Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
LTV: 'Abbaan Taayitaa Biroodkastii akeekkachiisa nuuf kenne hin qabu'
Tibbana Televizhinii LTV irratti gaaffii fi deebii dura taa'aan Paartii Sosochii Amaaraa Dr Dassaaleny Caannee, Beteliyeem Taaffasee waliin taasise hordofee buufata televizhinichaaf akeekkachiisni kennameera jedhamuun miidiyaalee hawwaasaa irratti ibsamaa ture.
Bulchiinsa humna namaa LTV kan tahan Aadde Addis Birhaanuu akeekkachiisni isaaniif kenname akka hin jirree BBCtti himaniiru.
Abbaan Taayitichaa marii gamaggamaa miidiyaalee waliin taasisan irratti gaffii fi deebichi ka'uun haala siyaasaa amma jiru waliin kan wal fudhannee fi akkasumas dubbii kakaasuu waan danda'uuf sirrii hin turre yaadni jedhu akka isaaniif kenname himan.
Wal gahicha irratti akka argaman kan himan Aadde Addis, qofaatti waamuun akeekkachiisne nuuf kenname tokkollee hin jiru jedhan.
Kana immoo akkka akeekkachiisaatti hin fudhadhuu kan jedhan Aadde Addis, gaaffii fi deebichi kan miidiyaalee hawwaasaa irraa balleefames yaada Abbaa Taayitichaa waliin wal qabatee akka hin taane himaniiru.
''Miidiyaalee hawwaasaa irraa fedha keenyaan balleessine.
Jireenya dhuunfaa gaazexeesituu Beeteliyeem wantootni tuqan waan jiranii fi arrabnis waan baay'ateef haalicha qabbaneesuuf jecha.''
Miidyaalee hawwaasaa irratti akka hojii gadhiiste kan odeeffamus tasumaa soba tahuu himaniiru.