Qondaalli Kubbaa Miilaa Jiddu- gala Afrikaa yakka waraanaan himatamuuf

Abbootin taayitaa Faransaay qondaala kubbaa miilaa Rippablika Afrikaa Giddugaleessaa keessatti yakka waraanaa raawwachuun shakkaman to'annoo jala ooolchan.

Paatris Eduwaard Nigayisonaa bara 2013-14 ummata musliimaa Rippablika Afrikaa Giddugaleessaa irratti raawwaten milishoota qindeessuun himataman.

Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa ibsa baaseen dhimmi qondaala kanaa Heegiitti ilaalama jedheera.

Miseensi koree Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Obbo Nigayisonaan garuu waan itti shakkaman ni balaaleffatu.

Biyyi Rippablika Giddugaleessa Afrikaa kolonii Faransaay jala kan turte yoo ta'u bara 2013 ture finciltoonni Salaqaa gara caalu Musliima ta'an biyya gara caalu Kiristaana taate keessatti aangoo qabatani.

Pirezidant Firaansoyis Bozize erga aangoorraa ka'an booda gareen farra Balakaa jedhamuufi gara calau kiristaana ta'an immoo jara Salaqaa loluuf ka'an.

Balaa kanaan kumaatamni du'aniiru. Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomani ummanni miiliyoona 1 caalu mana isaa irraa baqachuuf dirqameera jedheera.

Obbo Nigayisonaan nama farra Balaqaa qindeessuun of waamu.

Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) qondaalli kuni yakka waraanaa, yakka dhala namaa irratti raawwachuu hin qabne gochuun, ajjeechaa, dararamaafi daa'imman loltuu gochuun himataman.

Dubbii Himaan Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa BBC'tti akka himanitti konfedereeshinichi hidhamuu isaanii keessaa hinqabu.

Obbo Nigayisonaan pirezidantii federeeshinii Kubbaa Miilaa biyyatti kan turan yoo ta'u Guraandhala darbe gara konfedereeshinitti osoo hin dhufin dura Ministira Ispoortii biyyattii turan.