Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jilli Obbo Lammaa Magarsaan durfamu ABO waliin mari'achuuf Ertiraatti qajeele
Jilli mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa fi Dr. Warqinah Gabayyoodhaan hogganamu marii araaraaf Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waliin taasifamuf gara Ertiraa imale.
Dubbi himaan mootummaa naannoo Oromiyaa Dr. Nagarii Leenchoo BBC'tti akka himanitti jilli kuni har'a deeme.
Mariin har'a waaree booda eegale kan taasifamu yoo ta'u yeroo mariin fudhachuu danda'uus ta'e miseensonni jila kanaa kan biraa hin baramne.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) marii mootummaa Itoophiyaa waliin taasifamuf qaama sadaffaa akka barbaadu beeksise ture.
Minsitirri muummee Dr. Abiy Ahimad wayita Ertiraa daawwatanitti hayyu-duree dhaabichaa Obbo Daawud Ibsaa waliin wal arguun isaanii ni yaadatama.
Haa ta'u malee, yeroos jilli dafee akka ergamu wali galamus dafee hin raawwanne.
Sababuma kanaan, lammiileen Itoophiyaa Yunaayitid Isteet jiraatan Ministirri Mummee waliin torbe darbe yeroo mari'atan isaan gaafatani jennaan jilli torbe kana akka egamu himani ture.
''Ummanni Oromoo nageenyaan biyya isaatti boone akka jiraatu gochuudhaaf tarkaanfii fudhatame waan ta'ef hin milkaa'a jennee eegna,'' jedhan Dr. Nagariin.
Mariin kuni kanaan booda humni hidhate akka wal hin miine ni taasisaa jedhu hogganaan kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa.
''ABO wajjiin nageenya uumuu jechuun sammuun ummata keenyaa walitti bu'insa siyaasaa keessaa akka ba'u godha. Lafa irratti immoo nageenyi akka bu'u taasisa.''
Mariin taasifamu gama Lixa Oromiyaa dabalatee nagaa buusuuf faayidaa olaanaa akka fidu mootummaan amantaa qaba jedhaniiru.
Marii kanaan waligalteen akka raawwatullee mootummaan abdii akka qabu ibseera.
Waamicha mootummaan taasise hordofee dhaabbileen siyaasaa buufata isaanii biyya alaa taasisan biyyatti galaa turuun isaanii ni yaadatama.