Kan har'aa obbaasne!
Gabaasa kallattiin isin biraan gahaa turre kan har'aa obbaasne.
Boru walitti dachaana, nagaa Waaqaa keessa bulaa!
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota COVID19n qabamuu mirknaa'e jaha. Biyya ollaa Keeniyaattis namoota torba qaqqabeera. Akka addunyaattis lakkoofsi namoota COVID-19 qabamuun mirkanaa'e 200,000 ol gaheera. Vaayirasii kanaan lubbuun namoota 9,000tti siqu obba'eera.
Berhanu Gemechu and Elias Hordofa
Gabaasa kallattiin isin biraan gahaa turre kan har'aa obbaasne.
Boru walitti dachaana, nagaa Waaqaa keessa bulaa!

Madda suuraa, Getty Images
Koronaavaayirasiin Italii keessatti har'a qofa namoota 427 ajjeese.
Biyyattii keessatti wayita ammaa namoonni 3,405 vaayirasichaan kan lubbuu dhaban yoo ta'u kunis kan Chaayinaa keessatti sababa kanaan du'an caaleera.
Chaayinaa keessatti namootni du'an 3,245 yoo ta'u lakkoofsi kun hagam akka amanamu gaaffii ni ka'a.
Biyyattiin guutuun sochii dhaabdee lammileen ishee manaa akka hin baane kan labsame Bitootessa 12 ture.
Haa ta'u malee weerarri vaayirasichaa guyyuu dabalaa jira.
Sadarkaa addunyaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 220,000 yoo taru, namoonni 9000 ol lubbuu dhabanii jiru.

Naannoon Amaaraa magaalota kallattii gara garaan seensa naannichaarra jira akka Dajan, Dabrabirhaanifi Baatii dabalatee seensa 19 irratti Wiixata irraa eegalee ho'a qaamaa imaltootaa safaruu eegaluufi.
Naannoo Amaaraatti namoota mallatton koronaavaayirasii irratti mul'ate jaha keessaa afur vayirasicharraa bilisa ta'uu isaanii Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.
Namootni lama hafan ammoo bu'aan qorannoo isaanii eeggamaa jira, akkuma barameen ifa taasifama jedhe.
Koronaavaayirasii ilaalchisuun ibsa har'a magaalaa Baahirdaaritti kennaniin, ogeeyyii fayyaa 300 ta'aniif leenjiin kennamuu isaa hogganaan Biiroo Fayyaa naannichaa Dr Malkaamuu Abbitee himaniiru.
Amma dura uufataalee Xiyyaaraa afur naannicha keessa jiraniifi seensa daangaa Sudaan magaalaa Matammaatti namoota 1900 ta'an ho'a qaamaa isaanii qorachuus dubbataniiru.
Gabaasa guutuu asii dubbisaa:Naannoon Amaaraa seensa naannichaa irratti sakkatta'iinsa koronaa eegaluufi

Madda suuraa, Getty Images
Kaameroon imaltoonni 198 xiyyaara 'Air France'n magaalaa guddoo biyyattii Yaawundee gahan akka adda of baasan gaafatte.
Imaltoonni kun Bitootessa 17 kan achi gahan yoo ta'an isaan keessaa namootni 3 koronaavaayirasiin qabamuun isaanii erga mirkanaa'ee booda murteen kun darbe.
Kaameroon keessatti hanga ammaa namooti dhibee COVID19 koronaavaayirasiin dhufuun qabaman 10 gahaniiru

Madda suuraa, Addis Ababa Police Commission/facebook
Magaalaa Finfinnee keessatti erga koronaavaayirasiin argamuun dhagahamee booda, namoota tokko tokkoon qoccollaan lammiilee biyyoota alaarratti raawwatamaa jiru, waan ta'uu hin malleefi gocha seeraan alaati jedhe poolisiin Finfinnee.
Vaayirasichi sanyii, bifa, saalaafi umuriin dhala namaa osoo gargar hin qoodiin guutuu addunyaatti miidhaa geessisaa jira jedhe ibsi komishinii poolisii magaalattii.
Addunyaanis tokko ta'ee vaayirasicha ofirraa ittisuuf wayita qabsaa'aa jirutti magaalaa Finfinnee naannoo Boolee Mikaa'eli fi Masqal Filaawor jedhamanitti lammilee biyya alaa irratti doorsisiifi qoccolloon adda addaa raawwatamuu quba qaba jedha.
Doorsisni kun konkolaachisaa sarviisii daandii qilleensa Itoophiyaa fi hojjettoota dhabbatichaa irrattis raawwachaa akka jiru himeera.
Gochi lammilee biyyoota alaa irratti raawwatu kun yakka ta'uu qofa osoo hin taane, gama dippiloomasiin miidhaa akka qabu poolisiin himeera.
Poolisiin namoota yakka akkasii hojjetan seeratti akka dhiyeessu himuun, yakka akkanaa ittisuuf hojii poolisiin hojjetu hawaasni eeruu kennuun akka deeggarus dhaameera.

Madda suuraa, bbc
Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa dhibee Kooroonaavaayiras ilaalchisuun hawaasni musliimaa solaataan ala iddoo sagadaatti yeroo dheeraaf akka hin turre gorse.
"Xiqqaachuun lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii nu dagachiisuu hin qabu" kan jedhe ibsi mana marichaa, meeshaaleen qulqullinaaf oolan akka saamunaa, alkoolii fi kunnen biroo seensa masjiidotaarra akka kaa'aman himeera.
"Dhibeen kun badii hojjenneef adabbii dhufedha. Kanaaf hawaasni uumaasaa dhiifama gaafachuu qabas" jedhameera.
Haa ta'u malee hawaasni sodaa hin malle fi jeeqamuu irraa akka of qusatu fi odeeffannoos maddoota amanamoo irraa fudhachuu akka qabu dhaame.
Dabalata asii dubbisaa: 'Amantoonni iddoo sagadaa yeroo dheeraa turuu hin qaban'
Dhukkubni koronaavaayirasii saba yookiin biyya waliin wal hin qabatu jechuun Ministirri Fayyaa Itoophiyaa himan.
Dr Liyaa Taaddasaa fuula tiwiitaraa isaanii irratti koronaavaayirasiin ‘farra namummaa waan ta’ef waliin qolannee inifachuu qabna,’ jedhaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa addunyaa kaan waliin wal ta’un rakkoo addunyaa ta'e kana ittisuuf akka waliin socho’an dhaamsa dabarsaniiru.
Guyyaa kaleessaa Imbaasiin Ameerikaa magaalaa Finfinnee jiru ibsa baaseen lammiileen biyya alaa irratti sababa dhukkuba vaayirasii tamsa’aa jirun walqabate haleellaan irratti raawwataa jira jedheera.
Gama kaaniin, Waldaan Gaazexeessitoota Biyya Alaa Itoophiyaa jiru ibsa baaseen immoo gaazexeessitoota lama irratti haleellaan raawwachuu ibseera.

Madda suuraa, EPA
Biyyoonni Awurooppaa weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf jecha tarkaanfiiwwan manaa bahuu dhorkuu, manne barnootaa cufuu, walitti qabama ummataa dhorkuu kanaan dura hojiirra jiru dheeresuuf yaadaa jiru.
Xaaliyaanii keessatti manaa bahuun kan dhorkame Mudde 12 irraa eegalee ta’ullee namoonni dhibee COVID-19n du’anii kan Chaayinaa bakka dhibee kun irraa ka’ee caaluuf jira.
Kanaaf jecha, ministirri muummee biyyattii manaafi magaalaa cufachuun sochii dhorkuun hanga Mudde 25’tti akka dheeratu gaafateera.
Faransaayilleen akkuma kana guyyoota 15'f kan cufattee turte akka dheeressuuf jirtu yaadaa jirti.
Gaggeessitoonni biyyoota Awurooppaa kun garuu rakkoon kun yoom akka dhaabbachuu danda’u guyyaa ifa ta’e dubbachuurraa of qusataniiru.
Yeroo ammaa kanatti akka addunyaatti namoonni 223,000tti kan siqan kan qabaman yoo ta’u 9,000 kan dhiyaatu ammoo lubbuun darbeera.

Dhimmoota dhukkuba koronaavaayirasii ilaalchisuun gaaffiiwwan hordoftoonni keenya gaafatan keessaa muraasni:
Bishaan namoonni hedduu daakan keessa daakuun amansiisaadhaa?
Koronaavaayirasiirraa fayyitee booda lamaffaa hin qabamtuu?
Vaayirasichi yeroo hangamiif meeshaaleefi wantoota irra bu'erra tura?
Ogeessi BBC dhimma fayyaa xiinxalu gaaffiilee ijoo koronaavaayirasii ilaalchisee karaaa adda addaa dhiyaataniif deebii kennaa jiru.
Dhukkubni kuni hangam namarra tura?
Namoota shan keessaa afurif dhibeen COVID-19 dhukkuba salphaadha, akkuma qufaa/utaallooti.
Mallattoon isaa qaama gubuufi qufaa gogaa (laphee nama gogsu) dha. Guyyoota muraasaaf miirri kee sitti toluu dhiisuu danda'a.
Garuu erga mallattoon isaa sirratti mul'atee torban tokko keessatti fayyummaatti deebiyuu qabda.
Namoonni hedduun akkuma qabamanillee hin beekan.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "akka pirezedaantii yeroo waraanaatti" of ilaaluun biyyi isaanii "mo'ichaan akka galtu" dhaadatan.
Muuxannoo tarkaanfii bara waraan Kooriyaa fudhatame kan US akka meeshaalee fayyaa barbaachisoo dhiyeessuuf omisha saffisiisuu dandeesse yaadachuun, garee wallaansa humnoota waraanaa Ameerikaa qophii taasisaa kan jiru ta'uu himan pirezedaantichi.
Ameerikaan omisha meeshaalee kanaaf barbaachisanis saffiisaan gaggeessaa jirti jedhan.
Dooniiwwan hospitaaloota waraana galaanaa lamas hir'ina siree dhukkubsattootaa mudachuu danda'uuf jecha qophii taasisaa jiraachunsaanii ibsaniiru. Miseensoonni humna waraanaa kan biraas haala of-eegannoodhaan dhaabbachuun hanga ajajni darbuufiitti eeggachaa jiru jedhame.
Haaluma walfakkaatuun ammoo miseensoota mana maree Ameerikaa lama irratti vaayirasiin akka argame himameera.
Hanga ammaattis Ameerikaatti namoonni 9,300 COVID-19 kan qabaman yoo ta'u, namoonni gara 150 ta'an osoo hindu'iin hinhanfe jedhamee yaadama.
Pirezidaanti Tiraampis gaaffii gaazexessitootaa biyyattii vaayirasichi ittiisuuf hangam qophoofte jirti jechuun dhiyaateef deebii yoo kennan, ''haalli keessatti argamnu waraana'' erga jedhaniin booda, ''ofii kiyyas kanan ilaalu akka pirezidaantii tibba waraanaatti'' jedhaniiru.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, OMN/SCREENSHOT
Hayyu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaa ibsa har’a miidiyaaleef kennaniin intarneetiifi bilbilli bakkeewwan Oromiyaa gara garaatti cufame akka banamu gaafatan.
Keessumaa yeroo dhukkubni koronaavaayirasii addunyaa yaaddesse kanatti odeeffannoon ummata hunda qaqqabuu qaba jechuun himaniiru.
‘’… bilbilaafi intarneetii ummatoota hundaatif banaa akka ta’uufi haal duree tokko malee daddaffiidhaan akka banamu gaafanna,’’ jechuun himan.
Ummanni dhukkuba kana ittisuuf gorsa ogeeyyiin fayyaafi Ministeerri Fayyaa yeroo yeroodhaan baasaa jiran akka hordofullee dhaaman.
Ogeeyyiin fayyaa ‘haala jireenya ummata kenyaafi hiyyummaa isaa tilmaama keessa galchuudhaan,’ karaa umanni ofirraa ittisuu danda’u akka qoratanis Obbo Daawud gaafataniiru.
Dabalataan, dargaggoonniifi miseensonni dhaabichaa tola ooltummaan tajajailuudhaaf akka of qopheessan himan.
Sababa rakkoo nageenyaan magaalaa Holataa gadi eegalee bakkeewwan hedduu Lixa Oromiyaatti intarneetiin erga cufamee torban kudha tokko ta’uf deema.
Intarneetiin ala tajaajilli bilbila mobaayilaa magaalota muraasaan alatti godinoota Wallagga afran hedduu keessa hojjetaa hin jiru.
Hangi fayyadamtoota intarneetii Itoophiyaa keessatti 10% gadi ta'us ijoo dubbii hawaasaa qajeelchuu keessatti gaheen isaanii olaanaadha.
Mootummaan intarneetiin cufamuu isaatti nagaan akka dhufeefi hidhattoota irratti tarkaanfii fudhachuuf akka isa gargaare beeksiseera.
Haa ta'u male, mirga odeeffannoo argachuu hawaasichaa waan sarbuf akka banamu paartileen siyaasaa, rogeeyyiiniifi dhaabbileen mirga namoomaa kanneen akka Human Rights Watch dabalatee gaafataniiru.
Hanga yoonaa gama mootummaan dhimma kana irratti murteen darbe akka hin jirre dhihoo Hojii Gaggeessituun olaantuu Itiyoo - Telekoom BBC'tti himuun isaanii ni yaadatama.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad ogeessota kominikeeshinii walitti qabun dhukkuba kana ittisuu keessatti imaanaan guddaa isaanirra akka ka'ame ibsuun odeeffannoo wayitawaa hawaasa biraan akka gahan dhaamaniru.
Kunis, komii intarneeta cufamuun walqabatee ka'uf akka deebiitti ilaalameera.
Hanga ammaa Itoophiyaatti namoonni dhukkuba sadarkaa weerararra gahe kanaan qabaman 6 yeroo ta'an isaan keessaa 4 sadarkaa gaarirra akka jiran ibsameera.
Itoophiyaatti kan du'e jiraatuu dhibus lammiileen Iama biyya Xaaliyaanii jiraatan du'uun isaanii ni yaadatama.

Madda suuraa, Getty Images
Ardiin koronaavaayirasi irraa bilisa taate Antaarkitikaa qofaadha.
Akaakuu simbirroo balali’uu hin dandeenye pengiyuun jedhamananiifi garee qorattoota idil-addunyaa baayyeetu ardii kanarra jira.
Hanga ammaatti weerarri dhibee kanaas ta’e mallattoowwan dhukkuba COVID-19 achi keessatti hin mul’anne.
Of eegannoodhaaf qorattoonni Biriitish osoo gara kibba ardii kanaatti hin imaliin dura guyyoota 14'f adda of baasanii qofaatti turuu qabu jedhame.
Yoo tarii weerarri kun ardii kanatti ce’ee toorri ittiin waan barbaachisu dhiyeessan addaan citeef jecha dursanii of-eeggannoo taasisuuf karoorris qabameera.
Waggaa guutuu qorattoonni 1,000 ta’an guutummaa addunyaa iraa Antaarktikaatti walgahu.
Hospitaalli ardii kanatti dhiyoodha jedhanu, bakka kunuunsa addaa cimaa ta’e itti kennan qabu, kiiloomeetira kuma hedduu irraa fagaatee biyya Chiilii keessa kan jirudha.

Addunyaa gutuutti manneen barnootaa hedduun cufamaa wayita jiru kanatti maatiin jeequmsa ijoollee waliin rakkataa jiran hin dhabamau.
Tarii kana hir'isuuf gadi bahanii ijoollee biraa waliin akka xabatan hayyamtuufii? Yookaanis akeekachiifni aka gadi hin baane jedhu kun ijoolleedhaafis ni hojjata?
Oggeessoonni fayyaa garuu nama qufa'u ykn axxiffatu kamirraayyuu yoo xinnaate meetira lama fagaachuun barbaachisaa ta'uu goorsu.
Kanaafuu, isin ijoollee keessan amma sababii manni barnootaa cufamusaatti gara qe'eetti deebii'aniitti maala jettanii gorsitan laata?
Akkasumas bakka namoonni baayyeen itti walitti qabanitti argamuun mataansaa dhiibbaa qabaachuu malu yaaduun barbaachisaadha.

Madda suuraa, Ethiopian Press Agency
Itoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii sududaan dabalaa jaha gaheera.
Namoota vaayirasichi keessatti argame waliin qunnamtii kan qaban namoonni 1000 ta'an adda baafamanii hordofamaa jiru.
Tamsa'ina vaayirasii kanaa to'achuuf mootummaan manneen barnootaa cufuu dabalatee uummanni akka walitti hin qabamne dhorkuufi tarkaanfiiwwaan biroo fudhachaa jira.
Haa ta'u malee ammallee biyyattiin weerara vaayirasii kanaaf qophii gahaa akka hin qabne wantoonni agarsiisan hedduutu jiru.
Vaayirasichi namarraa namatti kan darbu ta'uu isaan wal-qabatee maloota ittiin weerara vaayirasichaa to'achuuf biyyoonni itti fayyadamaa jiran keessaa tokko 'social distancing' ykn namni akka walitti hin qabamne dhorkuudha.
Mootummaan Itoophiyaa kana hambisuuf jechaa tarkaanfiiwwan akka walgahii gurguddoo dhorkuufi mana baruumsaa cufuu haa fudhatuyyuu malee namni walitti qabamuu hin dhiifne.
Haaluma wal fakkaatuun carraa mana jireenyaa waliinii (kondomiiniyamii) ilaallachuuf namoonni dhibba hedduun lakkaa'aman Finfinneetti walitti qabamuun marsaalee hawaasa irratti komii kaaseera.
Konkolaataawwaan tajaajila geejjibaa keennan nama humnaa ol walirratti fe'uu akkuma itti fufanitti jiraachuun sodaa biraati.
Kanatti dabalataan ammallee namoonni sababawwan gara garaatiin walitti qabamuu hin dhiifne, kun hagam gama kanaan qophiin akka hin jirre agarsiisa.
Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti garee weerara vaayirasicha dursee ittisuufi deebii kennuuf hundaa'ee kan qindeessan Obbo Zawuduu Asaffaa gama kanaan rakkoon akka jiru dubbatu.
Uummanni wantoota vaayirasichaa ittisuuf barbaachisan yoo bitatu haalaa caalaatti tamsa'ina vaayirasichaaf hiree uumuun ta'uu hin qabu, kanaafis hojii hubannoo uumuu hojjechaa jirra jedhu Obbo Zawuduun.
Qabxiileen kaan biroo maali? Hidhaa kana hordofuun dubbisaa
Weerara koronaavaayiras ilaalchisuun addunyaa kanarraa biyya maal keessa akka jirtu namuu hin beekne jirti.
Biyyattii keessatti nama meeqatu koronaavaayirasiin qabame, meeqatu ammoo fayye, meeqatuus lubbuun darbe? kanneen jedhaniifi kanneen biroo dhaga’uun hin danda’amne.
Biyyi kun Kooriya Kaabaadha.
Garuu odeeffannoon mootummaan himame kan hin jirre ta’us namoonni qabaman jiraachuun ni shakkama jedhu hojjetaan NK News Oliiver Hothaam.
“Namoonni qaban jiraachuun kan shakkamu ammoo gara naannoo daangaa isheerratti kan murtaa’e ta’uu mala,” jechuun ibsa.
Magaalaa guddittii biyyattii Piyoongiyaang keessatti akka hin tatamsaane maaltu beeka?
Jalqaba torbee kanaarra, aanga’oonni biyyattii gaggeessaa isaanii Kiim Joong-un dabalatee hospitaala haaraa jalqabsiisuu irratti argamaniiru. Tokkoon isaaniillee garuu maaskii hin aguugganne.
Haata’u malee, miidiyaan mootummaa waa’ee dhorkaa daangaa irratti taasifamuufi, duulawwan fayyaafi of-eeggannoo ilaalchisee gabaasa hedduu dhiyeessaa jiru.
Aanga’ootas ta’e lammileen qajeelfama of-eeggannoo fayyaa weerera koronaavaayiras kana ittisuuf taaifamu hojiirra hin oolchine addabaabaayii irratti adabamu.

Madda suuraa, KCN

Madda suuraa, AFP
Manneen amantaa Keeniyaa keessaa tokko tokko, waaqeffannaa iddoowwan amantiitti godhamu dhorkan.
Bataskaanonni: The Presbyterian Church of East Africa, All Saints' Cathedral of Anglican Church, Christ is the Answer Ministries, Kenya Assemblies of God fi Nairobi ChapelBataskaanonni jedhaman waldaa keessatti walitti qabamuu dhorkaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyoonni akka Koriyaa Kaabaa, Chaayinaafi Singaappoor weerara koronaa marsaa lammaffaa namoota alaa galanii hedduun mudataa jiru keessaatti argamu.
Chaayinaan biyyi jalqaba vaayirasichi keessatti mudate, guyyaa Kamisaa erga dhibeen kun eegale qabee yeroo jalqabaatiif mudannoo haaraan omtuu osoo hin galmaa'iin ooleera.
Haata'u malee, manoota dhiheenya gara biyyaattiitti deebii'an keessaa kan haaraa qabaman 34 Chaayiaa keessaatti galmaa'eera.
Siingaappoor ammoo namoota haaraa qabaman 43 keessaa 33n isaanii kan dhiheenya gara biyyaatti deebii'aniidha.
Akkasumas Chaayinaatti Komishiniin Fayyaa biyyattii erga vaayirasichi baatii Muddee keessa ka'ee eegalee yeroo jalqabaatiif wanti haaraan mudate biyyattii keessatti galmaa'ee hin jiru jedheera.
Kana malees, Wuhaan keessatti wanti haaraan mudate hin jiru. Haa ta'u malee, namoonni vaayirasichaan qabaman 34 argamaniiru. Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota du'anii 3,245 kan qaqabee yoo ta'u, lakkoosfa biyyattin dhiyeessaa jirtu kanarratti namoonni gaaffii kaasanis hin dhabamne.

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) biyyoonni Afrikaa koronaavaayirasii ilaalchisee waan hamaa dhufu danda’uuf of qopheessuu akka qaban akeekkachiise.
Ardii kana irratti hanga ammaatti lubbuun namoota 16 darbeera. Biyyoonni lubbuu namootaa keessatti darbes: Ja’a Masiriitti, ja’a Aljeeriyaa, lama ammoo Morookootti, tokko Sudaanitti, tokko ammoo Burkinaa Faasoottidha.
Hanga ammaatti Afrikaan ardii baayyee dhibee kanaan hin miidhamnedha.
Garuu ogeessonni fayyaa sirna fayyaa ardittii keessatti rakkoo walxaxaa keessa jiruuf yaaddessaa ta’uu mala jechuun akeekkachiisaa jiru.
Dursaan WHO Dr. Tediroos Adhaanom AFPn akka barreessetti akkas jedhan: “Afrikaan dammaquu qabdi. Biyyoota birootti vaayirasiin kun erga takkaa bakka tokkotti agamee akkamitti akka saffisaan tatamsa’u argineerra,”
Biyyoota Afrikaa Sahaaraan gadii keessatti yeroo jalqabaatiif Burkinaa Faasoo keessatti namni du’eera.
Afrikaa Kibbaatti ammoo lakkoofsi namoota qabamanii Roobii (kaleessa) baayyee dabalee 116 irra ga’eera. Namoota COVID-19n qabaman kana keessaa harki caalan namoota Awurooppaa irraa dhufan yommuu ta’u, namoota 14 qofaatu namoota biyya keessati.

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Itoophiyaa lama biyya Xaaliyaanii jiraatan sababa dhukkuba koronaavaayirasiin lubbuu dhabuun isaanii dhagahame.
Lammiileen Itoophiyaa kunneen Xaaliyaanii keessa dhukkubichaan qabamanii wal'aansi taasifamaafi turee lubbuun isaanii darbu BBC'n maddeen Ministeera Dhimma Alaa irraa mirkaneeffateera.
Umriin namoota lamaanii 40 ol akka ta'eefi keessa tokko waggaa dheeraaf biyyicha keessa jiraachuun isaanii himameera. Tokko dhiira kan lammataa immoo dubartiidha kan jedhame.
Dubartiin du'an yoom gara Xaaliyaanii akka deeman ibsamuu baatus maatii dubbisuuf dhaqanii achi turuun isaanii beekameera.
Dhukkubni koronaavaayirasii namoota dhukkuba biraa qabaniifi dulluma keessa jiran irratti kan cimu yoo ta'u duuni lammiilee Itoophiyaas kanaan shakkameera.
Maddi Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaati BBC'n odeeffate du'a lammiilee Itoophiyaa mirkaneeffachuun ala odeeffannoon dabalataa kennuu hin feene.
Chaayinaan alatti biyyoota Awuroppaa dhukkubni koronaavaayirasii itti hammaate keessaa tokko Xaaliyaaniidha.
Yeroo ammaa biyyattiitti namoonni 31,000 ol dhukkuba kanaan kan qabaman yoo ta'u 2,503 du'aniiru.
Biyyi Xaaliyaanii tatamsa'ina dhukkuba to'achuuf manneen tajajaila kennan kan cufaman yoo ta'u lammiileenis manaa akka hin baane ajaji darbeera.
Dhukkubni kuni Itoophiyaattis kan argame yoo ta'u namoonni jaha dhukkuba kanaan qabamuun mirkanaa'eera.
Haa ta'u malee, namni du'e akka hin jirre qondaaltonni Itoophiyaa ibsaniiru.
Dhukkuba sadarkaa weeararaa gahe kana ittisuuf MM Abiy Ahimad ogeessonni fayyaaf imaanaan guddaa akka kenname ibsaniiru.
Manneen murtii yeroof hojii kan dhaaban yoo ta'u waraanni Itoophiyaa yeroo hin beekamneef kaampiidhaa akka hin baanes ajajni darbeera.
Tamsaasni keenya kallattii koronaavaayiras ilaalchisee kan biyya keessaafi guutummaa addunyaa yeroo yeroon isin biraan ga'uuf jalqabeera.
