Saatelaayitiin qonnaan bultoota Afriikaa weerarri ilbisootaarraa dhufuu akka malu akeekkachiise

Qorattoonni UK midhaan ardii Afriikaa ilbisootaan akka hin mancaaneef dursanii akeekkachiisaa jiru.

Tajaajilli odeeffannoo Balaa Ilbisootaan Mudachuu maluu (Pest Risk Information Service (Prise)) daataa haala tempreecheraafi haala qilleensaa guyyaa guyyaa modeela kompiiteraa waliin walqabsiisuudhaan hojjechaa jira.

Akkas gochuudhaan qonnaan bultootaaf ergaa akeekkachiisaa karaa mobaayilaa ergaaf.

Sisteemiin kun omisha qonnaafi galii omisha irraa argamu %20 akka dabalu ni gargaara jedhamee abdatama.

Prise yeroo ammaa Keeniyaa, Gaanaafi Zaambiyaatti hojiirra oolaa kan jiru yommuu ta'u gara kutaa addunyaa biroottis baballifamuudhaaf jira.

"Doktoroonni" kunneen daataabeezii irratti hundaa'uudhaan akka waan jiru qoratanii farra-ilbisaa sirrii ta'e fayyadamaniifi tarkaanfiiwwan biroo fudhatan appilikeeshinii fayyadamuun gargaaru.

Waalter Waafuulaa, qonnaan bulaan bakka Bungoomaa jedhamu Keeniyaa BBC'tti akka himetti tajaajilli kun jireenya isaa jijjiireera.

"Galiin qonnaa koorraa argadhu waan dabaleetiif ijoolleenkoo mana barumsaa gaariitti barataa jiru, akkasumas maatiikootiif wantoota barbaachisan guutaafiin jira," jedha qonnaan bulaan kun.

Garuu akka Prof Charlotte Watts gorsituun ol-aantuu Jaarmiyaan Gargaarsaa Addunyaa UK jettutti, hojiin haaraan CABI fi Saayinsii Hawaa UK (UKSA) weerara ilbisootaa dandamachiisuu qofa osoo hin taane dhabamsiisuudhaaf neetwoorkii kana fayyadama.

Akka isheen daataa saatelaayitiidhaan, UKSA, sassabamu fayyadamuudhaan sisteema yeroo ilbisoonni weeraru jedhamee tilmaamamu dursanii beekuudhaaf tarkaanfii fudhachuudhaaf gargaara.