Fiichee Cambalaalaa: bara haaraa saba Sidaamaa 2011

Madda suuraa, SNNPR Tourism Bureau
Fiiichee Cambalaalaan ayyaana bara haaraa saba sidaamaati. Har'a irraa kaasee bara 2011tti ceehama jechuudha.
Guyyaa isaa kan murteessu ayyaantota wayita ta'an guyyicha kan murteessan addeessaafi urjii ilaalaniiti jedhu dhalataa saba Sidaamaa kan ta'an gaazexeessaa Alamuu Ammayyee Gaachanoo.
Hanga ayyaantonni murteessaniitti namni biraa yoom akka ta'e hin beeku jedhu.
Ayyaanichi yeroo dheeraaf itti qophaa'amaa erga turee booda jala bultii guyyaa ayyaantonni beeksisan irraa kaasee kabajama.
"Guyyaa jala bultii ollaafi firri waal waamee akkuma ayyaanota kan biroo waliin kabaju."
"Kan kabajamus nyaata Boorshaamee jedhamu kan warqee yookaan qooccoo irraa tolfamuufi aannaniini," jedhu.
Guyyaa kana foon hin nyaatamu, kan dura qalames yoo jiraate mana hin bulu. Sababni isaas ayyaanichi kan namaa qofa osoo hin taane kan uumama maraati jedhu Obbo Alamuun.
"Bineensotaafi naannoof xiyyeeffannaa guddaatu kennama, muktis hin muramu," jedhu.
Ayyaanichi ayyaana jaalalaafi Araaraati jedhama, kan wal lolan kan irratti araramanidha. Dubartiin abbaa warraan wal loltee mana gadhiiftee baatellee yoo jiraatte galgala kana manatti deebiti jechuun dubbatu Obbo Alamuun.
Gaafa Ayyaanaa dubartoonnis shamarranis uffata aadaa ayyaana kanarratti uffatamuun faayamanii ardaatti bahu.

Madda suuraa, SNNPR Tourism Bureau
"Dubartoonni heeruman akka itti mataa dhahatan adda ta'e qabu," jedhu Obbo Alamuun.
Dhalatoonni Sidaamaa bakka gara garaa jiraatan walitti dhufanii, uffata aadaa uffatanii ayyaanicha sirbaan kabaju.
Shaafetaa kan jedhamu nyaati borshaamee gabatee guddaa irratti qophaa'ee ayyaanicharratti dhiyaata.
Sirbootni aadaa qeexala, nyafaaroo fi kkf gara garaa ni sirbamu.

Madda suuraa, SNNPR Tourism Bureau
Qeexala kan jedhamu gamtaan kan sirbamu wayita ta'u, biyyaafi bara, jaarsolee, aanga'ootaafi namoota bebbeekamoo faarsaa sirbu.
Ayyaanichi aanaalee godina sidaamaa 23'n keessatti sirnoota aadaa gara garaan kabajamuu itti fufas jedhu Obbo Alamuun.













