Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raayyaa Allaamaaxaa: Quba walitti qabuu mootummoota naannolee Amaaraafi Tigiraay
Bulchiisni mootummoota naannoo Amhaaraafi Tigiraay rakkoo nageenyaa Wixata darbe magaalaa Allaamaaxaatti walitti bu'uu humna nageenyaa hidhateefi dargaggoota gidduutti uumamee namoonni shan rasaasaan ajjeefamanii kan biroon madaa'an irratti ibsa baasan.
Ji'oota muraasa dura irraa eegaluun dargaggoonni magaalittii gaaffii eenyummaa waliin wal qabatu kaasaa akka turan jirattonni magaalattii ni himu.
Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Amhaaraa ibsa haala yeroo jedhu baaseen, naannoo Amhaaraafi naannoo Tigiraay waliin wal-daangessan Walqaayitiifi Raayyaa Allaamaaxaatti walitti bu'insa uumameen nageenyi boora'eera jedha.
Dhiyeenya kana naannoo Walqaayitirraa eenyummaa isaaniitiif qofa miidhaa nurra ga'eera kan jedhan Amhaarri-Walqaayit qe'ee isaaniirraa buqa'anii magaalaa Gondar qubatanii kan jiru jedha ibsichi.
Gama biraan ammoo walitti bu'insa Raayyaa Allaamaaxaatti uumameen hanga lubbuun namaa darbuutti miidhaan gaheera jedha ibsi kun.
Sababa walitti bu'insa kanaan lubbuun namootaa darbuun akka isa gaddisiise mootummaan naannoo Amhaaraa eeree jira.
Gaaffiin eenyummaa Raayyaan gaaffachaa jiru uummata sana waliin mariyachuudhaan heera mootummaa irratti hundaa'uun akka furamuu qabu yaa'ii Paartii Dimokiraatawaa Amhaaraafi kan ADWUI irratti kallattiin kaa'ameera jedha ibsi kun.
Ammas furmaanni rakkoo kanaa jedha ibsi kun, "uummata gaaffii sana kaasu waliin marii tasgabbaa'aa ta'een malee tarkaanfii humnaa fudhachuun akka hin taane hubatamuu qaba" jedheera.
Nageenyi boora'e naannoowwan ollaa irraanillee dhiibbaa geessisuun isaa waan hin oolleef biyyattiif yaaddoo nageenyaa guddaa ta'eera jedha ibsichi.
Kanaan alattis qaamoleen tokko tokko rakkoo nageenyaa daangaa naannolee lamaan gidduutti uumameef Mootummaa Naannoo Amhaaraa himachuun isaanii kan dhugaarraa fagaate ta'uu kaasee, mootummaan naannoo Amhaaraa himannaa dharaa ta'e kana hin fudhatu jedheera.
Gaaffiin lammileen naannoo daangaa jiran qaban karaa heera mootummaatiin qofa deebii argachuu qabas jedha.
"Kana waan ta'eef, mootummaan naannoo Tigiraay rakkoo kana karaa seeraafi nagaatiin furuudhaaf carraaqqii taasisu hunda mootummaan Amhaaraa deggersa akka taasisu eeree, rakkoo nageenyaa kana furuuf mootummaan Federaalaa biyyattii ga'ee isaa akka ba'uu qabullee Mootummaan Naannoo Amhaaraa gaafateera."
Mootummaan naanno Tigraayi gama isaan ibsa baaseen ammoo, wayita motummaan naannichaa nageenya naannoofi ummataasaa eeguun rakkoolee keessoo isaa furuuf halkanii guyyaa hojjataa jirutti, ibsi naaannoon Amaaraa Onkololessa 23, 2018 ''daangaalee naannoolee lamaan daangeessan Allaamaaxaa fi Raayaatti walitti bu'iinsa umameen nageenyi bora'eera. Itti aansuunis ''naannoo keenyaaf soda nageenyaa olaanaa ta'e jira'' jechuun baase sirrii miti jedheera.
Naannoon Tigiraayi nannoo mirgoonni fi nageenyi lammilee kabajamuun bilisaan keessa jiraacha jiran ta'ee osoo jiru, bakka lammiilee eenyummaa isaanitiin buqqaafamanii fi madda rakkoo nageenya naanno Amaaraa jedhamuun nu gaddisiseera jedha ibsi kun.
Kunis ejjannoo dubbii barbaachaatiin adda baasinee hin ilaallus jedheera.
Haaluma kanaanis naannoon Tigraay madda nageenya mirkanneessu malee sababa jeequmsa nageenya ummata Amaaraa akka hin taane mirkannessuufi barbaanna jedhan.
Itti ansuunis ''ka'umsi walitti bu'insaa gaaffii eenyummaa uummata naannoo Raayyaa waan ta'eef, gaaffii kanarratti ummata waliin mari'achuun deebiin heeraa itti kennamu akka qabaatu paartii Dimokiraatawa Amaaraa fi yaa'ii ADWUI'n kallattiin kaa'amunsaa ni yaadatama' 'jechuunis heeraa mootummaa cabsuun dhimma naannoo Tigiraay keessa harka galfachuu mirkanneessa jedheera ibsi kun.
Haaluma ibsicha irratti caqafameen rakkoolee naannoo Raayyaafi Wal-qaayitiitti umameef motummaan naannoo Amaaraa itti gaafatamummaa fudhachu qabaatas jedheera.
Walumagalattis ibsi naannoo Amaaraatiin bahee kan heera motummaa cabsee fi adeemsa balaafamaa hariiroo ummattoota lamaanii baraa dheeraaf ture miidhu waan ta'eef attatammaan akka sirratuu fi mootummaan naannoo Amaaraa mootummaa fi ummata Tigraayii dhiifama akka gaafatuuf cimsiinee akkeekachiifna jedheera.