Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Buqqaattoonni naannoo Somaalee waa'ee daawwannaa Ministira Muummichaa maal jedhu laata?
Ministirri muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad erga muudamanii torban tokko keessatti imala hojii isaanii kan jalqabaa Sambata duraa dabre gara Jigjigaatti taasisaniiru.
Marii magaalaa Jigjigaatti hawaasaafi aangoo'ata naannoo Somaalee waliin taasifame kanarrattis, Dr. Abiy konfiransiin nageenyaa hawaasa lameen (Oromoo fi Somaalee) gidduu eegalamuu akka qabu dubbatan.
Marii kanarrattis pireezidaantonni naannoolee lamaanii - Lammaa Magarsaa Pirezidaantiin naannoo Oromiyaafi kan Somaalee, Abdii Mohaammad Umar, lammiilee naannolee lamaanurraa buqqa'an qe'eesaaniitti akka deebi'aniif kan hojjetan ta'us ibsaniiru.
Isaan kana yaa jedhan malee buqqaatoonni hoo maal jedhu?
Jiraataa Magaalaa Jigjigaa Ganda 01 kan ture Kereddiin Kadir, yeroo ammaa kaampii yeroo buqqaatotaa Hammaarreessaa keessa jiraata.
''Muummichi ministiraa kun filamuu isaaniitiin gammachuu guddaan natti dhagahameera. Rakkoo kanaaf furmaata akka tahanis abdii isaaniirraan qaba.'' jedheera.
''Nageenyi biyya tokkoof bu'uura,'' kan jedhu Kereddiin, ''Hanga haalli jiru furamuutti deebi'uuf sodaa qabna,'' jedha. Haalli duraan nuti ittiin baane wayita ilaalamu, sodaa baay'ee nutti uuma,'' jedha.
Maaltu hojjetamu qaba?
Nuti achi deebi'uu keenyaan dura hawaasni lameen kun maaliif walitti bu'uu akka danda'an adda baasuu qabu jedha Kereddiin. Kana malees namoota madda rakkoo kanaa ta'uun, uummata lamaan walitti buusan jedhamanii namoota shakkaman seera fuulduratti hin dhiyaatan taanaan, gara fuuladuraattilleen nageenyi amansiisaan ni bu'a jedhe hin yaadu,' jedha.
Hawaasni gama lamaaniinuu jiru qabeenyisaa manca'ee, lubbuun namootaa darbeera,'' kan jedhu Kereddiin haqatu dursa dhufuu qaba jedha.
Buqqa'aan biraa amma magaalaa Baatuutti quubsifamee Safaa Jamaal ammoo, magaalaa Jigjigaatti mana rifeensaa dalagaa akka ture dubbata. Yeroo rakkoon mudateetti qabeenya isaa hunda akka saamame hima.
Kanumaafis jedha Safaan, ''qabeenyi keenya nurraa saamame nuuf yoo deebi'e, deebi'uuf qophiidha'' jedha. Kun tahuu baannaan garuu, deebi'uuf fedhii akka hinqabne dubbata.
Egaan boqqaattoonni gama isaanitiin kana yaa jedhan malee, adeemsa amma dhimma walitti bu'iinsa naannoolee lamaan jidduutti umamee ture ittiin hiikuuf eegalamee kanarratti xinxaltoonni siyaasa maal akka jehan dhiheenyatti isiin dubbisiifna.