Sudaan Kibbaa hojjettoota gargaarsaaf 'daran hamtuudha' jedhamte

Madda suuraa, AFP
Akka Dhaabbanni Dhimma Baqattootaa Noorway (NRC) jedhutti Sudaan Kibbaa waggoota sadan darban walitti aansuudhaan addunyaarratti biyya rakkoon waldhabdeen hamaan keessatti mullatu ta'uun jalqabarratti eermati.
Miidhaawwan gurguddoo namoota gargaarsa dhiyeessuuf hojjetan 158 irra gahe keessaa harki sadi waggaa darbe keessa Sudaan Kibbaatti uumame.
Erga wal-waraansi biyyattii keessatti Mudde bara 2013 jalqabee hojjetoonni gargaarsaa 100 ta'an lubbuu isaanii dhabaniiru.
Isaan keessaa 24 kan ta'an wagguma darbe ture kan rasaasaan ajjeefaman.
Hojjetoonni Sudaan Kibbaa rakkoo hamaa haleellaa kana fakkaatu danda'anii hojjechuuf dirqamaniiru.
Yeroo hedduu bakka qaqqabuudhaafillee rakkisaa ta'e deemanii hojjetu, kun aammoo akka NRC'n jedhutti baay'ee hamaadha.
Siiriyaa, Afgaanistaanifi Rippabilika Afrikaa Giddu-galaa wal-durafi duubaan itti aanuudhaan hammeenyumaa isaaniitiin ni eeramu.
Naajeeriyaafi Somaaliyaanis biyyoota shanaffaafi ja'affaarrati eeramani.
Barreessaan Ol-aanaa NRC Jaan Egelaand akka jedhanitti dhaabbatichi walii galtee waraanaa dhaabuu tibba kana Pireziidaanti Saalvaa Kiiriifi mormituu isaa Riik Maachaar gidduutti mallattaa'e "of-eegannoon ta'us abdii irraa qaba" jedhu.












