Karra galaana malee attamiin humna galaanaa qabaachuun ni ta'aa?

Ga'eessichi hojjetaa duraanii humna galaanaa yaadannoofi gaabbii isaa muuziqaa dhaggeeffachuun kan bahata. Kiiboordisaa cuqaasaa yeedaloo baasu, warri kaanis akka dhaggeeffatanii ittiin qabbaneefataniif jecha miidiyaa hawaasumma irratti fe'a.

Kanneen keessaa tokko muuziqaa suutaa Geetaachoo Bariheetiin barreefamee humna galaanaan qindeeffame 'Mehiliiq armaayee' jedhu dha.

Piitii ofiisara Fireesannaay Kabbada waa'een muuziqaa humna galaanaa yeroo ka'u garuu xiiqiifi aariidhaan guutama ''Humni galaanaa Itoophiyaa humna adduyaarratti dinqiisifame ture. Garba torban qaxxaamureera, buufata tiksuurraa hanga misaa'ela isa guddaa qabatanii socho'uutti gahee ture.'' Jechuun dhugaa baha.

Muuziqaa Piitii ofiisarichi marsariitii isaarratti leelliisuun alatti har'a humni galaanaa hin jiru. Humni galaanaa bara 1947 A.L.I Haayilessilaaseen hundeeffame bara Dargiitti waraana kuma sadii ta'u qaba ture.

Kufaatii Dargiin booda yeroo Mitsiwwaan Adda Bilisa Baasaa Eritiraatiin yoo qabamu waraanichis laamsha'aa dhufe.

Dooniiwwanisaa durii naannoo Yaman irraa sassaabamuun walakkaan liqii Jibuutii kaffaluuf yoo oolan, gariin mootummaa haaraa Eritiraafi Itoophiyaadhaaf hiraman. Bara 1988 A.L.I tti waajirri eegduu waraanaa Afrikaa Bahaa Finfinne jiru yoo cufamu seenaan humna galaanaas waliin goolabame.

Waggaa digdama booda A.L.I ministeera mummichaa haaraa Itoophiyaa Abiy Ahimad marii raayyaa ittisa biyyaa waliin taasisaniin humna galaana Itoophiyaa ijaaruuf yaada akka qaban gabaafame.

Gabaasichi hordofuunis abdiifi gaaffiin dhufe. Warra gaaffiii kaasan keessaa tokko hojjetaa humna galaanaa duraanii Piitii Ofiisar Fireesannaay Kabbada tokko dha.

Akkas jedha '' Karra galaanaafi galaanaan alatti akkamiin humna galaanaa dhaabuun danda'amaa? Kunis qoosaa dha. Nama humna galaanaa keessa ture dhiisiitii lammiin Itoophiyaa kamiyyuu kana hin fudhatu.''

Muuxannoo humna waraanaa ollaa hanga Booliiviyaatti

Ajajaan humna galaanaa duraaniifi xiinxalaan dhimmi nageenyaafi waraanaa meejar jeneraal Abbaba Takilahaayimaanot waan Ministirri Muummee yaadan karaa garaagaraa milkeessuuf tahuu danda'a jechuun faallaa dubbatu.

Tokkoffaa waan lammileen Itoophiyaa waa'ee mirga galaanaa gaafataa turan eegsisuuf tahuu danda'a.

''Ani qorannoo digirii lammataa koo irratti Itoophiyaan seera idila addunyaa fayyadamuun karaa abbaa qabeenyaa balbala galaanaa ittiin taatu akeekeen ture. Eenyutu beeka adeemsa Kanaan humna galaanaa qoheessuu yaadanii tahuu danda'a'' jechuun ibsu generaalichi.

Muuxxannoo Azarbaajaaniifi Kaazaakistaan caqasuun ''Eenyutu beeka adeemsa Kanaan humna galaanaa qopheessuu yaadanii tahuu danda'a'' jechuun abdi isaanii himatu

Biyyooti lamaan kunneen balbala galaanaa yoo hin qabne iyyuu waraana galaana Kaaspiyaan irratti socho'u qabu.

Kana kanin yaadee waliigaltee isaan biyyoota ollaa wajjin qabaniin dha. Itoophiyaanis michummaa Jibuutii wajjin fayyadamuun buufata humna galaanaafi galaana Diimaa irrattis hirmaachuu akka dandeessu ni seenessu.

Waan jeneraalichi jedhan akkamiin milkaa'uu akka danda'u kan nutti himan immoo Itoophiyaatti dippiloomaatii tahanii kan tajaajilanii turan Birahaan Masqal Abbaba dha.

''Itoophiyaan qaama bishaanii irratti abuurraa taasisuuf mirgi qabdu dirrreee waraanaa barbaada. Naannichatti akkuma biyyooti buufata waraanaa qaban Itoophiyaanis biyyoota ollaa tokkotti waraanashee qubachiisuu danddessi.'' jedhu

Gara meejar janaraal Abbaba yoo deebinu karaa Booliviyaa nutti himu.

''Biyyi balbala galaanaa hin qabne Booliviyaa jedhamtu jirti.'' Yeroo keessatti biyya balbala galaanashee dhabde dha. Garuu ammayyuu humna

galaanaa qabdi. Humna galaanaa isaanii waan dhaban akka hin qabne agarsiisuuf akka mallattoo kabaja uummataatti fayyadamu.''

Hamma yoomitti ollaatti hirkatu?

Dr Yaaqob Haayila Maariyaam ''Itoophiyaan mirga balbala galaanaa argachuu qabdi jechuun falmuutti beekamu'' Kitaaba ''Asab yemmaannaat?'' fi ''''Ye Itoophiyaa yabaahir barr xiyyaaqee'' jedhus maxxansiisaniruu.

Dr Yaaqob dubbii ministira mummee tibbanaa ija gaariin ilaaluu himanii, balballli galaanaa iddoo hin jirretti garuu haalli jala muramu hin jiru jedhu. ''Jaalalli biyyota ollaa barabaraan hin jiratu. Gidduutti wal-dhabdeefi lolli ni jiraata kunimmoo Itoophiyaan muddama keessa akka galtu taasisaan.''

''Furmaati amansiisaa kan jiraatu Itoophiyaan mirga karra galaanaashee yoo mirkaneessitu qofa dha.'' jedhu. Gara sirba baniinsaa gabaasa keenyaa Piitii ofiisar Fireesannay Kabbada yoo deebinu. Isaan maqaa biyyaa dhanuun karra galaanaa dhiigaan kabjamee ture faarsu.

Faaruun kuni miira baayyee isaaniif qabbaneessa. Humni galaanaa Itoophiyaas lammeessa yoo dhaabatte, seenaa haaraa hin tilmaamane akka jalqabsiisu danda'us waan hin hafne fakkaata.