Du'a Injinar Simmanyaw Baqqala: Sirna awwaalchaa irratti waan jedhame

Sirna awwaalcha Injinar Simanyaw

Madda suuraa, Getty Images

Sirni awwaalcha Injinar Simanyaw Baqqalaa Kamisa Adoolessa 29, 2018 Bataskaana Kaateederaal Qiddisit Silaaseetti raawwatameera.

Sirna awwaala Hoji-gaggeessaa Pirojektii Hidhaa Haaromsa Itoophiyaa kana raawwachuun dura namoonni hedduun bakka lubbuun isaanii darbe Addabaabaayii Masqalaatti ba'anii gaddaa guddaa itti dhaga'ame ibsataa turaniiru.

Namoonni gaddaafi ba'an kun osoo oolee hin buliin qaama du'a Injinar Simmanyawuuf itti gaafatamaa ta'u akka beeksisu mootummaa gaafachaa turan.

Sirna awwaalcha Injinar Simmanyaw kanarratti namoonni hedduun argamuu fedhanii ture.

Haata'u malee, 'hanga bataskaanni danda'uun ol waan ta'eef namoonni gara Bataskaana Kateederaal Qiddisti Sillaasee taasisuuf fedhan humna nagaa eegsisaniin dhowwamaniiru.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Sirna awwaalcha injinar Simmanyaw Baqqalaa

Wal-diddaa sababa kanaan uumameenis poolisiin gaazii imimmaanessu namoota irratti dhukaasee namootni miidhamaniiru.

Namoonni sirna awwaalichaarratti argaman maal jedhan?

Ministirri Humna Ittisa Biyyaa Obbo Mootummaa Maqaasaa, yeroo Ministira Bishaan, Albuudaafi Inarjii turan Injinar Simanyaw waliin akka hojjetan dubbatu.

"Jireenyaafi hojii maatii isaanii dhiisanii fiixaan ba'iinsa pirojektii guddaa kanaaf of kennanii hojjetaa turan," jedhan.

Pirojektiin Hidha Haaromsa Itoophiyaa Injinar Simanyaw gaggeessaa turan pirojektii biyyaati waan ta'eef kan inni jalqabe kun akka fiixaan ba'uuf imaanaan kana nama hundumaati jedhu.

Maatii Injinar Simmanyaw

"Akkuma inni dadhabeera, nuffeera osoo hin jedhiin dhama'aa ture xiiqiidhaan hojjennee milkeessuu qabna," jedhaniiru.

Obbo Alamaayyoo Taganuus yeroo Ministira Bishaanii, Jallisiifi Inarjii turan A.L. I bara 1998 irraa kaasanii yeroo Injinar Simanyaw Pirojektii Gilgel Gibee II gaggeessaa turanirraa qabanii akka beekan dubbatan.

"Injinar Simanyaw fakkeenya injinarootaati. Nama dadhabe osoo hin jedhiin saatii 24 hojiirratti dabarsan," jedhan Obbo Alamaayyoon.

Amma Injinar Simanyawuun boqotaniiru waan ta'eef kan isaan jalqaban kana xiiqiidhaan hojjetanii milkeessuun ga'ee lammii biyyattiitis jechuun dhaamsa dabarsaniiru, Obbo Alamayyoon.