Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii ‘furdoo adduunyaa’ kan turte Abdi El Atii boqatte
Dubartiin lammii Masirii tibba tokko dubartii furdoo adduunyaa ta'uun beekamtee turte biyya Yunaayitid Arab Emireeti keessatti duute.
Emaan Ahmed Abdi El Atii jalqaba waggaa kanaatti baqaqsanii hodhuun furdina ishee hir'isuuf gara biyya Hindii deemtee turte.
Akka gabaasa miidiyaalee biyya keessaatti, ulfina kiiloo giraama 500 irraa kiiloo giraama 300 hir'isu kan dandeesse turte ta'uyyu, haala rakkoo fayyaa birootiin walqabateen duutee jirti.
Akka hospitalichi himeetti, dubartiin waggaa 37 kun dhukkuba onnee fi rakkoo sirritti hojjechuu dadhabuu kalee qabdi turte.
''Kadhanaa fi gaddi onneerraa maddee keenyas maatii ishee haa qaqqabu,'' jechuunis gadda itti dhagahame ibseera hospitalichi.
Aadde Abdi El Atii erga walaansa baqaqsanii hodhu biyya Hindii magaala Mumbaayin booda ji'a Caamsaa 2017 tii kaastee Abu Dhaabii, Magaalaa guddoo Arabaa Emirateesitti turte.
Walaansaan dura waggoota 25 mana ishee dhiifte akka hin beekne maatiin ishee himaniiru.
Erga obbooleetii ishee marsariitii irratti buula gaggeesiteef booda gargaarsa ogeessa baqaqsanii walaannu Hindiitiin taasifameen xiyyaara dhunfaatiin gara Mumbaayii imalu dandeesse.
Namoota garimalee furdataniif baqaqsanii walaanuun ulfina hir'isuun fala yaalii kan dhumaati.
Kanaafis adeemsawwan lamatu jira; Waan akka garaachi isaanii gutu itti fakkeessuutti fayyadamuun guddina garaa hir'isuu yoo ta'u, inni biraa ammoo garaacha keessatti nyaati xiqoo qofti akka dakkamu, kaan ammoo utuu hindaakamiin akka darbu gochuudhaan walaanuudha.