Barattootni Itoophiyaa Hindii: rakkoo kaffaltii hamaaf saaxilamne jedhan

Hinditti Yuunvarsiitii Aandiiraa
Ibsa waa'ee suuraa, Galma yuunvarsiitichaa

Lammiileen Itoophiyaa Yuunvarsiitiiwwan Hindiitti barachaa jiran kaffaltiin ji'a sadi sadiin isaaniif kennamu ji'a tokkoo oliif turuusaarraa kan ka'e rakkina keessa jiraachuu himan.

Barattotni kunneen ji'atti Doolaarri 350 herregameefii ji'a sadi sadiin doolaarri 1050 akka isaaniif kaffalamu himaniiru.

Haa tahu malee kaffaltichiyyuu wagga shan dura haala tureen kan hojjetame waan taheef tilmaama yeroo isaa eeggate akka hin taane yaadachiisuun innumtiyyuu yeroodhaan nu gahaa hin jiru jedhan.

Barattota kannen keessa tokko kan tahe Yohaannis, barattotni digirii lammaffaafi sadaffaa 50 tahan weerara dhukkubaa naannoosaniitti uumame irraa kan ka'e dhukkubsataa jiraachuusaanii himeera.

Barattotni kunneen kaffaltiin waan isaaniif hin raawwanneef yaalamuullee hin dandeenye jedhe.

Barataan Yuunvarsiitii Aandiraa Muummee Injiineringii digirii lammaffaa, gara biraan barattotni sadii dhukkubsatanii maallaqa ittiin yaalaman waan dhabaniif kadhannaa akka furmaataatti fudhataniiru jedhe.

Akka wal hin gargaarref illee hundi keenyayyuu haala wal fakkataa keessatti argamna jedhe.

Dabalataan waktii gannaa keessa waan jirruuf dhibeen busaa naannichatti hammachusaarraa kan ka'e fayyaa keenyaaf yaaddoo biraa keessa jirra jechuun BBCti himeera.

Yuunvarsiitii Teeknolojii Delhiitti barataa PhD waggaa lammaffaa kan tahe Shaanqoo Ayyalee, osoo turellee guyyota kudhan kessatti akka kaffalamuu qabu qajeelfamni ibsuyyuu, Imbaasiin garuu hanga guyyoota 20 dabarsuun akka kaffalaaf ture hima.

Hinditti Ambaasadarri Itoophiyaa Ambaasadar Asfawu Dingaamoo Imbaasichi sirna kaffaltii kanaan duraa jijjiruun karaa baankii akka raawwatu gochuusaa hubachiisaniiru.

Guyyoota dhufan keessattis baratoota kanneeniif ni kaffalama jechuun kana booda haalli itti harkifatu hin jiraatu jedhan. Birrichis kaleessa Ministeera Barnootaa irraa bahee akka jiru dhagaheera, akkuma herrega keenyarra galeen kaffallaf jedhu.

Baasii yaalii fayyaaf baasanis ragaalee barbaachisan yoo dhiyeessan ni kaffalamaaf jedhan.

Yuunvarsiitota Hindii 27 keessatti baratoonni baasii mootummaa Itoophiyaa fi deeggarsa mootummaa Hindiin barataa jiran 1000 ol ta'u.