Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii biyyoota 30 adda kute

Torban har’aa Itoophiyaan namni jalqabaa dhukkuba addunyaatti tamsa’a jiru erga mirkaneessitee booda kaleessa galgala namoonni dabalataa sadii qabuu beeksiste. Kanneen keessaa 1 lammii Itoophiyaati.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Nagayaan Bulaa!

    Gabaasa kallattiin isin biraan gahaa turre kan har'aa xumurre.

    • Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii biyyoota 30 adda kute
    • Keeniyaan COVID19 ittisuuf tarkaanfiiwwan dabalataa labsite
    • 'Koronaavaayirasiin Itoophiyaatti hammaachuu mala'
    • Itoophiyaan namoota 9 irratti COVID - 19 mirkaneessite
    • Kaalifoorniyaan namni manaa akka gadi hin baane labsite
    • UK'n ogeessota fayyaa sooroma bahan 65,000 waamicha dhiyeessite
    • COVID - 19 hanga ammaa namoota 10,000 ol ajjeese
    • Ameerikaan hidhamtoota gadhiisuu eegalte

    Kunneen gabaasa isin biraan gahaa turre, gadi daddabarsaa dubbisuu dandeessu. Nagayaan bulaa!

  2. Italiin koronaavaayirasii to'achuu carraaqaa jirti, har'a qofa nama 627'tu du'e

    Italii Koronaavaayiras

    Madda suuraa, Getty Images

    Italiin biyya namoonni hedduun sababa weerara koronaavaayirasiin keessatti du'an taatee itti fufteetti.

    Har'a qofa namoonni 627 kan du'an yoo ta'u erga weerarri vaayirasichaa mudatee walumaagalatti namoonni 4,032 du'aniiru.

    Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamuun isaanii mirknaa'ee 47,021 gahee jira.

    Kaaba biyyattii naannoo Lombaardii jedhamu kan akka malee miidhame yoo ta'u namoonni hedduunis kan du'an achitti.

    Namoota 47,027 vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa kan vaayirasicharraa dandamatan 5,129 qofa.

    Namoonni 2,655 haala yaaddessaa keessa jiru jedhameera.

  3. Koronaavaayirasiif talaallii argachuutti hagam dhiyaanneerra?

    Talaallii koronaavaayirasii

    Madda suuraa, Getty Images

    Qorannoowwan saffisa ajaa'ibaan dalagamaa jiru. Talaalliiwwan 20 ol adeemsa qophaa'uurra jiru.

    Talaalliin tokkoo osoo bineensota irratti hin yaalamiin haala hin baramneen kallattiin namaratti yaalamuu eegalee jira.

    Saayintiistonni kan biroon sadarkaa bineensotarratti yaaluurra kan gahan yoo ta'u, baruma kana namarratti yaalanii bu'aa isaa akka baran abdiin jira.

    Haa ta'u malee saayintiistonni talaallicha barana qopheessanii haa xumuraniyyuu malee heddumminaan omishanii tajaajilaaf dhiyeessuuf hojii baay'ee barbaada.

    Kana jechuun yoo xiqqaate hanga walakkeessa bara itti aanuutti turuu danda'a.

    Talaalliiwwan kunneen haala amma dura hin baramneefi saffisa hin eegamneen tolfamaa waan jiraniif wanti martuu akka yaadametti adeemuu dhiisuu mala.

    Yaadadhaa, amma dura gosoota koronaavaayirasii afurtu nama gidirsaa jira, tokkoo isaaniifillee talaalliin hin argamne.

  4. Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii biyyoota 30 adda kute

    Xiyyaara Itoophiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Daandiin Qilleensa Itoophiyaa sababa weerara koronaa vaayirasiin balalii biyyoota 30 akka adda kute MM Abiy Ahimad ibsa har'a kennaniin beeksisan

    Biyyootni 30 kunneen kam akka ta'an hin ibsamne.

    Itti dabaluunis namoonni biyya kamirraayyuu dhufan guyyoota 14'f adda baafamanii tursiifamuun dirqamas jedhaniiru MM Abiy

    Namootni kunneen wayita adda of baasanii turan baasii isaanii guyyoota 14 ofiin akka of danda'anis himaniiru.

    Dabalataan manneen hidhaa keessatti vaayirasichi yoo mudate to'achuun rakkisaa waan ta'uuf kaneen daa'imman waliin hidhaman, yeroo itti murtaa'e xumurataa kan jiran akkasumas himatni isaanii salphaa kan ta'e akka gadi dhiifaman murtaa'uu himaniiru.

    Manneen amantaa tatamsa'ina vaayirasichaaf haala mijataa uumuu waan danda'aniif murtee mataa isaanii akka murteessan waliigalteerra gahamuu MM Abiy himaniiru.

    Hubachiisa: Maxxansa kanarrati jalqaba baasii isaanii mootummaatu danda'a kan jedhame dogoggora.

  5. Amma nu gahe, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii biyyoota 30 adda kute

    BBC Breaking
  6. Keeniyaan COVID19 ittisuuf tarkaanfiiwwan dabalataa labsite

    Alaabaa Keeniyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Weerara koronaavaayirasii to'achuuf jecha mootummaan Keeniyaa idoowwan bashannanaa, manneen dhugaatii fi 'Naayit Kilabiiwwan' yeroon akka karra isaanii cufan labse.

    Manneen akkasii duraan hanga halkan sa'aatii 5(11PM) hojjechuun ni hayyamamaaf ture, amma garuu sa'aatii 1:30(7:30PM) akka cufan qajeelfamni darbeera.

    Kanatti dabalataan akka namni walirraa fagaatee fayyadamuu danda'uuf namoota meeqa keessummeessuu akka danda'an murteessuu akka qabanis dhaamameera.

    Jiddugalawwan gabaas al tokkotti namoonni meeqa seenanii akka bitachuu qaban akka daangessan qajeelfamni darbeefii jira.

    Tarkaanfiiwwan kunneen kan duraan labsame irratti dabalataan kan fudhatamanidha.

    Biyyattiin amma dura weerara vaayirasichaa ittisuuf balaliisa xiyyaaraa, walgahiiwwan namoota 100 olii dhorkitee, manneen barnootaas cuftee jirti.

    Lammilee Keeniyaafi namoota hayyama jireenyaa qabaniin alatti namni kamuu gara biyyattii akka hin seennellee uggurtee jirti.

    Namooonni biyyoota vaayirasichi keessatti argameerraa dhufan hundi dirqama guyyoota 14'f adda of baasanii turuu qabu.

    Biyyattii keessatti amma dura namoonni 7 vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa'e yoo ta'u, namoonni torba biroo qoratamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa biyyattii himeera.

    Torbeen lamaan itti aanan weerara vaayirasicha dhaabsisuuf biyyattiif yeroo murteessaa ta'uu Ministirri Fayyaa Mutaahii Kaagiwee himaniiru.

    Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jiraachuun yaaddoo uumee jira.

    Daarektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr Tedroos Adihaanom guyyaa kaleessa Afrikaan dammaquu qabdi jechuun dhaamsa dabarsanii turan.

  7. 'Koronaavaayirasiin Itoophiyaatti hammaachuu mala'

    Dr Darajjee Dhugumaa - Ministirri Di'eetaa Ministeera Fayyaa

    Madda suuraa, EBC

    Ibsa waa'ee suuraa, ''Kana caalaa hammaachuu danda'a, kanaanis dhaabbachuu danda'a. Hojii keenyatu murteessa jechuudha."

    Torban tokkoofi lamaan dhufanitti qaamoleen garaa garaa gahee isaanii yoo gumaachuu baatan dhukkubni koronaavaayirasii kan amma jiru caalaa hammaachuu akka danda'au Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.

    ''Qophii amma jiruufi haala waliigalaa jirurraa yoo ilaallu dhukkubni[tatamsa'inni] kuni dabaluu danda'a,'' jechuun Ministirri Di'eetaa Ministeera Fayyaa Dr Darajjee Dhugumaa EBC'tti himaniiru.

    ''Kana caalaa hammaachuu danda'a, kanaanis dhaabbachuu danda'a. Hojii keenyatu murteessa jechuudha."

    ''Torban tokkoofi lama dhufanitti hundi keenya xiyyeeffannoo keennine yoo hojjenne dhaabsisuu dandeenya. Kanaan achi kana caalaa tatamsa'u danda'a,'' jedhan.

    Dabalataanis, 'Guyyaa guyyaatti ergaan dabarsinu hangam ummata bira gahaa jira. Hangi ummanni miidiyaa hordofu xiqqaadha,' jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

    Ummanni hubannoo walfakkaataa qabaachuu dhabuun isaa immoo rakkoo akka ta'e ibsaniiru.

  8. Finfinneetti namootni 150 mana shiishaatii qabaman

    Finfinneetti mana xiqqoo keessatti heddummatanii Shiishaa xuuxaa namootni turan to’annoo jala oolan.

    Hoogganaan Qajeelcha Poolisii kutaa magaalaa Addis Katamaa Komaandar Kabbadaa Asfaaw namootni mana gandaa xiqqoo keessatti osoo shiishaa xuuxanii qabaman kun 150 ta’uu ibsaniiru.

    Gochi kun seeraan ala ta’uun dabalataan duula mootummaan tamsa’ina COVID-19 to’achuuf eegaleetti gufuu ta’a jechuun to’atamuus Komaandar Kabbadaan ibsaniiru.

    Namootni kun kan qabaman kutaa magaalaa Addis Katamaa ganda 01 naannoo maqaa addaa gommaa taraa jedhamutti.

    Finfinneetti namootni 150 mana shiishaatii qabaman

    Madda suuraa, Poolisii magaalaa Finfinnee

  9. Ummati koronaavaayirasiirraa akka of eegu artistoonni waamicha dabarsan

    Ummanni koronaavaayirasii ofirraa ittisuf harka wal fuudhu akka dhiisu artistoonni garaa garaa waamicha dhiheessan.

    Viidiyoo afaan garaa garaan gadhiisaniin ummanni akka of dagatuu hin qabne dhaamaniiru.

    Ergaan ijoo viidiyoo gadhiifame lama: harka fudhuu akka hin qabneefi waliin malee qofa qofaatti hin fayyinu kan jedhudha.

    Viidiyoon artistootaan qophaa’e kuni ummanni akka irraa baratuf tolaan kan gadhiifame akka ta'e ogeessi fiilmii Kibra’aalam Fantaa BBC'tit himeera.

    ‘Harka hin fuunu, harka fuune jenna malee’ waan jedhudha hiikni viidiyoorra gadhiifame.

    Maloota dhukkuboota koronaavaayirasii ofirraa itti ittisan keessaa tokko harka wal fuudhuu dhabuudha.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  10. Mala aadaatiin koronaavaayirasii ofirraa ittisuun ni danda'amaa?

    Erga weerarri koronaavaayirasii mudatee as Itoophiyaa bakka tokko tokkotti gatiin qullubbii adii, qaaraa fi jinjibilaa dabaleera.

    ''Jinjibila, qullubbii adii, feexoo, kororimaa daaknee cuunfaa looomii fi dammaan walitti makne fayyadamaa jirra," jedhu jiraataan magaalaa Adaamaa dubbisne.

    Kanas galgala galgala fal'aana tokko tokko nyaannee rafna jedhu. Qorichi kuni dhibee koronaavaayirasii irraa akka gaariitti nu ittisa jedhaniis amanu.

    Ogeessi fayyaa Dr. Nureddiin Lukee immoo qorichoonnii aadaan fudhataman kunneen koronaavaayirasii namarraa ittisu kan jedhu qorannoon mirkaneesse waan hin jirreef akka qorichaatti kan ajajamu miti jechuun himu.

    "Wantoonni akka qullubbii adii fi Jinjibilaa kuni dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaama namaa ni dabalu. Akkasumas dhangala'aa baay'inaan fudhachuunis gaariidha," jedhan.

    Qorichoonni aadaa kunneen fayyadamuun miidhaa qabaachuu baatus dagannaa uumuu malas jedhan Dr. Nureddiin.

    Mala aadaatiin koronaavaayirasii ofirraa ittisuun ni danda'amaa?

    Madda suuraa, Lati HUNDE/twitter

  11. Ameerikaan sodaa koronaavaayirasiin hidhamtoota hiikuu eegalte

    Erga dhukkubni koronaavaayirasii manneen hidhaa keessa seenuun gabaafame booda manneen hidhaa Ameerikaa hidhamtoota hiikuuf jedhu.

    Magaalli Niiw Yoork hidhamtoota ‘’dhukkubaaf saaxilaman’’ akka gadhiisaa jirtu.

    Kanneen riiformii manneen hidhaa haadhessan kanneen hidhaman hidhaa jiran carraan dhukkuba kanaaf saaxilamuu isaanii olaanaadha jedhu.

    Ameerikaa keessatti namoonni dhukkuba COVID-19’n qabaman 9,400 kan jiran yoo ta’u, 204 du’aniiru.

    Akka addunyaatti ammoo kanneen du’an 10,000 caalaniiru.

    Mana hidhaa Ameerikaa

    Madda suuraa, Getty Images

  12. Shaqaxa manatti kuusuun maaliif rakkoo qabaata?

    Erga oduun koronaavaayirasii mudachuunsaa dhagahamee kaasee namoonni addunyaa irraa waan danda’ameef hunda bitanii kaawwachaa jiru.

    Hojjattoonni fayyaa garuu kuusaa suuqiiwwanii qullaatti hambisuun gaarii miti jechuun dubbatu.

    Kanaafis sababii yoo himan, namoonni waa bitatanii kufachuuf dandeettii maallaqaa hinqabaannee fi maatiisaanii balaaf akka hinsaaxilamne yaaddoofna jedhu.

    Ofii haalli namoota mi’a baay'inaan bitan itti to’atamu ykn suuqiiwwan deebiifamanii mi’aan itti guutaman ni jiraataa laata?

    Suuqii duwwaa

    Madda suuraa, Getty Images

  13. Biyyoota Afrikaa kamtu imala dhorke?

    Biyyoonni Afrikaa hedduu imala biyya keessaa alatti akkasumas biyyoota alarraa keessatti taasifamu dhorkaniiru.

    Kunis tamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf tarkaanfiiwwan fudhataman keessaati.

    Kaanimmoo kan alaa gale hundi torban lamaaf akk of qoode jiraatu murteessaniiru.

    Eenyutu kana godhe kan jedhu suuraa kanaa gadiirraa ilaalaa.

    Biyyoota Afrikaa kamtu sababa koronaavaayirasiin imala dhorkan?
  14. Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du’anii 10,000 caale

    Lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du’anii waliigalatti kuma 10 caale.

    Ragaan Yunivarsitii Joons Hopkiinsi akka mul’isuutti, addunyaa guutuutti lakkoofsi namoota sababii koronaavaayirasitiin lubbuun isaanii darbee 10, 000 ol gaheera.

    Lakkoofsi namoota vaayirasichaan faalaman ammoo kuma 250 gahuuf adeema

    Namoonni erga vaayirasichaan qabamanii booda bayyanatan ammoo kuma 86 ol ta’eera.

    Namota konkolaataakeessaa dhukkubsataa baasaa jiran
  15. Kaalifoorniyaan namni manaa akka gadi hin baane labsite

    Ameerikaatti bulchiinsi Kaalifoorniyaa namni manaa akka gadi hin baane labsite.

    Bulchiinsota Ameerikaa keessaa lakkoofsa ummataa hedduu kan qabdu Kaaliforniyaan, tamsa’ina Covid-19 ittisuuf namuu mana akka oolu labsiteetti.

    Sochiileen akka wantoota barbaachisoo bitachuufi shaakallii qaamaa gochuun garuu hin dhorkamne.

    Namni sababa barbaachisaa hin taaneef manaa akka gadi hin baane bulchaa Kaaliiforniyaa Gaviin Niiwsoomtu labse.

    Ameerikaan vaayirasii Kanaan namoota 205 du’aan kan dhabde yoo ta’u, namootni vayirasichan qabaman ammo 14,000 gaheera.

    Kaalifoorniyaan namni manaa akka gadi hin bane labsite

    Madda suuraa, gettyimages

  16. UK'n ogeessota fayyaa sooroma bahan 65,000 waamicha dhiyeessite

    UK keessatti weerara koroonaavaayirasii kana to’achuuf akka gargaaraniif jechaa oggeessota fayyaa sooroma ba’an 65,000tti xalayaan akka isaan hojitti deebi’an gaafatu ergameera.

    Aanga’onni olaanoo akka jedhanitti tajaajilaa dursaa kennamuu dabaluuf hojjattonni duraanii ni barbaachisu. Mootummaan ammoo gama isaatiin hospitaalotni meeshalee of eeggannoofi qilleensa to’atan ga’aa akka qabaatan akka taasisu waadaa seenera.

    Tarreeffama mootummaan hojjettoota vaayirasicha loluu keessatti ijoo dha jedhu keessa kan jiran oggeessota fayyaa, barsiisota, poolisiifi namoota hojii nyaataafi meeshalee fayyaa namootaf geessuu keessatti hirmaataniidha.

    Dabalataan hogganaan biyyatti dorgaa mindaa hojii ofii itti eeggatan ni labsa jedhame eegama. Jireenyi UK keessa jiru bayyinaan yeroo dhabbate kanatti dhaabbileen hedduu hojii dhabuu akka danda’aniifi namootni hedduun hojii ala ta’u akka danda’an akeekkachiisaniiru.

    Yaadni irratti mootummaan mari’achaa jiru tokko mootummaan UK fakkeenya biyyoota akka Deenmaarki hordofuun dhabbileen dhuunfaa hojjotoota isaani yoo hojirraa ari’uu dhiisuutti waiigalan mootummaan kaafaaltii miindaa ji’a sadii %75 akka kaffalu taasisudha. UK keessatti namootni 3,269 koronaavaayirasi Covid-19 qabamanii namootnii 144 ammoo lubbuun isaanii darbeera.

    Hakiimota Fayyaa UK

    Madda suuraa, Getty Images

  17. Tuniziyaan nama jalqabaa koronaavaayirasiin lubbuu dhabde mirkaneessite

    Namni jalqabaa sababa dhukkuba koronaavaayirasiin lubbuu dhabde dubartii umrii 72 akka taate beeksisteetti.

    Dubartiin kuni kaleessa galgala hospitaalatti du’uutu gabaafame.

    Ministirri Fayyaa biyyattii ibsa baaseen dubartiin kuni biyya Turkii irraa guyyaa afur dura gara Tuniziyaa imalanidha.

    Ibsi kuni dubartiin kuni dhukkuba hin beekamneen hubamaa akka turan eera.

    Dubartiin kuni erga biyya biraarraa dhufanii of qoodanii jiraataa turanis dhukkubi isaanii hammaate jennaan hospitaala geeffamuufi qorannoon mirkaneessuu isaa ibsa.

    Tuniziyaan guyyoota 19 dura nama dhukkubi kuni irratti argame ifoomsite.Yeroo ammaa 39 irratti argameera.

    Namni jalqabaa dhukkubni kuni irratti argame garuu kaleessuma fayyee hospitaalarraa bahe.

    Torban darbe qondaaltonni Tuniziyaa namoonni biyya alaatii galan torba lamaaf akka of qoodan dhaamaniiru.

    Biyyattiin dhukkuba kana to’achuuf daangaa ishee lafoo fi kan qilleensaa cufatteeti.

    Yeroo ammaa namoonni 39 Tuniziyaatti dhukkuba kanaan qabamaniiru

    Madda suuraa, Getty Images

  18. Afrikaan Kibbaa daangaa Zimbaabuwee irratti dallaa ijaaruufi

    Afrikaan Kibbaa kan kana gochuu yaaddeef koronaavaayirasii babal’achaa jiru to’achuufi jedhameera.

    Dallaan kunis ji’a tokko keessatti ijaaramee akka xumuramu ibsameera.

    Dabalataanis, godaantota waraqaa hin qabne to’achuu dandeessisa jedhaniiru Ministirri biyyattii Paatris Di Liil.

    Kuni erga pirezidantiin biyyattii Siriil Raamaaposaa dhukkubicha rakkoo biyyaalessaa jedhanii labsanii booda tarkaanfii fudhatamedha.

    Dallaan kuni meetira 1.8 kan dheeratu yoo ta’u kiiloomeetira 20 fagaata jedhameera.

    Daangaan ijoo biyyoota lamaan walitti fidu, Beyitibiriij, jedhamullee ni cufama jedhan.

    Dhukkubni jalqabaa biyya Afrikaa Kibbaa keessa torban lama dura erga argame as kanneen irratti argame 150 gahaniiru.

    Zimbaabuween garuu hanga ammaa nama dhukkuba kanaan qabame jette akka hin arganne ibsiteetti.

    Ta’us pirezidantiin biyyattii Imarsan Minaangaaguwaa Kibxata dhufu eegalee manneen barnootaa biyyattii keessa jiran hundi akka cufaman ajajaniiru.

    Bakki Beyitbiriij jedhamu daangaa ijoo biyyoota lamaan qunnamsiisudha

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Bakki Beyitbiriij jedhamu daangaa ijoo biyyoota lamaan qunnamsiisudha
  19. Lakkoofsi namoota Itoophiyaatti koronaavaayirasiin qabamanii 9 gahe

    Ministirri Fayyaa Itoophiyaa halkan kaleessaa akka beeksisetti kan duraan 6 gahan gara 9’tti guddataniiru.

    Torban har’aa, Jimaata, Itoophiyaan namni jalqabaa dhukkuba addunyaatti tamsa’aa jiru erga mirkaneessitee booda kaleessa galgala namoonni dabalataa sadii irraa argachuu beeksiste.

    Sadii kanneen keessaa tokko lammii Itoophiyaati. Lammiin Itoophiyaa akkawoo ganna 85 dha.

    Kan biraa lammii Jaappaan yoo ta’an umriin isaanii 44 jedhameera.

    Kan sadaffaa lammii Ostiriyaa umrii 39 qaban akka ta’anis ibsameera.

    Namoota sadii akka haaraatti qabamuun isaanii mirkanaa’e keessaa lammiin Jaappaan nama jalqaba qabame waliin kan kan walitti dhufeenya qabanidha jedhameera.

    Akkawoon lammii Itoophiyaa immoo torban lama dura biyya alaa irraa gara Itoophiyaa kan galanidha.

    Namni sadaffaan qabamuun isaanii mirkanaa’e immoo guyyoota muraasa dura Siwitzarlaand irraa gara Finfinnee kan dhufanidha.

    Namni lammii Ostiriyaa kuni of qoodanii erga jiraatanii booda mallattoon irratti argame jennaan bakka kunuunsi taasifamutti seenuun qoratamaniiti kan irratti argame.

    Hanga yoonaa Itoophiyaa keessatti dhukkubichi kan irratti argame keessaa 4 lammii Jaappaan, 3 lammii Itoophiyaa, 1 Ingilizii akkasumas 1 Ostiriyaadha.

    Ministeerri Fayyaa guyyaa dheengaddaa akka beeksisetti jaha duraan dhukkubsachun isaanii mirkanaa’e keessaa 4 kan bayyanatan yoo ta’u 2 immoo bayyanachaa akka jiran himee ture.

    Buufata xiyyaaraa Itoophiyaatti qorannoo taasifamaaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images