Lammiileen Sooriyaa ulaa mana hidhaa hamaa Damaasqoo keessaa sakata'aa jiru

Lammiileen Sooriyaa erga Asaad aangooraa kaafameen booda ulaa lafa jalaa mana hidhaa hamaa Damaasqoo keessaa sakatta'an

Guduunfaa

  • Ameerikaan xumura Asaadiin gammaddus yaaddoos himatte
  • Israa'el waraanni Sooriyaa gadhiisnaan bakkeewwan Goolaan to'atte
  • Asaad Raashiyaa kooluu galuun gabaafame
  • Finciltoonni akkamiin saffisaan Damaasqoo gahan?
  • Raashiyaan Asaad 'marii' booda biyyaa bahuu himte
  • Masaraa Asaaditti gaazexeessitoonni BBC maal taajjaban?
  • Imbaasiin Iraan magaalaa Damaasqoo jiru haleelame
  • Namoonni baay'ee Asaad bu'uu isaanii barbaadu, achiiwoo maaltu ta'a?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii haaraatti waan ceeneef asiin nu hordofaa.

    Galatoomaa!

  2. Gareen Finciltoota Sooriyaa miseensota waraanaa biyyattii hundaaf dhiifama godhan

    Gareen finciltoota Sooriyaa bulchiinsa Bashir al-Asaadii fi abbaa isaa waggaa 50tti xumura godhan miseensota waraanaa hundaaf dhiifama gochuu ibsan.

    ''Namni isaan miidhu tokkollee hin jiru. Lubbuu isaaniif yaaddahuu hin qaban,'' jedhe dubbii himaan garee finciltootaa, akka Rooyitarsi gabaasetti.

    Gareen mormitoota Asaad finciltoota Hayat Tahrir al-Sham (HTS) jedhamaniin durfamuun guyyoota 12 keessatti Asaadiin fonqolchan.

    .Akka miidiyaaleen Arabaa fi Sooriyaa gabaasaa jiranitti, nama beekamaan garee kana keessaa Mohaammad al-Bashir jedhamuu bulchiinsa yeroo Sooriyaa hundaa'uuf ministira muummee tahee bulcha.

  3. Ameerikaan Asaad akka kufuuf hojjechaa turtee?

    Gorsaa Tika Biyyaalessaa US, Jeek Suuliivaan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Gorsaa Tika Biyyaalessaa US, Jeek Suuliivaan

    Ameerikaan waraana pirezidaanti Bashir al-Asaadiin kuffisee finciltoota aangootti baase keessatti kallattiin hin hirmaannet, jedhan gorsaan tika biyyaalessaa US.

    ''Waraanicha hin ajajne,'' jedhanmiidiyaa michuu BBC tahe CBStti yoo dubbatan Jeek Suuliivaan.

    ''Fuulduratti adeemuuf waan gaarii tokko ijaaruuf garuu carraa gaariidha. Garee finciltoota Sooriyaa keessaa hunda waliin Ameerikaan ni hojjetti'' jedhan.

    Dhimma Sooriyaa keessaa irratti Baayiden pirezidaantii filatamee aangoo harkaa fudhachuuf eeggachaa jiru Tiraampi waliin dubbachuu baatanis nama Jeek Suuliivaan bakka bu'uun hojjetu Maayik Waalzi waliin garuu yeroo dheeraaf dubbataniiru.

    Waayit Haawus gaazexessaa US bara 2012tti Damaasqoo keessatti achi buuteen isaa dhabame ilaalchisee odeeffannoo barbaadaa akka jirtus himaniiru.

    Namoota mana hidhaa hamaa keessaa bahan ilaalchisee eenyummaa isaanii hubachuuf Ameerikaan Tarkii, biyyoota ollaa naannichaa fi warreen Damaasqoo jiran waliin dubbachaa jiraachuus himaniiru.

  4. 'Mana hidhaa Sooriyaatti waggaa dheeraa hidhamanii namoota maqaa isaanii dagatan argine'

    Gaazexeesituun BBC Damaasqoo mana hidhaa hamaa mootummaan mormitoota isaa itti dararuufi ajjeesu Sayadinaayaa deemtee nama abbaa hiriyyaa isaa barbaadu tokko argatte.

    Dr Shaarvaan Ibeesh jedhama. Hogganaa NGO Bahaar jedhamuuti. Dhaabbatichi Sooriyaa keessatti deeggarsa namoomaa kenna. Abbaan hiriyyaa isaa waggoota 13 hidhameera. Garuu erga hidhamee achi buuteen isaa hin argamne ture.

    ‘’Baay’ee nama gaddisiisa. Odeeffannoo homaa hin arganne,’’ jedhe Ibeesh.

    Yeroo mana hidhicha bira gahan hookkara jira. Garuu keessa galuun isaaniif hin eeyyamamne.

    ‘’Hiriyyaankoo baay’ee gadditeetti. Waggoota 13 tahaniif abbaa ishee barbaadaa turtee hin arganne. Hidhamtoonni baay’een gara mana hidhaa gara biraatti akka geeffaman dhageenye.’’

    Bakka hidhamtoonni hedduun geeffamanii maatii isaanii dubbisan masjiida al-Salaam deemee homaa hin arganne.

    Ibeesh naannoo masjiidichaati namoota lama argadhe ejdhe. Waggoota dheeraa hidhamanii kan bahanidha.

    Yeroon meeqa akka tahe beekuu hin dandeenye. Maqaan keessan eenyu? Jennee gaafanne jennaan nuu deebisuu hin dandeenye. Of dagataniiru,’’ jedhe.

    Ibeesh Sharvaan kaleessa mana hidhaa deemuun abbaa hiriyyaa isaa hidhaa turan barbaadaa ture

    Madda suuraa, Ibeesh Sharvaan

    Ibsa waa'ee suuraa, Ibeesh Sharvaan kaleessa mana hidhaa deemuun abbaa hiriyyaa isaa hidhaa turan barbaadaa ture
  5. Poolisiin dhukaasa 'WBO Finfinneetti ummata rifachiiseef dhiifama' gaafate

    Suuraa [Hidhattoota Magaalaa Dambi Dolloo keessatti simataman]

    Madda suuraa, Oromia President Office

    Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa [Hidhattoota Magaalaa Dambi Dolloo keessatti simataman]

    Poolisiin magaalaa Finfinnee sagaleen dhukaasaa magaalaa keessatti tibbana dhagahame akka hin mudanne akka dalagu hime.

    ‘’Naasuufi jeequmsa lammiilee mudateef dhiifama gaafanna,’’ jedheera.

    Sagaleen dhukaasaa kuni hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo dhihoo nagaa buusuuf mootummaa waliin waliigalan dhageessisan akka ta’e ibse.

    ‘’Miseensonni hidhatan giddugala haaromsaa qophaa’efitti milkaa’inaan geeffamaa jiu.

    ‘’Kana gidduutti hidhattoonni yeroo Finfinnee qaxxaamuranii lafa leenjii deemanitti sirbaafi gammachuun yoo sosso’an waan dhukaasaniif jiraattota magaalattiirra naasuufi jeequmsi uumameera,’’ jedhe.

    Torban dura Mootummaan Naannoo Oromiyaafi Ajajaan duraanii Zoonii G/Galeessaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliigaltee kan raawwatan.

    Waliigaltee keewwata 13 qabu kuni hiree hidhattootaafi deeggarsa barbaachisuuf akkasumas waa’ee hordoffii waliigaltee kanaa ni ibsa.

    Jiraattoti dubbisne hidhattooti kuni yeroo simatamuuf magaalaa seenan dhukaasaa turani.

    Jiraataan Waliisoorraa BBC’n dubbise hidhattoonnis qawwee isaanii qabatanii akka galan himani.

    ‘’Konkolaataadhaan asiifi achi adeemaa gammachuu isaanii ibsachuuf dhukaasaa turan,'' jedhan.

    Ministirri Muummee Abiy Ahimad hidhattoota nagaan galan jajuun hidhattoonni kaanis akka faana isaanii hordofan waamicha dabarsuun ni yaadatama.

  6. Asaad Raashiyaa akka jiran gabaafame

    Kufaatii isaaniif itti gaafataman isaanumadha jette Ameerikaan

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Kufaatii isaaniif itti gaafataman isaanumadha jette Ameerikaan

    Aangoo abbaa isaanirraa dhaalaniin waggoota dheeraaf Pirezidantii Sooriyaa ta'uun kan bulchaa turan Bashaar al-Asaad erga finciltootaan aangoo irraa kaafamanii eessa jiru kan jedhu gaaffii ture.

    Ammaa garuu Asaad fi maatiin isaanii Raashiyaa Moskoo dhaquun koolu galtummaa argachuu, dhaabbileen oduu Raashiyaa madda Kireemlin wabeeffachuun gabaasaniiru.

  7. Israa'el erga waraanni Sooriyaa gadhiisee booda bakkeewwan Goolaan to'atte

    Waraanni Israa'el jiraattonni ganda shanii manaa akka hin baane dhaame

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Waraanni Israa'el jiraattonni ganda shanii manaa akka hin baane dhaame

    Waraanni Israa’el gaarreen Goolaan irratti bakkeewwan sochii waraanaa akka hin jiraanne daangeffame [buffer zone] to’ate.

    Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahuu akka beeksisanitti yeroof bakkeewwan kana qabatan.

    Murtee kanarras kan gahan waliigaltee bara 1974 Sooriyaa waliin gahame ‘’diigameera’’ jechuuni.

    Kunis, erga finciltoonni Sooriyaa Damaasqoo seenan boodadha.

    Pirezidantiin Sooriyaa Bashir al-Asaad yeroo ammaa Raashiyaatti kooluu akka galan gabaafameera.

    ‘’Daangaa keenyarratti humni diinaa kamuu akka dhaabatu hin feenu,’’ jedhan Netaaniyaahuun waraana biyyattii yeroo ajajanitti.

    Akka dhaabbati buufata isaa UK godhate himetti, waraanni Sooriyaa bakkeewwan kana kan gadhiise gaafa Sambataati.

    Gaafa Dilbataa, waraanni Israa’el jiraattonni Sooriyaa gandoota shan keessa jiraatan hanga wanti haaraa dhagahamutti mana akka turen dhaameera.

    Gaarreen Goolaan lafa dhagaa gama kibba-lixaan Damaasqoorraa 60km fagaatee argamudha.

    Israa’el waraana bara 1967 booda Sooriyaa harkaa fudhatte.

    Lafni Israa'el fudhatte kuni sadarkaa idil-addunyaan beekamtii argachuudhaa dhabus, US bara 2019 beekamtii kenniteettiifi.

  8. Ameerikaan Asaad bu'uun qaawwa uumuuratti yaaddoo ibsite

    Baayiden kufaatii Asaadiif hirmaannaa tokko tokko qabaachuu himu

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsi Ameerikaan baafte saffisni fi guddinni kufaatii "seenaa qabeessa" bulchiinsa Bashaar al-Asaad Waayit Haawus rifachiiseera jedhe.

    Garuu kufaatii kana keessaa US illee akka harka qabdu hin haalle.

    "Tarsiimoon Ameerikaa ga'ee Raashiyaa fi Iraan Sooriyaa keessaa qaban laaffisuu fi kufaatii Asaad saffisiisuun jijjiirama to'annoo Sooriyaa hin baratamne agarsiisuuf gargaarera" jedha ibsichi.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan xiyyeeffannoon Ameerikaa waraana Israa'eliif fi Yukireen irra ture, ta'us bu'aa kufaatii Asaad booda jiru US ni hordofti.

    Yeroon kun "carraa seena qabeessa" garuu "balaa ykn carraa gaarii fidee dhufuudha'' jedhan.

    Sooriyaa eenyutu bulcha isa jedhuuf Waashingitan waan itti aanu hojjechuuf yaalaa jirtis jedhan.

    Ameerikaan kufaatii abbaa irree kanaaf gadda hin qabdu, garuu eenyutu aangoo sana qabata kan jedhu irratti baay'ee yaaddoo qabdi.

    Ameerikaan Sooriyaa keessatti gareewwan isheen jaallattu gara aangoo akka dhufan mala akkamii akka fayyadamtu ammatti hin beekamu, garuu biyyattii mariidhaan tasgabbeessuuf dhiibuun ishee waan hin oolle fakkaata.

  9. Ashamaa!

    Dhimma Sooriyaa keessa adeemaa jiruufi kaanirratti odeeffannoo jiru jala jalaan isin biraan geenya.

    Nu hordofaa.

  10. Sababoota shan waraanni Sooriyaa akka hin xumuramne taasisan

    Finciltoonni Damaasqoo seenuu isaaniin kanneen gammachuuf bahan
    Ibsa waa'ee suuraa, Finciltoonni Damaasqoo seenuu isaaniin kanneen gammachuuf bahan

    Sooriyaan erga bara 2018 as waraana waliiniin iddoo saditti hiramtee turte.

    Kutaa mootummaa Bashaar al-Asaad, kan humnoota Kurd fi kan finciltoota Islaamaa ofiin jedhanitti qoqqoodamtee jirti.

    Garuu waraanni Sooriyaa kun akka hin xumuramne sababoonni ijoon maali?

  11. Masaraa Asaaditti gaazexeessitoonni BBC maal taajjaban?, Linaa Sinjaab, Damaasqoorraa

    Saamicha kana finciltoonni Sooriyaa balaaleeffataniiru
    Ibsa waa'ee suuraa, Saamicha kana finciltoonni Sooriyaa balaaleeffataniiru

    Kuni mana jireenya Pirezidat Asaad ture.

    Namoonni baay’ee, keessumaa baadiyyaarraa dhufan, masaraa mootummaa cabsanii seenanii qullaa hambisaniiru.

    Kaan mancaasaniiru.

    Yeroo nuti geenyu, caccabaa meeshaa mana keessaa yoo ta’e malee qullaa ta’eera.

    Finciltoonni HTS mootummaa Sooriyaarratti fincila kaasan haalicha to’achuuf bakkicha gahan kuni fudhatama hin qabu jedhan.

    Sooriyaa keessatti waggoota 10’f jiraadheera. Daandii kanarratti garuu yeroo duraafin ejjedhe.

    Namoonni aariifi gammachuun gara bakka kanatti yeroo fiigan argeera.

    Cabsanii seenuu isaaniin baay’ee gammadaniiru.

    Haalli mul’atu baay’ee jeeqamaadha.

    Gamoowwan mootummaa kaan keessas saamichi taasifameera. Inni kuni garuu adda.

    Namoonni keessa seenanii hamma danda’an fudhatanii suuraa ka’u.

    Hacuuccaafi hiyyummaa bulchiinsa Asaadi fi abbaa isaaniitti haaloo bahaa jiru.

    Manni jireenyaa Asaad saamtotaan saamamaa jira
    Ibsa waa'ee suuraa, Manni jireenyaa Asaad saamtotaan saamamaa jira
  12. Saamtonni meeshaa mana jireenyaa pirezidaanti Asaad hataa jiru

    Saamtonni meeshaa mana jireenyaa pirezidaantii Sooriyaa biyyaa baqatee hataa jiru
    Ibsa waa'ee suuraa, Saamtonni meeshaa mana jireenyaa pirezidaantii Sooriyaa biyyaa baqatee hataa jiru

    Finciltoonni magaalaa keessa naanna'uun naannoo masaraa mootummaa gahaniiru.

    Jiraattonni baay'een BBCtti akka himanitti, namoonni hedduun mana jireenyaa pirezidaantichaa cabsuun meeshaa keessaa saamaa jiru.

    Haa tahu malee, kanneen saamicha gaggeessan hidhattoota osoo hin taane kanneen qarqara magaalaa Damaasqoo irraa deemanidha.

    Jiraattonni daandiitti bahuun wal tiksaa jiru. Ministeerri Aadaa Sooriyaa naannoo masaraa mootummaatti argama.

    Saamtonni isas cabsuun meeshaalee achi keessaa saamaa jiraachuu jiraattonni himaniiru.

    Naamusaa fi seera kabachiisuun waan hin jirreef saamichi akka malee dabaleera.

    Kun jiraattota magaalichaatti yaaddoo uumeera.

  13. Amma nu gahe, Raashiyaan Asaad 'marii' booda biyyaa bahuu himte

    Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Pirezidantiin Sooriyaa aangoorraa buufaman aangoo isaaniifi biyyatttii dhiisanii bahuu dubbatan.

    Kunis, ‘’qaamolee walitti bu’iinsa keessa qooda qaban’’ waliin marii erga taasisan booda akka ta’e himan.

    Marii kanarrattis aangoon karaa nagaan akka darbu kallattii kennuu ibsameera.

    Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa marii kana keessa Raashiyaan akka hin hirmaanne himan.

    Buufanni waraanaa Raashiyaa Sooriyaa keessaa qabdu of eeggannoorra akka jiru ibsuun wanti balaarra buusu ammatti akka hin qunnamneen himan.

    ‘’Qaamolee mormituu Sooriyaa hunda waliin’’ wal qunnamaa akka jirtu Raashiyaan ibsiteetti.

    Raashiyaan michuu ijoo Pirezidantii Sooriyaa Bashaar al-Asaad turte.

  14. Battala siidaan abbaa Pirezidantii Sooriyaa caccabe

    Dhiheenya magaalaa Damaasqootti, mormitoonni siidaan abbaa Pirezidantii Sooriyaa caccabsaniiru.

    Bulchiinsi maatii Asaad waggoota 53'f Sooriyaa bulchaa ture finciltoonni Damaasqoo seenuu isaaniin xumura argateera. Daawwadhaa!

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Battala siidaan abbaa Pirezidantii Sooriyaa caccabe
  15. Taphataa West Haam, Antooniyoo balaa konkolaataa hamaan mudate

    Mikaa'el Antooniyoo balaan konkolaataa mudate

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Mikaa'el Antooniyoo balaan konkolaataa mudate

    Taphataa sarara duraa West Haam balaan konkolaataa hamaan mudate. Kilabni isaa akka ibsetti amma ''of baree dubbachuu jalqabeera.''

    Antooniyoon hospitaala Landan keessatti haala gaarii irratti argama jedhe kilabichi ibsa baaseen.

    West Haam ''yeroo ulfaataa kanatti namni kamiyyuu waa'ee maatii fi icciitii Antooniyoo akka kabaju barbaanna'' jedhe.

    Taphataan internaashinaalaa Jamaayikaa Mikaa'el Antooniyoon, bara 2015 ture Nootiingihaam Foorest irraa West Haam kan seene.

    Ergasii taphoota 268 irratti galchii 68 West Haamiif lakkoofsisuun rikardii kilabichaa harkaa qaba.

    West yeroo balaan kun mudatee fi leenjisaan isaanii Julen Loopiteeguun dhiibbaa keessa jiranitti Wiixata boruu Woolvis waliin morkatu.

  16. UAE waraana Sooriyaa keessaa irratti yaaddoo sadii qabdi

    Gorsaan dhimma dippilomaasii pirezidaanti UAE, Anwaar Gargaash, UAE haala Sooriyaa keessatti deemaa jiru irraa yaaddoo sadii qabdi jedhan.

    ''Akkan yaadutti kan jalqabaa yaaddoo tokkummaa daangaa Sooriyaa kan ammallee balaa irra jiruuti.

    ''Kan lammataa jeequmsaa fi waraana jabaa erga bara 2011 as mul'ate kana kana booda waan biyyoota Arabaa mudachuu danda'udha.

    ''Yaaddoon keenya sadaffaa finxaalessummaa fi shororkeessummaa mudachuu danda'udha.''

    Kufaatii kanaaf kan itti gaafatamu pirezidaantii Sooriyaa amma biyyaa baqatan Bashir al-Asaad kan jedhan dippilomaatiin kun haaromsa siyaasaa biyyattiitti fiduuf waadaa gale galmaan gahuu dadhabuu isaaniiti jedhan.

    Haala ulfaataa kana keessaa akka bahuuf carraa hedduu UAE dabalatee biyyoonni Arabaa kennaniif itti hin fayyadmne jedhan.

    Marii heera mootummaa irratti hundaa'e gaggeessuuf deeggarsaa fi carraa Turkii fi biyyoonni Arabaa kaan dhiyeessaniif fayyadamuu dhabuu isaanii kufaatii isaaniif sababa tahuu himan.

    “Dhuma irratti kun kufaatii siyaasaa guddaadha. Sababa kufaatii siyaasaa mudateef bulchiinsi Asaad saffisa guddaan yeroo kufu argine'' jedhan.

    ''Itti dhiyeenyaan hordofaa jirra. Jeequmsi biyyicha keessaa hedduu nu yaaddesseera. Waa'een daangaa Sooriyaa fi shororkeessummaa hedduu nu yaaddesseera.''

    Gareen waraanaan Damaasqoo qabate dhuguma mootummaa abbaa irreetti xumura godhee hulaa siyaasaa haaraa banamoo bulchiinsa hamaa biraa fida? kan jedhu yaaddoo jiru akka tahe dippilomaatii muuxannoo dheeraa qaban kun himaniiru.

  17. Wantoota ijoo Sooriyaa adeemaa jiru baruu qabdan:

    Finciltoonni Sooriyaa Pirezidantii Bashaar al-Asaad kan waggoota 25 biyyattii bulchan aangoorraa buusuu himaa jiru.

    Akka gabaasonni jedhanitti, Asaad magaalaa Damaasqoo keessaa xiyyaaraan gara bakka hin beekamnetti balali'aniiru.

    • Duratti finciltoonni miidiyaa mootummaan to'atamurratti mul'achuun injifannoo labsaniiru. Bulchiinsa Asaaditti xumura tolchuufi hidhamtoota siyaasaa hiiksisuu dubbatan.
    • Lammiileen Sooriyaa muraasa magaalaa Damaasqoofi magaalota biroo biyyattii keessatti gammachuu isaanii ibsaa jiru.
    • Akka finciltoonni Sooriyaa Hayaat Taahirir al-Shaam (HTS) jedhanitti, humnoonni nageenyaa mootummaa Sooriyaa Deeyir al-Zowur keessatti harka kennaniiru
    • Daangaa Sooriyaafi Libaanos irrattimmoo namoonni biyyatti deebi'uuf walitti qabamaa jiru. Erga walwaraansi Sooriyaa bara 2011 eegalee gara lammiileen Sooriyaa gara Libaanositti baqatanii turan.
    • Ministirri Muummee Sooriyaa aangoo karaa nagaan dabarsuuf hooggansa lammiilee biyyattiin filame waliin ''wal ta'uuf'' fedhii akka qaban himaniiru.

    Dhimmoota jala jalaan dhagahaaman isin biraan geenya nu waliin turaa.

  18. Imbaasiin Iraan magaalaa Damaasqoo jiru haleelame

    Imbaasii Iraan magaalaa Damaasqoo jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Imbaasii Iraan magaalaa Damaasqoo jiru

    Miidiyaaleen Iraan akka gabaasanitti, Imbaasiin Iraan Damaasqoo jiru haleelameera.

    Viidiyoon miidiyaa Arabaa Al Arabiyaa jedhamu qoode gamoon imbaasichaa haleelamuu agarsiisa.

    Baaxiin isaa miidhameera. Foddaan isaa caccabee waraqaan lafatti manca'ee mula'ata.

    Akkasumas suuraa guddaan Jeneraal Qaasim Soolemaanii fi Hogganaa duraanii Hezboollaa Hasan Nasarallaa gamicha irra jiru addan tarsa'eera.

    Lameen isaanii kana dura ajjeefamaniiru.

  19. Pirezidant Bashaar al-Asaad eessa jiru?

    Pirezidant Bashaar al-Asaad waggoota dheeraaf Sooriyaa bulchan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Bashaar al-Asaad waggoota dheeraaf Sooriyaa bulchan

    Finciltoonni Sooriyaa magaalota Sooriyaa to'ataa turan magaalaa guddoo biyyattii Damaasqoos to'achuu ibsaniiru.

    Akka finciltoonni jedhanitti, waggoota dheeraaf Pirezidantii Sooriyaa kan turan Bashaar al-Asaad biyyaa baqataniiru.

    Mootummaan Sooriyaa immoo Damaasqoo keessa jiru jedhee ture.

  20. Baayidan waan Sooriyaa keessa adeemaa jiru hordofaa jiru

    Pirezidantiin US Joo Baayidan wantoota Sooriyaa keessa adeemaa jiran akka hordofaa jiran masaraan isaanii Waayit Haawus beeksiseera.

    Duratti finciltoonni Sooriyaa magaalaa guddoo biyyattii Damaasqoo seenuu ibsaniiru.

    Pirezidantiin biyyattii Bashaar al-Asaad biyya keessa akka hin jirrellee himan.