera.

Kun akkuma Niwuuyoorki Taayims , Boornisteen qorannoo Tiraampi Keessatti qoricha propeenikaa,ykn qoricha molachuu mataa ittisu argachuu ibsee gabaaseen raawwate.

Barreessituun pireesii Waayit Haawus Saaraa Saanders wantichi saamicha osoo hin taane adeemsa ragaa dhuunfaa pirezedaantichaa fudhachuuf gaggeefamedha jette .