Rukuttaa kanaaf Israa'el itti gaafatamti jetti raashiyaan

Xiyyarri Illishin yeroo gara buufatatti deebitu[suuraa]

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyarri Illishin yeroo gara buufatatti deebitu[suuraa]

Raashiyaan xiyyarashee rukutamtee buuteef Sooriyaa komattetti. haa tahu malee du'atii namoota 15 xiyyarittii irra turanif Israa'eeliinis himatetti.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa Jettotni waraanaa Israa'eel xiyyara keenya Il-20 jedhamtu akka gara ittisa qillensaa Sooriyatti galtu taasisaniiru odeeffannoo of eeggannoo keennuu dhiisuudhaan jette.

Kun kaleessa kan raawwate yoo tahu xiyyaarittiin to'anno qilleensaa ykn Radaariin ala baatee turte.

Israa'eel dhimma kanarratti yaada kennite hin qabdu.

Rukuttaa Sooriyaa irratti gaggefamu Israa'eel hagas mara leellisuu baattus buufataalee Iraan 200 ol tahan Sooriyaa keessa jiran ji'oota 18 keessatti rukutuushee garuu qondaalli waraanaa Israa'el tokko himeera.

Mootummaan Israa'el sochii waraanaa Iraan sooriyaa keessa jiruu irratti xiyyeefateera. Akkasumas meeshaaleen waraanaa Iraan hidhattota Libaanus Hezbollaa mootummaa Sooriyaa waliin waraanaa jiraniif fe'amu garuu yaaddoo itti uumuu hin hafne.

Gabaasni bal'aan bahuu baatus balichi kan dhaqqabe kaleessa yeroo xiyyarri waraanaa Raashiyaa cina kaaba Lixa magaala Laatikaa irraa kaatee naannoo qarqara Sooriyaa irraa gara buufata humna qilleensarraa Raashiyaa Hemiimitti deebitu KM 35 irrattidha.

Gabaasni Tajaajila oduu Tas jedhamu ammo xiyyarri Illushin Il-20 kun yeroo xiyyaarotni waraanaa Israa'el buufataalee Sooriyaa naannoo Latika jiran irratti gaggeessanidha.

Humni waraanaa Sooriyaa yeruma sana rukuttaa Misaa'ela diinaa karaa galaanaa magaalaa Laatikaa irratti raawwachuuf ture fashaleessineera jechuun miidiyaalee biyyittiti hime.

Osoo hin turiin Televizhiniin Sooriyaa humni qilleensaa Sooriyaa misaa'ela diinaa rukutuusaa gabaase.

kaartaa bakka buufata humna qillensarra Raashiyaa agarsiisu
Ibsa waa'ee suuraa, kaartaa bakka buufata humna qillensarra Raashiyaa agarsiisu

Humni waraanaa Israa'el xiyyarotni isaanii buufataalee naannoo Latikaa irratti rukuttaa gaggeessaa jiru yaada jedhu irratti deebii kennuu hin barbaanne.

Dhimma gabaasota biyyoota alaa iratti deebii hin kennuu jedhan.

har'a garuu Ministirri ittisaa raashiyaa xiyyaarri isaanii humna qillensarraa Sooriyaan rukutamuushee ibse.

Raashiyaan waan isheen Israa'el komattuuf of eeggannoof yeroon kennan daqiiqaa tokkoo gadi ture kunimmoo gahaa hin turre jechuuni.

Xiyyarotni Israa'el beeka haala ulfaataan doonii fi xiyyaarota waraanaa keenyarratti akka uumamu godhaniiru jedhe dubbii himaan humna waraanaa Raashiyaa.

Dabalataan balaliistotni xiyyaara waraanaa Israa'el rukuttaa gaggeessanii fi abidda humna qilleensarraa Sooriyaarra gadhiifamuuf xiyyaara keenya akka dahootti itti fayyadamaniiru jechuun komatan.

Xiinxala gabaasaa BBC dhimma humna ittisaa Joonatan Markas

Aariin Raashiyaa sirridha jedha. garuu komicha Raashiyaanotni sirriitti abbaatti godhanii dhiyeessaniiruu? jechuun gaafata.

himatichi dachaa lama jechuun eegala. Gama biraan wal qunnamtii cimaan biyyoota lamaan gidduu yeroo dheeraaf ture cabuu agarsiisa jedhe.

Humni Qilleensaa Israa'el to'attoota qilleensarraa Raashiyaa waliin wal qunnamneera jedhanis isaan garuu waan daqiiqaa tokko hin guutnedha jedhan.

Lammaffaa humni qillensarraa Israa'el mallattoo radarii keenyaa akka dahootti itti fayyadaman kan jedhu yoo tahu raadaariin xiyyaarota Israa'el F-16 kan Raashiyaa irraa adda jedha.

Xiyyaarotni Israa'el waan fedhan hojjetaniyyuu warri Sooriyaa kan Raashiyaa beeku jedheera.

Dhimma kana keessa wantootni dhokatoon Raashiyaan michuushee Sooriyaa irratti dubbachuu hin barbaanne jiraachuu danda'u jedhe.

Raashiyaan shororkeessitoota Sooriyaa keessaa rukutaa jiraachuu himtus qeeqxotni garuu finciltoota mootummaa Asaad rukutaa jirti jechuun barreessu.

Raashiyaan yeroo Asaad deeggarsaaf isaan gaafatu bara 2015 jalqabuun Sooriyaa keessatti rukuttaa jalqabdus qabeenya guddaa fi lubbuu ogeessotashee 39 tahaniis dhabdeetti

Waraana walii waliinii Sooriyaatti waggoottan torba darbaniif tureen lubbuun namoota 350,000 tahanii darbeera.