Jawaar Mohaammad: "Aarsaa barbaachisu kafaluuf murteesseen galaa jira"

Madda suuraa, Getty Images
Hagayya 4 Minesootaa irraa kan ka'e jilli Jawaar Mohaammad waliin gara Finfinneetti imalu, Dilbata Hagayya 5, 2018 biyya gala.
Namoonni hedduun gara biyyaatti deebi'uu Jawaar Mohaammad irraa shakkii guddaa qabu.
Keessumaa du'a hogganaa piroojaktiii hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa injinar Simmanyaw Baqqalaa booda yaaddoon jiru hammaateera.
Yeroo kanatti haalli nageenya biyya Itoophiyaa keessa jiru amansiisaa akka hin taane nan hubadha kan jedhu Jawaar, "qabsoo itti fufsisuufi injifannoo argame qabatamaan deeggaruuf" biyyatti deebi'uuf murteessuu dubbata.
"Dargaggeessi dhiiga isaatiin jijjiirama kana fide, bu'aa jijjiirama kanaa akka argatu gochuuf qaamaan Oromiyaa keessatti argamuun faayidaa qaba," jedha.
"Hoggansi mootummaa amma jiru namoota akka koo yaaddoo nageenyaa qaban tiksuuf gahuumsa akka qabu mirkaneessuu qabnas," jedha.
Nageenya isaa ilaalchisuun "aanga'oota mootummaafi hogganoota qaamolee nageenyaa waliin marii gooneerra, garuu mootummaa abdadhee miti kanan galaa jiru," jedha.
"Eegumsi barbaachisaan ni godhama, sanarra darbee waan dhufu akkuma qabsaa'ota hundaa aarsaa barbaachisaa kafaluuf murteesseen galaa jira."
Sagantaa Galma Barkumee
Simannaa Jawaar Mohaammadiif dargaggootni kumaatamaan lakkaa'aman gara Finfinneetti imalaa jiru.
Kunis mataan isaa yaaddoo nageenyaa biraati. Jawaar garuu naamusa Qeerroo irraa abdii guutuu akka qabuufi sagantichi rakkoo malee akka xumuramu shakkii hin qabu jedha.
"Buufata xiyyaaraatti akka na eegan hin fedhu, wal-argaan galma barkumeetti," kan jedhu Jawaar, sunillee of-eeggannoo guddaan ta'uu qaba jedha.
"Akkuma waggoota afran darban olola qeerroon biyya diiga jedhu irra aanne, naamusa amma duraa daran jabeessinee mul'isuu qabna."
Sagantaan galma barkumee namootni kuma 25 irratti argamu jedhamee yaadamu irraatti ergaa gurguddaa lama dabarsina jedha Jawaar.
"Jalqabarratti qabsoo hanga yoonaatti godhame irratti warra wareegame yaadachuudhafi, lammata ammoo dargaggeessa kana diimokiraasii ijaaruu irratti akka hirmaatu ergaa dabarsuufi."

Madda suuraa, Jawar Mohammed
Guyyoota itti aanan keessatti Oromiyaa magaalota gara garaa keessatti hawaasa waliin marii gochuuf karoora qabaachuus dubbateera.
Kaaba Itoophiyaa gara Maqaleefi naannoo Amaaraa deemuun marii gochuuf yaada qabaachuufi yuunivarsiitii Finfinneetti hayyoota waliin mari'achuufis karoorfachuu himeera.
Itti gaafatamummaa...
Kaayyoon guyyaa kana gara biyyaatti deebi'uu namoota qabsoo kana keessatti wareegaman yaadachuufi maatii isaanii jajjabeessuuf akka ta'e irra deddeebiin himeera.
Waggoota arfan darban wareegama lubbuu xiqqeessuuf tarsiimoo baasnee hojjetaa turre kan jedhu Jawaar, namooti kuma 5 ol wareegamuu dubbata.
"Osoo waraanatti gallee kun nama baatii tokko keessatti wareegamuu danda'u ture," jedha.
"Qabsoon wareegama akka qabu osooma beeknu itti seenne waan ta'eef duuti obboleeyyan keenya nu gaddisiisullee jijjiirama wareegamni isaanii fidetti nan boona," jedha.
Dargaggoonni wareegaman qabsoon wareegama akka qabu osoo beekanii itti seenan, maatiin isaaniis wareegama isaaniitti ni boonu malee hin gaabbani jedha.
"Oromoo miliyoona 50 keessaa miliyoonni 49 wareegamee miliyoonni tokko yoo bilisoome hin gaddu."
"Akka nama qabsoo kanaaf tarsiimoo baasaa tureetti, jijjiirama dhufeef akkuman leellifamu wareegama baheefis itti gaafatamummaa nan fudhadha," jechuun dubbateera.
Qooda qabsoo keessatti qabu..
Qooda qabsoo Oromoo keessatti qabu ilaachisee yoo dubbatu, "jijjiirama amma argame kan fide ana osoo hin taane dargaggoota wareegamaniifi aarsaa itti kafalanidha," jedha.
"Akka qabsaa'aa tokkootti, akka nama tarsiimoo baasaa tureefi hojii gama miidiyaafi piropagaandaa hojjetaa tureetti hojii guddaa hojjedheera jedheen yaada, beekamtii fudhatuu kan qabu garuu warra wareegamani," jedha.
Salphumatti akka dargaggeessa dirqama isaa bahe tokkootti akka of ilaalu dubbata.
Namoonni dhaaba biyya bulchu keessaa qabsaa'aa turanis qoodni isaan qaban akka laayyooti kan ilaalamu miti jedha.
Amna qabsoo keessatti namoota kanneen waliin kallattiin waliin dubbiin jiraachuu baatullee wal hubachuu guddaan akka ture himeera.
Wayita biyyatti deebi'u aangoo mootummaas ta'e, miseensa paartii mormituu ta'uuf fedha akka hin qabne dubbata.
OMN cimsuun alatti, gaazexaa afaanota adda addaan maxxanfamuufi raadiyoo eegaluuf qophiirra jiraachuus himeera.















