Suuraalee dadansoo Afrikaa: Kubbaa miilaa fi Iida

Suuraalee filatamoo torban kanaa ardii Afriikaa keessaa fi lammiilee Afriikaa biyyoota biroo jiraatan.

Hidhamaa keessaa tokko uffatasaarratti barreeffama 'Yakki gaarii miti' jedhu uffatee

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Aardiin guutuun waa'ee Waancaa Addunyaa waan haasaana fakkaata. Hidhamtoonni mana hidhaa Kaamitii, Keeniyaatti argamu kana keessa jiran, taphni Ruusiyaa fi Saawudii Arabiyaa jalqabuun dura, gareen qoodamuun tapha taasisan.
Guyyoota jahaan dura ammoo gareen kubbaa miilaa qaroo dhabeeyyii Maalii, Maadriiditti argamuun Biraazil waliin taphatan.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyoota jahaan dura ammoo gareen kubbaa miilaa qaroo dhabeeyyii Maalii, Maadriiditti argamuun Biraazil waliin taphatan.
Gaafa Kibxataa ammoo, qondaaltonni poolisii Naayijeeriyaa iddoo qubannaa isaanii Moskootti ofee ka'aa turan.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Gaafa Kibxataa ammoo, qondaaltonni poolisii Naayijeeriyaa iddoo qubannaa isaanii Moskootti ofee ka'aa turan.
Daa'imni kun haga ga'eessonni salaatanii xumuranitti obsaan eegaa turte. Gaafa guyyaa Kamisaa Abijaan, Ayivoorii Koostitti

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imni kun haga ga'eessonni salaatanii xumuranitti obsaan eegaa turte. Gaafa guyyaa Kamisaa Abijaan, Ayivoorii Koostitti
Kara kaaba Afrikaatti imallee Tuuniziyaa yoo geenyu, daa'imni xiqqaan kun kabaja dhaqna-qabaa wagga waggaan taasifamu irratti hirmaachuun dura hedduu gammadee ture

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kara kaaba Afrikaatti imallee Tuuniziyaa yoo geenyu, daa'imni xiqqaan kun kabaja dhaqna-qabaa wagga waggaan taasifamu irratti hirmaachuun dura hedduu gammadee ture
Luba Lucien Ambunga wayita miseensasaa simatu

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Guyyaadhuma kana Rippabliika Deemokraatawaa Koongootti, Lubni Lucien Ambunga, miseensa batsakaana St. Joseph simate. Lubni kun dhukkuba Ebolaa biyattii mudate jalaa kan ooledha. Akkasitti gammachuun simachuunsaas kanaaf fakkaata.
Jimaata dabre, hiriira pireezidantii Afriikaa Kibbaa duraanii deeggaruuf qophaa'e irratti, daa'imni kun baandii kana dursaa ture.

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Jimaata dabre, hiriira pireezidantii Afriikaa Kibbaa duraanii deeggaruuf qophaa'e irratti, daa'imni kun baandii kana dursaa ture.
Magaalaa kaaba Itoophiyaatti argamtu Baaddimeetti, dhiyeenya kana Itoophiyaan murtee Aljeers fudhachuuf murteessuu beeksisteetti.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa kaaba Itoophiyaatti argamtu Baaddimeetti, dhiyeenya kana Itoophiyaan murtee Aljeers fudhachuuf murteessuu beeksisteetti.

Suuraaleen AFP, Getty Images, EPA fi Télévision Tunisienne 1.