'Haala akkasiifi yeroo kanatti gonkumaa Sooriyaa gadhiiseen baha jedhee hin yaadne ture' - Asaad

Pirezidantiin duraanii Sooriyaa Bashaar al-Asaad ibsa erga aangoorraa kaafamuun gara Rashiyaatti baqatanii booda yeroo jalqabaatiif kennaniin, ''Ani Sooriyaa gadhiisuuf hin yaadne ture'' jedhan.

Guduunfaa

  • Awaalchi abbaa Asaad magaalaa dhaloota isaanii keessatti gubame
  • Kufaatii Asaadiif Iraan US fi Israa'el himatte
  • Sa'udiin Waancaa Addunyaa 2034 akka qopheessitu murtaa'e
  • Haleellaa Israa'el Gaazaa manarratti raawwatteen 19 ajjeefaman
  • Addaan cituu WhatsApp fi Instagram'f Meta'n dhiifama gaafate
  • Israa'el Sooriyaa haleeluu akka dhaabdu qondaalli UN gaafatan
  • Israa'el Sooriyaatti haleellaa qilleensaa 350 ol raawwachuu amante
  • Tamsaasa kallattii dhimma Sooriyaafi kaan asii argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ashamaa akkam ooltan?

    Tamsaaasa kallattii haaraa eegalleerra.

    Odeeffannoo wayitawaa karaa kana argachuuf asiin seenuu dandeessu.

  2. Ministirri faayinaansii Kaanaadaa, Tiruudoo waliin waldhabuun aangoo gadhiiste

    Ministirri Faayinaansii Kaanaadaa aangoo gadhiifte

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri faayinaansii Kaanaadaa, Kiriistiyaa Firiilaand, gabaasa faayinaansii waggaan mootummaaf dhiyeessuuf sa'aatii muraasa dura aangoo gadhiisan.

    Qondaalli tun xalayaa Wiixata Ministira Mummee biyyattii Jastiin Tiruudoof barreessiteen, aangoo gadhiisuushee kan beeksifte yoo ta'u, xalayaa kana keessatti lamaan isaanii ''Kanaadaa gara fuulduratti tarkaanfachiisu irratti wal hin gallu'' jetteetti.

    Firiilaand murteen kanarra kan geessee erga Tiruudoon torban darbe kana booda gorsituu dinagdee olaantuu mootummaa isaa akka taatu akka hin barbaanne itti himeen booda ta’uu dubbatte.

    Dhiheenya kana keessa, lamaan isaanii dhimma imaammata lammii Kanaadaa kanneen ulaagaa guutan hundaaf cheekiin C$250 ($175) kennuu irratti waldhabuun himamee booda.

  3. Daa'imman dhalatan afur keessaa tokko wallaansa baqaqasanii dahuutiin dhalatu, maaliif?

    Haadaha daa'ima dhalattuu qabattee boossu

    Madda suuraa, Getty Images

    Qorannoo haaraan tokko daa'imman afur tibbana dhalatan keessaa tokko wallaansa baqaqsaniii yaaluun akka dhalatan mul'ise.

    Ragaan Tajaajila Fayyaa Biyyaaleessaa (NHS)UK akka mul'isetti, waggoota kurnan darban keessatti haalli kun baayyee dabalaa dhufeera.

    Ogeeyyiin akka jedhanitti, karaa uumamaatiin osoo hin taanee, wallaansa baqaqasanii yaaluutiin daa'ima dahuun kun irra caalaa, ulfa rakkoo qabu waliin walqabata.

    Fakkeenyaa, umuriin haadholii wayita garaatti baataniitti kan lafa bulan ta'uu, ykn furdina garmalee qabduuf akka sababaatti kaasan.

    Garuu haadholiin tokko tokko sababa yaalaa ala ta'eef qoricha qaama saalaa - bakka daa'imni kun ogeeyyii baqaqsanii yaaluu garaa fi gadameessa haadha muruun itti da'u - gochuu filachaa jiru.

    Kana malees haadhooliin tokko tokko mixuudhaan dahuurra yeroo ciniinsuu isaanii xiqqeessuuf jecha, karaa wallaansa baqaqsaniin hodhuutiin dahuuf akka filatan kaasu ogeeyyiin.

    Bara 2013-14tti jidduutti haadholiin %13 ta'an karaa wallaansa baqaqsanii yaaluutiin dahan.

    Bara darbe ammoo, daa'imman 398,675 Ingilizii keessatti dhalatan keessaa kanneen 101,264 (%25) kan ta’an wallaansa baqaqsanii yaaluutiin dhalatan.

    Kanneen keessaa 67,100 kan ta'an haala sanaan dahuuf karoorfame ykn "filannoo" haadholiin kan raawwatame ture jedhe qorannichi.

  4. UK'n hidhattoota Sooriyaa karaa dippilomaasii qunnamte jedhan Laammiin

    Daaviid Laamii

    Madda suuraa, UK Pool

    Ministirri Dhimma Alaa UK Deeviid Laamiin, mootummaan Biriteen garee finciltoota Sooriyaa kan sirna Asaad kuffisan waliin ''qunnamtii dippilomaasii'' eegalte jedhan.

    Laamiin akka jedhanitti, Haayaat Tahriir al-Shaam, dhaabbata akkuma shororkeessummaan farajameetti jiru UK'n ''qunnamtii dippilomaasii waliin qabaachuu dandeessi, nutis kanaaf akkuma isin eegdan qunnamtii dippilomaasii eegalle'' jedhan.

    Gitisaanii Ameerikaa, Antoonii Bilinken Sambata darbe akka jedhanitti, US finciltoota Haayaat Tahriir al-Shaam amma Sooriyaa to’achaa jiran waliin ''qunnamtii kallattiin''uumte.

    Laamiin kan kana dubbatan, yeroo mootummaan baqattoota naannicha keessa jiran dabalatee, lammiilee Sooriyaa saaxilamoo ta’aniif paakeejii gargaarsa namoomaa Paawundii miliyoona 50 kennuu labseetti.

    Lammiin haasaa Dilbata taasisaniin, "Mootummaa bakka bu'aa, mootummaa hunda hammate arguu barbaanna. Kuufamni meeshaa keemikaalaa eegumsa argachuufi itti fayyadamuu dhiisuu arguu barbaanna, akkasumas jeequmsi ittifufuu akka hin jirre mirkaneessuu barbaanna" jedhan.

    "Sababoota sana hundaaf jecha, chaanaalii nuti qabnu hunda fayyadamuu fi kanneen dippilomaasii akkasumas chaanaaliiwwan basaasaa durfamaniin, bakka ta'u qabuuttu HTS waliin hojjechuuf barbaanna."

    Qunnamtiin dippilomaasii jechuun Ministirri dhimma alaa dhuunfaadhaan garee finciltootaa kana waliin wal qunnamtii qaba jechuu mitis jedhan.

  5. Israa'el haleellaa Gaazaatti raawwatteen namoota 50 ajjeefte- Ministeera fayyaa

    Irra jiraan namoota ajjeeffamanii mana barnoota gara dahootti jijjirame keessatti

    Madda suuraa, AP

    Ibsa waa'ee suuraa, Irra jiraan namoota ajjeeffamanii mana barnoota gara dahootti jijjirame keessatti

    Haleellaa Israa’el guutuu Gaazaa keessatti qilleensaa fi lafoodhaan Dilbataa raawwaatteen yoo xinnaate namoonni 50 ajjeefamusaanii maddeen fayyaafi lubbu baraartoota naannichaa beeksiisan.

    Maddeen kunneenis namoota ajjeeffaman keessatti daa'imman, ogeessi kaameeraa TV Al-Jaaziraaf hojjatuufi hojjattoonni ejansii Ittisa Siiviilii akka argaman himan.

    Waraanni Israa'el ammoo bakkeewwan Hamaasiiniifi michoonni isaa gareen hidhattoota Jihaad Islaamummaa Filisxeem itti fayyadaman irratti xiyyeeffachu hime.

    Ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu ammoo, kanneen amma ajjeeffaman waliin, lakkoofsi lammilee Filisxeem erga waraanni Israa'eliifi hamaas jidduutti baatii 14 eegalee kaasee ajjeeffaman 45,000 darbeera.

    Ministeerichi loltootaa fi lammiilee nagaa adda osoo hin baasiin, Onkololeessa darbe keessa namoota ajjeefaman keessaa 29,980 daa’imman, dubartootaa fi maanguddoonni akka ta’an gabaasee ture.

    Lakkoofsi kun yeroo baayyee mootummaan Israa'el kan hin fudhanne yoo ta'u, mootummaan Israa'el "shororkeessitoonni" ajjeeffaman gara kuma 20tti siqan jedha. Garuu ammoo dhaabbilee Biyyoota Gamtoomaniin bal'inaan fudhatama qaba.

    Waraanni Israa'eliifi Hamaas jidduutti Onkololeessa 7, 2023 gareen hidhattoota Hamaasiin durfaman kibba Israa'el irratti haleellaa hin eegamne raawwatan kan jalqabe yoo ta’u, yeroo sanattis gama Israa'elii namoonni gara 1,200 ajjeefamanii, 251 ammoo booji’amanii ture.

  6. Amma nu gahe, 'Ani Sooriyaa gadhiisuuf hin yaadne ture' - Bashiir al-Asaad

    Suuraa cicitaa pirezidantii duraanii Sooriyaa Asaad

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidantiin duraanii Sooriyaa Bashiir al-Asaad erga guyyoota saddeetiin dura aangoorraa kaafameen yeroo jalqabaatiif ibsa kennuun gabaafameen, gonkumaa gara Raashiyaa baqachuuf yaadee hin beeku jedhan.

    Ibsa kan Asaad ta'unsaa gabaafame kunis Wiixata har'aa toora Telegraam pirezidantii Sooriyaa ta'e irratti kan maxxanfame yoo ta'u, yeroo ammaa chaanaalii kana eenyu akka to'atu ykn ibsicha Asaad barreessuu fi dhiisuun ifa miti.

    Isa kana keessatti akka jedhameetti, magaalaan guddoon Sooriyaa finciltootaan wayita to'atamteetti, gara buufata waraanaa Raashiyaa kan bulchiinsa Lataakiyaatti argamutti imaluudhaan "duula waraanaa to'achuuf" akka ture, garuu loltoonni Sooriyaa bakka qabatanii turan gadhiisanii deemusaanii hubachu kaasan.

    Akkasumas sababii buufatni Himeyimim ''haleellaa dirooniin haleelamee,'' Raashiyaan xiyyaaraan gara Moskootti isaan geessuuf murteessite jedha.

    Itti dabaluudhaanis, "yeroo taateewwan akkaii keessatti aangoo gadhiisuuf ykn baqachuuf yaadee hin turre, yaadni akkasii nama dhuunfaa ykn paartii kamiinuu naaf hin dhiyaanne" jedha.

    "Wayita mootummaan harka shororkeessummaatti kufee, dandeettiin gumaacha hiika qabu raawwachuu dhabamuutti, ejjennoo kamiyyuu kaayyoo kan hin qabne ta'a," jedha ibsichi dabaluun.

    Akkuma Magaalaan guddoo Sooriyaa guyyoota 11 keessatti to'annoo finciltoota garee Islaamummaa Haayaat Taahriir al-Shaam (HTS)n durfamu jala galteen, Asaadii fi maatiinsaanii gara Raashiyaa baqatan.

    Gareen finciltootaa kunneen Sooriyaa keessatti mootummaa ce’umsaa ijaaruu ittifufan.

    HTS, gareen finciltoota Sooriyaa humna guddaa qabu, maqaa gara biraa Jabhat al-Nusra jedhuun bara 2011 kan hundeeffame yoo ta’u, waggaa ittaanutti ammoo al-Qaayidaa waliin akka hojjatu waadaa gale.

    Al-Nusraan bara 2016tti ammoo hariiroo al-Qaayidaa waliin qabu kan addaan kute yoo ta'u, boodarra gareewwan biroo waliin walitti makamuun maqaa HTS jedhu argate.

    Haata’u malee, UN, US, UK fi biyyoonni biroo hedduun garee kanaan garee shororkeessummaa jechuun moggaasuu itti fufan.

    Hogganaan gariichaa Ahimad al-Sharaa, gareewwan amantii fi hawaasa adda addaa waliin waliin hojjachuuf waadaa galan.

    Haata'u malee, seenaan jihaadistii gareen isaanii darbe, waadaa kana ni raawwatuufi dhiisuu isaanii namoota tokko tokko shakkii keessa galcheera.

  7. Israa'el komii imaammata farra-Israa'el mootummaa Ayerlaand hordofurratti qabduuf imbaasii Dabliin cufte

    Israa'el Imbaasiishee Ayrilaandii keessaa cufuuf

    Madda suuraa, AP Media

    Israa’el "imaammata farra-Israa'el" mootummaan Ayerlaand hordofurratti komii kan kaaste yoo ta'u, imaabsii magaalaa Dablii, Ayerlaandii qabdu akka cuftu ministirri dhimma alaa biyyattiihiman.

    Giidiiyoon Saar, Ayerlaand Rippabiliik''sarara diimaa hunda'' qaxxaamurteetti jedhan.

    Ambaasaadarri Israa'el Dabliin keessaa ibsa kennaniin, yeroo darbes Ayerlaand ''murtee gam- tokkoon biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuu'' jettee hordofee waamamuu kan yaadatamu ta'uu dubbatan.

    Itti dabaluun, murtiin sun kan fudhatame erga Ayerlaand tarkaanfii seeraa Afrikaan Kibbaa Israa'el irratti fudhatu Mana Murtii Idil-addunyaa (ICJ) keessatti akka deeggartu beeksistee ishee hordofeeti jedheera. Himannaan sunis Israa'el ''duguuggaa sanyii'' raawwatteetti jedhamuun himatamtee turte.

    Mr Saar akka jedhanitti: “Gochaa fi hololli farra Seemetizimii Ayerlaandiin Israa’el irratti fayyadamtu kunis, hundeesaa mootummaa Yihudootaa seera dhabsiisuu fi bulchiinsa Jewiish akka diinaatti agarsiisuu irraa kan maddedha.”

    "Israa'el haaluma ilaalchaafi tarkaanfii biyyoon Israa'eliif qaban hubannoo keessa galchuutiin, hariiroo biyyoota addunyaa waliin qabdu tarkaanfachiisuuf qabeenyashee invasti ni gooti."

    Ministirri mummee Aayilaand, Siimoon Haaris gamasaanitiin murteen Israa’el Imbaasii ishee kan Aayilaandi keessaa cufuudhaaf murteessite ''baay'ee kan nama gaddisiisudha'' jedhan.

    Akkasumas Ayerlaand farra Israa'el yaada jedhu kufiisuudhaan, 'Ayirlaandi nagaa deeggarti' jedhan.

  8. Injifannoo Tiraamp booda gatiin Bitkoyin dabaluun itti fufeera

    Maallaqni kirpitoo addunyaa guddichi erga Tiraamp filannoo injifatanii as 50% oliin dabaleera

    Madda suuraa, Getty Images

    Gatiin Bitkoyin haala kana dura ta'ee hin beekneen doolaara kuma 106 ol ta'eera. Gatiin daballii maallaqa Kiriptoo kun erga pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp filannoo Saddasa 5, 2024 injifatanii as dhibbeentaa 50 ol daballii agarsiisera.

    Maallaqni kirpitoo guddaan addunyaa Bitkoyin yeroo gabaabaa keessatti doolaara kuma 106 galuun bulchiinsi Tiraamp dhufaa jiru Waayit Haawus caalaa maallaqa kirpitoof akka xiyyeeffannoon kennamu taasiseera.

    Tiraamp tarsiimoo biyyattiin qabdu waliin haala wal walfakkaatuun kuusaa maallaqa dijitaalaa biyyaalessaa uumuuf fedhii qabaachuu isaanii irra deebi’anii ibsaniiru.

    Tiraamp abbaa qabeenyaa Silicon Valley Deeviid Saaksi artifishaalIntelejensiifi maallaqa kirpitoo hogganan muudaniiru. Deeviid hoji gaggeessaa duraanii PayPal fi hiriyyaa dhiyoo gorsaa Traamp kan ta'an Elon Maskiiti.

    Kun ammoo invastaroonni hedduun daldala kiriptoo irratti akka xiyyeeffataniifi gatiin isaas haalaan dabalu taasiseera.

  9. Pirezidantiin Tarkii waligaltee Itoophiyaafi Somaaliyaa hordofuuf biyyota lamaanitti imaluuf

    Pirezidantiin Tarkii Resiip Tayib Erdohaan

    Madda suuraa, Anaaduuluu

    Pirezidantiin Tarkii Resiip Tayib Erdohaan jaarsummaa Itoophiyaa fi Somaaliyaaf taa'anii araaran xumuruu isaanin biyyootaa fi dhaabilee adda addaarraa dinqisiifannaa guddaa argataniiru.

    Pirezdaantichi akkatuma waliigaltee torban darbe dureewwan Itoophiyaafi Somaaliyaa Ankaaraatti waliigalaniin baatii Amajjii ykn Guraandhala 2025 keessa Itoophiyaafi Somaaliyaa dhaquun dhimma araaraa irratti hordoffii taasisuuf aka jiran miidiyaa Tarkii Anaaduuluu jedhamu gabaaseera.

    Erdohaan, "yoo Waaqni jedhe baatii Amajjii ykn Guraandhala keessa Itoophiyaafi Somaaliyaa daawwadheen tarkaanfii jiru addunyaaf beeksisa" jedhan.

  10. Daawwadhaa: Wayita Obonboleettiin hamaan Saayikiloon jedhamu odola Maayot, Faransaayi miidhu

  11. Faransaay, Maayotitti obonboleettii mudateen namoonni 'kumatti' dhiyaatan du'uu hin oolle

    Konkolaataa obonboleettiin caccabse

    Madda suuraa, Reuters

    Odola Faransaayi, Maayot jedhamtutti obonboleettii mudateen namoonni kuma tokkotti dhiyaatan du’uu hin oolle jedhamee sodaatamaa jira.

    Oobonboleettiin odola Garba Indiyaarratti argamtutti mudate kun saffisa sa’aatii tokko keessatti kiiloomeetira 140 deema jedhameera.

    Lakkoofsi namoota balaa kanaan du’anii inni sirriin ammatti adda ba’uu baatus “kuma tokkotti kan siqudha” ykn kumaan kan lakkaa’amu ta’uu akka danda’u himamaa jira.

    Ministirri dhimma biyya keessaa Faransaay ammoo hojjettoota lubbuu baraaraniifi loltoota 160 waliin gara odola miidhamte kanaatti imaluu himan.

    Maayot Faransaay keessatti magaalaa ummanni harka qalleeyyii 300,000 mana sadarkaa isaa hin eegganne keessa jiraatanidha.

  12. Viidiyoo yeroo Taankaroonni Raashiyaa Galaana Gurraachaan liqimfaman agarsiisu

    Kun viidiyoo yeroo taankaroonni boba'aa fe'aniifi namoota 29 qabatan yeroo Galaana Gurraacha keessatti dhidhman agarsiisudha.

    Daawwadha.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Video appears to show Russian tanker sinking
  13. Taankariin boba'aa Raashiyaa lama Galaana Gurraacha keessatti dhidhiman- Gabaasa

    Taankarii bishaan keessatti dhidhimaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Taankonni boba'aa Raashiyaa lama hojjetoota 29 qabatanii jiran waliin 'Black Sea' keessatti dhidhimuu isaanii aanga'oonni Raashiyaa gabaasan.

    Taankariiwwan kunneen sababa haala qilleensaa hamaarraa kan ka'een kan dhidhiman yoo ta'u, zayitiin boba'aa taankariiwwan kunneen fe'atanii ture galaanichatti dhangala'aa jiraachuu aanga'oonni biyyattii himan.

    Viidiyoon Waajira Abbaa Alangaa Tiraanispoortii Kibba Raashiyaatiin Telegram irratti maxxanfame akka agarsiisutti taankariiwwan kanneen keessaa tokko gar tokkoon cabee sababa haala qilleensaa hamaatiin yeroo zayita boba'aa qabate waliin bishaanitti liqimfamaa jiru agarsiisa.

    BBC'n addatti viidiyoo kana hin mirkaneeffanne.

    Miseensota garee taankarii kana keessa turan keessaa yoo xiqqaate namni tokko du'uun kan mirkanaa'e yoo ta'u, aanga'oonni Raashiyaa qorannoo gaggeessaa jiraachuu maddi oduu TASS jedhamu gabaase.

    Balaan kun kan qaqqabe Keerich Istreeyit bakka Raashiyaafi kan humnaan qabamte Kireemiyaa adda baastu keessatti.

  14. Tiraamp ABC News maqa-balleessiin himatee Dolaara miiliyoona 15 argate

    Tiraamp Miidiyaan himate beenyaa doolaara 15 akka kanfaluuf adabame

    Madda suuraa, Getty Images

    Miidiyaan Ameerikaa ABC News jedhamu himannaa maqa balleessii pirezidaantiin Ameerikaa haaraa filataman, Doonaald Tiraampiin irratti dhiyaate furuuf doolaara miiliyoona 15 (Paawundii miiliyoona 12) kaffaluuf waliigale.

    Miidiyaan beekamaan kun Doonaald Tiraamp ''yakka gudeeddiitiin itti gaafatamaadha'' jechuun gabaasuusaa hordofee ture himannichi kan irratti baname.

    Joorj Istefaanoopolos sagantaa bara kana Guraandhala 10 irrtti gaaffiifi deebii taasisaniin irra deddeebiin kana kan dubbate yoo ta’u, miseensa Kongireesii tokko waa’ee deeggarsa Tiraampiif taasisan mormaniiru.

    Abbootiin murtii dhimma siviilii ummata keessaa babahan (jury)n bara darberratti Tiraamp, ''miidhaa saalaaf'' itti gaafatamummaa akka ta'an murteessee ture. Haata'u malee, kun seera Niiw Yoorkiin hiika addaa qaba.

    Akkuma qaama ibsa Sambata bahe jalqaba Fox News Digital gabaaseetti, ABCn beenyaa doolaara miiliyoona 15 kaffaluun alattis, ibsa Istefaanoopolos kenne irratti "gaabbuu" isaaf ibsa ni maxxansa.

    Haala murtichaatti beenyaan maallaqaa kunis haala gargaarsaatiin 'Faawuneshinii pirezidantiichaatiif ykn himataaf kennama'' jedha.

    Kana malees, dhaabbanni miidiyaa kun baasiiwwan Tiraamp abbokaatoofi dhimmoota gara biraatiif baasan bakka buusuuf doolaara miiliyoona tokko ni kafala.

    Akkasumas, gabaasa bara darbe Bitooteessa 10, 2024 maxxanfame jalatti yaadannoon gulaalaa akka dabalamu murteen kennameera.

    Murtichi akkas jedha: "ABC News fi Joorj Istefaanoopolos ibsa Pirezidaantii Doonaald J Tiraamp ilaalchisee, Joorji Isteefaanopoloos bakka bu'aa Naansii Meesii waliin Bitooteessa 10, 2024 gaazexaa ABC's This Week irratti taasisaniin kennanitti gaabbu ni baasu."

    Dubbi-himaan miidiyaa ABC News ibsa baaseen, dhaabbatichi ''himannaa galmee mana murtii kana cufuudhaaf waliigalteerra gahamu isaatti gammadeera,'' jedheera.

  15. Jeequmsi siyaasaa Kooriyaa Kibbaa michoota ishee yaaddeesse

    Yoon fi Joo Baayidan

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaanti Yoon seera waraanaa labsuun isaanii biyya keessatti jeequmsa siyaasaa uumuu qofa osoo hin taane, addunyaa guutuutti yaaddoo guddaa uumeera.

    Kooriyaan Kibbaa michuu Ameerikaa ijoodha. Waashingitanis akka waan nagaa fi tasgabbii naannichaaf murteessaa ta’etti ibsitiin.

    Bulchiinsi Baayiden Yoon irratti falmiin kaasee, gara Kaamp Deeviid geessuudhaan, waliigaltee morkattoota cimoo kaaba baha Eeshiyaa, Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa gidduutti “jaarraa haaraa” hundeessa jedhanii yaadan mallatteessuu isaaf isa jajatanii ture.

    Yaadni Waashingitan michootashee ijoo lamaan walitti dhiheessuuf, jibba seena qabeessa ta’e cinaatti dhiisanii akka dhiibbaa Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa guddachaa dhufe irratti adda tokkummaa akka agarsiisan gochuuf yaaluu ture.

    Amma, erga Yoon seera waraanaa labseen booda, kana dabalatee, murtoon isaa hedduun gaaffii keessa galuu waan danda’uuf, Ameerikaan ammaa booda hangam Kooriyaa Kibbaa amanu akka dandeessu kan xinxaltu ta'a.

  16. Awustiraaliyaatti ijoolleen ganna 10 akka ga'eessatti adabamuufi

    Bulchiinsi Awustiraaliyaa daa'imman waggaa 10 kaasee addabbii namoota guddaan adabuuf

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Bulchiinsi Awustiraaliyaa daa'imman waggaa 10 kaasee addabbii namoota guddaan adabuuf

    Awustiraalitti Kutaan biyyaa Kuwiinslaand, seera daa’imman umuriin isaanii waggaa 10 ta’e yakkawwan akka ajjeechaa, haleellaa cimaa fi hamma yoo raawwachuun itti murtaa’e, adabbii ga’eessotaan wal fakkaatu akka adabaman taasisu baaste.

    Mootummaan seerri adabbii cimaan kunis ''yakkoota dargaggoota yakkamtootaan raawwataman irratti aarii hawaasaatiif deebii kennuuf'' kan jedhu yoo ta'u, yakkicha ittisuufis ni gargaara ta'a jedhe.

    Haata'u malee, ogeeyyiin hedduun qorannoo akka agarsiisutti, adabbii cimaan yakka dargaggootaa akka hin hir’isnee fi sirummayyuu caalaatti hammeessuu akka danda’u agarsiisu.

    Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniis haaromsi kun waliigalteewwan mirga namoomaa daa’immanii kan gadi xiqqeessuu fi seera addunyaa kan cabsu jechuun qeeqan.

    Paartiin Walaba Biyyaalessaa (LNP), kan Onkoloolessa keessa filannoo bulchiinsa keessatti injifate, seera kana mallattoo duula filannoosaa taasisuudhaan, ''mirga yakkamtootaa'' caalaa ''mirga miidhamtootaa'' dursina jedheera.

    Ministirri Mummee, Deeviid Kirisaafulii erga paarlaamaan labsii kana Kamisa darbe raggaasisee booda, “Seerri kun lammii Kuwiinslaand nageenya akka hin qabne itti dhaga’amee fi miidhamtoota yakka dargaggootaa ta’an hundaaf kan qophaa’edha,” jedhan.

    Kenniinsa sagaleetiin duras, qaamooleen siyaasaa gama lamaaniituu Kuwiinslaand dambalii yakka dargaggootaa keessa akka jirtu kaasuudhaan, rakinicha ittisuuf adabbii cimaan barbaachisaa ta’uu himataniiru.

    Garuu ragaan biiroo istaatistiksii Awustiraaliyaa irraa argame akka agarsiisutti, waggoota 14 darban keessatti yakki dargaggootaa Kuwiinslaand keessatti walakkaan hir’achuun, bara 2022tti ammoo seenaa keessatti sadarkaa gadi aanaatti gadi bu'uun ergasii immoo haalaan tasgabbaa’aa ta’ee jira.

    Lakkoofsi Tajaajila Poolisii Kuwiinslaandii fi Inistiitiyuutii Yakka Awustiraaliyaa irraa argames, yakki dargaggootaan raawwatamu gadi bu’uu agarsiisa.

    Seerri haaraan mootummaadhaan "yakka ga'eessotaa, yeroo ga'eessotaa" jedhamuun moggaafame kun yakkoota 13 tarreesse kana amma dargaggoonni yoo raawwatan, ajjeechaaf dirqama hidhaa umurii guutuu dabalatee, yeroo dhiifamaa malee waggaa 20f kan hidhaman yoo ta'u, murtii hidhaa cimaa ta'e kan itti murtaa'u ta'a.

    Kanaan dura, dargaggoota yakka ajjeechaatiin itti murtaa'eef adabbii inni guddaan hidhaa waggaa 10 yoo ta'u, hidhaan umurii guutuu kan yaadamu yoo yakkichi "addatti jibbisiisaa" ta'e qofadha.

  17. Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon imala isaa 'yeroodhaaf dhaabeera' jedha

    Pirezidantii Kooriyaa kibbaa aangorraa kaafaman

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidantiin Koriyaa Kibbaa Yoon murtee miseensoota paarlaamaa biyyattiin aangoo irraa kaafamuu hordofuun ibsa kennee ture.

    ''Yeroodhaaf imalakoo addaan kuteera,'' jedhe pirezidaantichi aangoon isaa yeroo gabaabaatti addaan citeen.

    "Amma yeroof dhaabadhulleen, imallin ani gara fuulduraatti waggoota lamaa fi walakkaa darbaniif deeme gonkumaa dhaabbachuu hin qabu.

    Yoomiyyuu abdii hin kutadhu. Qeeqa, leelloo fi deeggarsa keessan sammuutti qabadhee waanan danda'u hunda biyya kanaaf hanga dhumaatti nan godha," jedhe.

    Dhuma haasaa isaaniirratti gadi jechuun ummata galateeffatan

    Madda suuraa, Reuters

  18. Hakimiin lafee Kaaba Gaazaa keessatti hafe tokkichi haleellaa Israa'eliin ajjeeffame

    Hakimiin lafee tokkichi Kaaba Gaazaa keessatti hafe ajjeeffame

    Madda suuraa, Getty Images

    Hakimiin wallaansa baqaqsanii wallaanuu lafee Kaaba Gaazaa keessatti hafanii turan tokkichi haleellaa Israa'eliin ajjeeffamu aanga'oonni Filisxeem ibsan.

    Dokitar Sayid Judeeh lubbuunsaanii kan darbe guyyaa Kamiisaa Muddee 12, 2024 osoo gara hojii deemaa jiranu haleellaa raawwatameen.

    Hakimiin kunis hospitaaloota Kaaba Gaazaa keessatti argaman Kaamaal Adwaanii fi Al-Awudaa keessatti wallaansa lafee baqaqsanii yaaluun tajaajilaa turan.

    Waraanni Israa'el waa'ee ajjeechaa kanaa hin beeku jechuun deebii keennuun garuu qorataan jira jedhe.

    Hakimiin maanguddoofi ijoollee akkoo arganii turan kunis soorama bahanii kan ture ta'ulleen, waraanicha hordofee ummatasaanii tajaajiluuf jecha gara hojiitti deebii'an.

    Baatii darbe keessa wayita Hospitaalaa Kamaal Adwaan keessatti ibsi gaazexessitootaaf kennameetti, poositarii ''nu baraaraa'' jedhu qabatanii ture. Kunis osoo hin gargaariin hafee amma hakimiin kun addunyaa kanarraa darbaniiru.

    ''Hakimichi osoo dhukkubbisataa isaanii tokko ilaaluudhaaf gara hospitaala Al Awuudiitti imalaa jiranu taankiin tokko kallattiidhaan itti dhukaase'' jedhan daareektarri Hospitaalaa Kamaal Adwaan kan ta'an Dr Husaam Abbu Saafiiyaa haala hakimiin kun itti ajjeeffame yoo ibsan.

    Itti dabaluudhaanis, ''akka carraa ta'e battaluma sanatti lubbuunsaa darbe'' jedhan.

    Namoonni ijaan argan tokko tokko ammoo, Israa'el haleellaa dirooniitiin ajjeefte jedhan.

    Israa'el gaazexessitoonni biyya alaa Gaazaa naannoo marfama keessa galchite keessa akka galaniif hin hayyamtu.

    BBCn Dhaabbata Biyyoota Gamtoomani Iyyarusaaleemiitti argamutti waahila qindeessaa gargaarsa Gaazaa kan ta'an, Luuwiiz Waateerejiin dubbise ture.

    ''Maatiidhaaf haala baayyee gaddisiisaadha. Dabalataanis Filisxeemoota Kaaba Gaazaa keessatti hakiimoota baayyee muraasa ta'an irratti hirkataniif haala cimaa umeera'' jedhan.

    "Hospitaaloonni Gaazaa Istiriip keessatti argaman hospitaala jedhanii waamuun baayyee ulfaataadha'' jedhan Luuwiiz.

    "Qulqullina hin qaban, hakiimii hin qaban jechuun ni danda'ama. Meeshaa wallaansaa hin qaban. Dhukkubsattoonni du'aa jiru'' jechuun BBCtti himan.

    Kana malees haala namoomaa Gaazaa keessaatiin miirri ''badii addunyaa'' akka jiru ibsaniiru.

    Israa'el miseensoota Hamaas walitti qabamuun ijaaramaa jiranan haleela jechuun Gaazaa keessatti haleellaa adda hin cinne raawwataa jirti.

  19. Asaadiifi maatiisaaf waan itti-aanu maali?

    Asmaa fi Asaad

    Madda suuraa, Getty Images

    Dilbata darbe Bashaar al-Asaad gaafa aangoorra ka'u pireezidantummaa isaa waggaa 24 qofaaf osoo hin taane dhuma aangoo maatiisaa kan waggaa 50f Sooriyaa bulchaa turaniitis ta'e.

    Asaad bara 2000 aangootti osoo hin dhufiin dura abbaansaa Haafeeza waggaa soddomaaf biyyattii bulchaa ture.

    Yeroo ammaa kannaatti ammoo Gareen Hidhata Islaamaa Haayaat Taahiir- al Shaam (HTS) mootummaa ce'umsaa hundeessaa jira.

    Carraan pireezidantii duraaniifi haadha warraasaa akkasumas ijoolleesaa sadanii ammayyuu hin beekamne.

    Odeessa kana dabalataa dubbiifachuuf kunooti: Asaad fi maatiisaa ittaanee maaltu eeggata laata?

  20. Amma nu gahe, Paarlaamaan Kooriyaa Kibbaa pirezidantii biyyattii aangoorra kaasuuf sagalee kenne

    Miseensoota paarlaamaa

    Madda suuraa, BBC/Richard Kim

    Paarlaamaan Kooriyaa Kibbaa pirezidantiin biyyatti, Yoon Suuk Ye'ol aangoorraa akka ka'aniif sagalee kenne.

    Miseensoonni paarlaamaa biyyattii 204 murtee kana deeggaruun sagale kennan.

    Kana jechuunis Yoon battalumatti aangoorraa kaafamuun, Ministirri Mummee biyyattii bakka isaanii bu'uun hojii eegalu.

    Battala bu'aan sagalee lambsameettis, miseensoonni Paartii Dimokiraatootaa gammachuusaanii yoo ibsatan, miseensoonni paartii biyya bulchuu garuu callisanii galmicha keessaa bahan.

    Wayita sagaleen lakkaa'amaa tureetti miseensoonni paartii biyya bulchuu muraasni kadhannaa wayita taasisan mul'ataa turan.

    Miseensoonni mana maree 300 hundi kan hirmaatan yoo ta'u, 204 pirezidantiichi akka aangoorraa kaafaman sagalee yoo kennan, 85 ammoo murman, sadii sagalee osoo hin kenniin kan hafan yoo ta'u, sagaleen afur ammoo hin lakkaa'amne.