Ministeerri Muummee Dr. Abiy Ahimad Paaris, Faransaay gahaniiru

MM Dr Abiy Ahimad

Madda suuraa, Fitsum Arega

Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti turtii isaanii Firaansi kanaan Pirezedaanti biyyattii Imaanu'eel Maakroon waliin walarganii akka marii taasisan ni eegama.

Mariin ijoo isaan qabaatanis hariiroo biyyoota lameenii cimsuu keessatti daldalaafi invastimantii jajjabeessuu irratti fuulleffata.

Ejensiin misoomaa Firaansi hirmaannaa isaa Itoophiyaa keessatti qabu akka cimsuufi godambaalee Itoophiyaa bifa ittiin oolchuun danda'murrattis ni mariyatu jedhama.

Imala isaanii Awurooppaa Firaansitti jalqaban kana itti aansuun ammoo gara Jarman akka deemanis sagantaa isaaniif qabame ni mullisa.

Daawwannaa Jaarmanittis Dursituu Mootummaa Jarman Angeellaa Meerkel waliin dhimmoota adda addaa irratti akka mariyatan ni eegama.

Turtii isaanii Jarman kanaanis Dr. Abiy, magaalaa biyya Jarman Firaankifarti keessatti lammileen Itooophiyaa 25,000 ta'an biyyoota Awurooppaa gara garaa irraa babba'an waliinis marii ni taasisu jedhameera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Daawwannaan Ministirri Muummee Awurooppaatti taasisu kun mata duree ergaan isaa: "Tokko taanee ka'uun egeree keenya haa ijaarru" jedhuun akka ta'e beekameera.

Daawwannaan Ministirri Muummicha gara biyyoota Awurooppaa kanatti taasisan waamicha gaggeessitoonni biyyoota kunneen taasisniifiinidha.

Mnistirri Muummee Dr. Abiy, turtii Awurooppaa taasisaniin magaalaa Barliin keessatti kora biyyoota garee 20 tiin qophaa'urratti maree Kompaakti Afriikaa jedhurrattis ni hirmaatu.

Angeellaa Meerkel waliinis addatti walarganii tumsa misooma biyyoota lamaanii haala cimsuun ittiin danda'urratti ni mariyatu.