Barattoonni Afrikaa Kibbaa xuubii fincaan namaarraa kalaqan

Madda suuraa, Robyn Walker/UCT
Barattoonni Afrikaa Kibbaa fincaan namaarraa xuubii naannoo wajjin wal-simu kalaqan.
Fincaan, cirrachaafi baakteriyaa walitti makuun gara jajjabootti akka geeddaramuuf tempireechara daree keessa kaa'an.
Barsiisaan barattoota kanaa ''Adeemsi xuubii kana hojjechuu haala elellaan galaana keessatti uumamu waliin wal-fakkaata'' jechuun BBCtti himaniiru.
Xuubiin warri kana dura jiran tempireechara guddaa keessatti tolchamuu qabu inni immoo carbon dioxide( gaasii gubataa uuma.)
'Jabaa akka Nooraa'
Barattoonni Yunivarsiitii Keep Taawon fincaan mana fincaanii dhiirota keessaa guuran.

Madda suuraa, UCT
Erga xaa'oo jajjaboo kalaqaniin booda, dhangala'aa isa hafee sirna baayolojikaawaan akka xuubii sana guddisu taasisan.

Madda suuraa, Getty Images
Namni tokko takkaatti fincaan ml 200 hanga 300 fincaa'a.
Xuubiiwwan kunnen oomishuuf fincaana liitira 25 hanga 30 tti barbaada baayyeensaas xaa'oo hanga kiloogiraam 1 oomishuuf gargaara.
Xuubii tokko ijaaruuf namni tokko al 100 mana fincaanii deemuu qaba.
Jabinnifi bocni xuubii kunneenii akka barbaadametti geeddaruun ni danda'ama.
Doktor Randaal adeemsi xuubicha oomishuu fooliin kan guutame tahuu hin haalle.
Haa tahu malee sa'aatii 48 booda xuubichi foolii amooniyaa jedhamu of keessaa fixa, miidhaa fayyaas hin qabu jedhaniiru.
Adeemsi fayyadamnu baakteriyaawwan nama miidhan ni ajjeesa.
Xuubii jabaan yoo barbaadame guyyaa 6 eeguun dirqama hanguma yeroon dheerate xuubii jabaa arganna jedhu doktarichi.













