Yukireen magaalaa baha biyyatti lolli itti hammaate gadhiiftee baate

Loltoonni Yukireeen magaalaa baha biyyattii lolli itti hammaate, Siverisk, gadhiisanii bahan. Kunis, harkifataas ta'u yeroo haleellaan Raashiyaa cimeetti mudate.

Guduunfaa

  • Oduuf xinxalaaf Marsariitii, Facebook, Whatsapp fi YouTube keenya mil'adhaa
  • Sagaleen dhohiinsaa guddaan magaalaa guddoo Venezuweelaa keessatti dhagahame
  • Iraan akeekkachiisa Tiraamp hiriira mormii biyyattii ilaalchisuun dabarse kuffiste
  • Siwiizarlaanditti balaa abiddaa bakka bashannanaatti mudateen namoonni 40 ta'an du'an
  • Al-Shabaab Sumaalonni Israa'el loluuf akka qophaa'an waamicha dhiheesse
  • Iraanitti hiriirtonni gamoo waajjira mootummaa humnaan cabsanii seenuuf yaalan
  • Turkiin handaara galaaaa Somaaliyaatii hojii boba'aa baasuu eegaluuf
  • Israa'el gartuuwwan gargaarsaa 37 Gaazaa keessaa ugguruuf
  • Maallaqni biyyattii gatii dhabnaan mormiin Iraanitti cime
  • Tiraamp mariin nagaa Gaazaa marsaan lammataa ''hatattamaan hojiirra oola'' jedhe
  • Israa'el Somaalilaandiif beekamtii kennuun Itoophiyaaf maal jechuudha?

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Abbootiin Gadaa fi Haadholiin Siinqee haasaa dheekkamsiisaa Paastar Henook balaleeffatan

    Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeefi jaarsolii biyyaa

    Madda suuraa, Badhaadhina Shawaa Kaabaa

    Abbootiin Gadaa,Haadholeen Siinqee fi Jaarsoleen biyyaa arrabsoo fi maqa balleessiin dhiyeenya kana nama dhuunfaa Heenok Girmaan miidiyaa Hawaasaa irratti darbe kabajaa fi ulfina uummata Salaalee kan tuqu jechuun balaaleffatanii jiru.‎‎

    ''Uummanni Salaalee hawaasa kabajamaa Ijaarsa biyyaa keessatti qooda olaana qabu darbees uummata safuu, aadaa,fi duudhaa Oromoo ganamaan jiraatu akkasuma uummata amantaa garaa garaa qabuu fi amantaan osoo wal hin qoodiin uummata nagaaf jaalalaan waliin jiraachaa jiru ta’uu Waajirri Badhaadhinaa Badhaadhina Shawaa Kaabaa ibse.

    ''Barsiisaa amantaa Paastar Heenook jechoota kabajaa fi ulfina uummata Salaalee tuqu dubbachuun, haasaa jibiinsaa fi odeeffannoo sobaa uummaticha hin ibsine, safuu fi duudhaa Oromootti kan bu’u waan ta’eef dubbiin dubbatame hawaasa godina keenyaa kan bakka hin buunee fi kan balaaleffatan ta’uu dubbatanii jiru'' jedha ibsichi.

    Salaalee gootota walqixxummaa sabaa fi sablammootaaf qabsa’aa turan kan akka Generaal Taaddasaa Birruu, Luuba Abune Pheexiroos ,Agarii Tulluu,Abbichuu Bayyanaa ,H/maariyaam Gammadaa, fi kaanis ta'uu tarreessuun haasaa tamsa'etti gadduu ibsaniiru.

    Arrabsee fi jecha hawaasicha hin madaallee dubbateef Paastar Henook seeratti akka dhiyaatus mootummaaf waamicha dhiyeessaniiru.

  2. Buruunoo bakka buusuun hin danda’amu - Amooriim

    Bruunoo fernaandeez

    Madda suuraa, Getty Images

    Leenjisaan Maanchister Yunaayitiid Ruuben Amoriim dursaa taphattootaa kan ta’e Buruunoo Fernaandeeziin ''bakka buusuun ulfaataadha'' jedhe.

    Buruunoon tapha Yunaayitiid Astoon Viilaa waliin morkatee mo’ame irratti miidhame.

    Buruunoon morkii Jimaata boruu Yunaayitiid Niiwkaasil waliin godhurratti hin hirmaatu.

    Amoriim Buruunoon yoom akka deebi’u hin dubbanne madden garuu torbanoot sadii booda ta’uu akka danda’u himan.

    Tarii tapha darbii Amajjii 17 gaggeeffamu irratti deebi’uu mala jedhaniiru.

    Amoriim gahee Buruunoon gareesaa keessatti taphatu kan yaadamuun ol ta’uu dubbateera.

  3. Naajeeriyaatti Masjiida keessatti boombii dhoheen namoonni shan du'an

    Namoota miidhamanii wallaansarra jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Naajeeriyaa, Kutaa bulchiinsa Kaaba-bahaa taate Boornoo keessatti Masjiida namoonni hedduun keessa guutan keessatti boombii dhoheen namoonni shan du'uu poolisiin hime.

    Dubbi-himaan poolisii Naahum Dasoo sabaa-himaalee naannoo sanaatti akka himetti, masgiida magaalaa guddoo Maaduguurii bakka gabaa Gaamboruu jedhamu keessatti halkan wayita kadhannaarra osoo jiranii boombii dhoheen namoota shan du'an malee, 35 kan ta'an madaa'aniiru.

    Viidiyoon miidiyaa hawaasaarra naanna'aa ture garuu hin mirkanaa'iin, erga dhohinsi kun mudatee booda namoonni bakka gabaatti awwaarri itti uffatee akka ture agarsiisu.

    Haleellaa kana gareen raawwate maal akka ta'e hanga ammaatti wanti beekamu hin jiru. Haata'u malee, hidhattoonni kanaan dura masgiidota naannoo sana jiraniifi bakka namoonni itti baayyatanitti gocha balleessanii baduufi 'fanjii' mana keessatti hojjetamuun haleellaa raawwataa turaniiru.

    Poolisiin qorannoo jalqabaa taasiseen haleellaan kun warra balleessanii badaniin kan raawwatame ta'uu akka danda'u dubbateera.

    Poolisiin haleellaa kanara ilaalchisee qorannoo dabalataa gaggeessaa jiraachuu dubbi-himaan bulchiinsa Boonoo ibseera.

  4. Turkiin miseensota IS haleellaa bara haaraatti karoorsuun shakkaman 115 hiite

    Qondaalonnii Turk akka himanitti deeggartoonni IS namoota Muslimaa hin taaneerratti xiyyeeffatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Qondaalonnii Turk akka himanitti deeggartoonni IS namoota Muslimaa hin taaneerratti xiyyeeffatan

    Qondaaloonni Turk miseensota IS 100 ol haleellaa ayyaana bara haaraa fi Qilleetti raawwachuuf karoorsan jedhan hidhuu ibsan.

    Opporeeshiniin qindaa’aa ta’e magaalaa Istaanbulitti raaawwatamuun abbaan alangaa magaalichaa himan.

    Akka qondaalli biyyattii kun jedhutti, meeshaaleen waraanaa fi ''sanadoonni'' garee IS to’atameera.

    Qondaalonnii biyyattii akka himanitti deeggartoonni IS torban kana keessa Turkitti haleellaa raawwachuuf karoorsaa turan jedhaniiru.

    Haleellaan kun namoota Muslimaa hin taaneerratti xiyyeeffata jedhaniiru.

    Poolisiin biyyattii namoota 115 haleellaa kana karoorsuun shakke to’ateera, namoota 22 ammoo bakka isaan jiran poolisiin adda baasaa jiraachuu ibsi bahe mul’ise.

  5. Helikoptarrii gaara Kilimanjaroorratti kufe lubbuu namoota shanii dabarse

    Sababni balaa kanaa qoratamaa akka jiru eerameera

    Madda suuraa, ALTEZZA TRAVEL

    Ibsa waa'ee suuraa, Sababni balaa kanaa qoratamaa akka jiru eerameera

    Abbaan Taayitaa Aviyeeshiinii Taanzaaniyaa akka ibsetti, xiyyaarichi Roobii kaleessaa kaampii Barafuu jedhamu biratti kufee caccabe.

    Daarekarri Abbaa Taayitaa biyyattii Jeneraal Saalim Misaang hojjattoonni yeroo balaa naannichatti ergamu ibsan.

    Qondaalli poolisii naannoo Kilimaanjaaroo Simoon Maayigwaa helikoptarri wal’aansa fayyaa garasitti ergamte turte jedhan.

    Qondaallii kun akka jedhanitti, balaliisaa xiyyaarichaa lammii Zimbaabwee, hakiimaa fi nama tursitootatti karaa agarsiisu akkasuma turistoota lammilee Cheek Rppaabilik lamatu du’e.

    Gaarrii Kilimanjaaroo iddoo tursitoonni kuma kudhanittii lakkaa’aman wagga waggaan daawwatan yoo ta’u,garaa guddaa m 5,895 ol dheeratu.

  6. Lammileen UK lama Ameerikaa akka hin seenne dhorkaman

    Imraan Ahimad fi Kilarii Melfordi ‘’rogeeyyii fixaleeyyii’’ jedhamuun Ameerikaa akka hin seenne dhorkaman

    Madda suuraa, Alamy

    Ibsa waa'ee suuraa, Imraan Ahimad fi Kilarii Melfordi ‘’rogeeyyii fixaleeyyii’’ jedhamuun Ameerikaa akka hin seenne dhorkaman

    Lammileen UK lama miidiyaa hawaasaarratti duula gaggeessan Ameerikaa akka hin seenne dhorkaman

    Lammileen Biritiish lama namoota Ameerikaa akka hin seenne viizaa dhorkaman keessati.

    Ministieerii Dhimma Alaa Ameerikaa namoonni kun lamaan dhaabileen teekinolojii Ameerikaa mirga bilisummaan yaada ofii ibsachuu akka ukkaamsu ‘’dirqisiisaniiru’’ jedhee himachuu hordofeeti dhorkaman.

    Hogganaan giddugaleesssa to’annoo haasaa jibbinsa( CCDH) jedhamuu Imraan Ahimad fi hoggantuu dhaabbata Global Disinformation Index (GDI) jedhamuu Kilarii Melfordi ‘’rogeeyyii fixaleeyyii’’ jedhamuun Ameerikaa akka hin seenne dhorkaman.

    Kana malees Gamtaa Awurooppaatti Komishinarri duraanii Faransaay fi qondaalonni farra haasaa jibbinsaa Jarman lamas Ameerikaa akka hin seenne dhorkamaniru.

  7. Moqdishootti sagalee filannoo dhuunfaan kennuun waggaa 58 booda eegalame

    Moqdishootti dubartoota sagalee kennuutti hirmaataa jiru
    Ibsa waa'ee suuraa, Moqdishootti dubartoota sagalee kennuutti hirmaataa jiru

    Magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqdishootti filannoo naannawaaf waggaa 58 keessatti yeroo jalqabaaf namni dhuunfaan sagalee kennuun eegalame.

    Kunis Moqdishootti sirna bulchiinsaa gosarratti hundaa’e kan geeddaruu waan ta’eef seena qabeessa jedhamee amanama.

    Filannoo kanaaf duulli filannoo cimaan torbanoota muraasaaf gaggeeffamaa ture.

    Haata’u malee haleellaan hidhattoota al- Shabaab fi mormitoonni filannichi dimokiraasii foyyee qabataaman fiduurratti shakkii qabu.

    Midiyaan biyyattii poolisoonni 10,000 filannoo kanarratti yaaddoon nageenyaa akka hin mudanneef bobbaafamuu gabaasanirru.

  8. Poolisiin Tiktookara haasaa isaatiin saal-qunnamtii gadhiisii ta’e jajjabeessa jedhe to’achuu hime

    Naatinaa’el Baadeg Gabree

    Madda suuraa, Poolisii magaalaa Finfinnee

    Poolisiin magaalaa Finfinnee tarkaanfii namoota miidiyaa hawaasaa haala safuu hawwaasaa cabsuun itti fayyadaman jedherratti fudhachaa jiru itti fufuun, har’a ammoo Tiktookara YouTube fi TikTok fayyadamuun dubbii dubbatuun ergaawwan qaanessoo/fokkisoo saal-qunnamtii gadhiisii ta’e jajjabeessaniifi baballisan tamsaasaa ture to’achuu beeksise.

    "Shakkamaan maqaan isaa Naatinaa’el Baadeg Gabree jedhamu magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftoo, aanaa 6 keessa jiraatu, namoota ergaawwan faallaa aadaa, safuufi duudhaa hawaasaa ta’an karaa miidiyaa hawaasaatiin tamsaasaa turan keessaa tokkodha," jedhe poolisiin ibsa baaseen.

    Shakkamaan kun haasaa baratamaa keessatti ibsamuu waan hin dandeenye jechoota qaanessoo/fokkisoo fayyadamuun dhalootarratti dhiibbaa gadhee taasisaa akka tureefi qabiyyeewwan kanaan wal fakkaatan irra deddeebiin hojjechuun miidiyaa hawaasaa (YouTube fi TikTok) fayyadamuun tamsaasaa akka ture poolisiin ibseera.

    Poolisiin shakkamaa “miidiyaa hawaasaarrattan nama dadammaqsa ykn qabiyyeen uuma” jedhe kana to’annoo jala oolche kanarratti qorannoo jalqabuus himeera.

  9. Naannoo Gambeellaatti sababa rakkoo nageenyaa saatiin sochii daangeffame

    Waajira bulchiinsa Gambeellaa

    Madda suuraa, Gambella Regional Gov’t Press Secretariat Office

    Magaalaa Gambeellaa dabalatee naannicha keessatti bakka rakkoon nageenyaa itti mul'atetti sababa nageenyi boora'eef har'a irraa kaasee saatiin sochii daangeffamuu naannichi ibsa baaseen beeksiseera.

    Akka ibsa kanaatti, har'a galgala sa'aatii 2:00 irraa kaasee hanga ganama sa'aatii 12:00tti qaamoleen hayyamameefiin ala namni kamiyyu akka hin sochoone akeekkachiifameera.

    Qaamolee nageenyaahayyamameefiin alatti meeshaa qabatatanii socho'uunis akka hin danda'amne ibsi naannichaa eeraara.

    Naannicha keessatti nagaafi tasgabbiin akka bu'u gochuuf daangaawwan kaa'aman kabajuufi kabachiisuun hawaasni of eeggannoofi karaa itti gaafatamummaa qabuun akka scho'us gaafateera naannichi ibsa baase kanaan.

    Guyyoota muraasa darban haleellaaawwan Naannoo Gaambellaa keessa raawwatamaniin ajajaa poolisii Gaambellaa dabalatee namoonni kaan ajjeefamuu aangawoonni olaanoo naannichaa BBC'tti himan.

    Haleellaawwaan magaalaa Gaambellaafi bakkeewwan kaanitti raaawwatamaniin tasgabbiin dhibuu akkasumas jiruun idilee isaanii danqamuullee jiraattonni ibsaniiru.

    Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) haleellaa irra deddeebiin tibbana naannoo Gambeellatti mudateen miidhaa mirga namoomaa jiraattota irra gahu ilaalchisee ibsa baasera.

    Naannichatti walitti bu'iinsi kun bakka adda addaatti akka deddeebi'ee hin mudanneef, itti gaafatamummaa mirkaneessuu barbaachisa jedhe.

    Kana malees, marii hawaasaatiin nagaafi araara uumuu rakkoon kun akka furamuu hojjatamuu akka qabu akeekeera.

    Odeeffannoo dabalataaf:

  10. Veenzuweelaan yaa'ii Mana-maree nageenyaa UN irratti USn himatte

    Konteenara Veenzuweela aboba'aa baatu

    Madda suuraa, Getty Images

    Yaa'ii ariifachiisaa Mana-maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti ''saamicha isa hamaa'' narratti raawwatte jechuun USn himatte.

    UN tti ambaasaaddara Veenzuweelaa kana ta'an yaa'ii Niiw Yoorkitti gaggeeffame irratti US taankaroota boba'aa lama galanarratti jalaa fudhachuunshee ''saamicha galaanarraan olitti hamaadha'' jedhe.

    Yaa'ii ariifachiisaan Mana Maree Nageenyaa dhaabbatichaa kun kan waamame taankaroota US qarqara galaanaa Veenzuweelaatti to'aterraatti mariyachuufi.

    US gama isheen taankarii boba'aa Veenzuweelaa isa sadaffaa to'achuuf adamsaa jiraachuu himti.

    Tiraamp pirezidantiin Veenzuweelaa Nikolaas Maaduuroo dursaa garee qoricha sammuu hadoochu daddabarsaniiti jedheera.

    Ambaasaaddarri US ammoo Nikolaas Maaduroo akka duree biyya Veenzuweelaa fudhatama biyyaa qabatutti hin lakkaa'u jecuun yaa'icharratti dubbate.

    Pirezidant Maduuron Manni Maree Nageenyaa Veenzuweelaaf deeggarsa olaanaa agarsiisaeera jedheera.

    Raashiyaafi Chaayinan US humna fayyadamaa jirt, weeraradha jehcuun balaaleffataniiru.

  11. Tigraay buufata Hitsaatsitti 'gargaarsi addaan hin cinne' - Komishinii Bulchiinsa Yaaddoo Balaa Itoophiyaa

    Nama midhaan gargaarsa abaateejiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Komishiniin Bulchiinsa Yaaddoo Balaa Itoophiyaa gargaarsi lammilee buufata Hitsaats keessa dahatanii jiraniif dhiyaatu addaan hin citne jedhe.

    Komishinichi ibsa Roobiii Mudde 24, 2025 baaseen mootummaan buqqaatoota buufata kana keessa dahatanii jiraniif "dursa kennee xiyyeeffannoon gargagaarsa namoomaafi nyaata dhiyeessaa jira," jira.

    Guyyoota darban keessa miidiyaalee hawaasaa gara garaan buufata buqqaatonni keessa dahatan Hitsaast jedhamu keessatti namoota argaman kessaa kanneen umuriin isaanii deeme beelaan miidhamuun isaanii kan ibsame yoo ta'u, suuraawwan jaarrolee qaamni isaanii miidhameefi huqqatan baayyinaan qoodamaa tureera.

    Buqqaatonni buufaticha keessa jiran BBCn dubbisee buufata buqqaatotaa Hitsaast namoonni kuma kudhanii ol keessa qubatan kana keessatti jaarsoliin, dubartoonni ufaafi daa'imma baayyeen nyaataafi wallaansa fayyaa dhabuunrakkachaa jiraachuu dubbatan.

    Kana hordofee namoonni gara garaa maallaqa walitti qabuun midhaan nyaataa qabatanii gara sana deemuu isaanii miidiyaaleen hawaasaa gabaasaniiru.

    Komishiniin Bulchiinsa Yaaddoo Balaa Itoophiyaa garuu buufata buqaatonni keessa dahatan Hitsaats jedhamu kana keessa lammileen jiran deeggarsi namoomaa akka isaan hin qaqqabne odeeffanoon ibsu "dogogoraafi haala waliigalaa buufata kana keessa jiru kan hin ibsine," ta'uu ibseera.

  12. Itoophiyaatti Labsiin gibira qabeenyaa haaraan qabeenya gosa akkamiifaa irratti kaffalchiisa?

    Suuraa nama birrii lakkaa'u

    Madda suuraa, Getty Images

    Qajeelfamni Ministeerri Maallaqaa naannolee fi magaalotaaf erge akka jedhuttii maatiin galii xiqqaa qaban " gibira qabeenyaa irraa bilisa taa'u''

    Haa ta'u malee, qaamolee gibira kana irraa bilisa ta'an murteessuuf ulaagaaleen lamatu jiru.

    Ulaagaa tokko maatii kamtu "galii gadi aanaa"qaba jedhamee akka ilaalamu kan murteessuudha

    Akka labsichaatti, "maatiin galii gadi aanaa qabu" kan "rakkina dinagdee hamaa fi mirkanaa'e keessa jirudha."

    Maatiin gosa kana keessatti kufe galii waggaa galii giddu galeessaa biyyaalessaa nama tokkoo dhibbeentaa 50 hin caalle yoo qabaate.

    Akka ragaan Baankii Addunyaa bara 2024 ibsutti, Itoophiyaatti galiin nama tokkoo waggaatti gara Doolaara Ameerikaa 1,020 yoo ta'u, safartuu sharafa baankii daldalaa amma jiruun gara birrii 154,640 ta'a.

    Maatiin tokko galii kanaa gadi kan qabu yoo ta'e gibiricharraa bilisa ta'a.

    Kana malees qabeenyi maatii galii xiqqaa qabu magaalota akka Finfinnee keessatti kan argamu yoo ta'e gatiin isaa "birrii miliyoona tokko" caalu hin qabu.

    Kan magaalotaa xixiqoofis ulaagaan kaa'ame jira. Asii dubbisaa

  13. Poolisiin paastarii 'Salaale arrabse' jedhe seeratti dhiheessuuf

    Paastar Henook

    Madda suuraa, Prophet Henok Girma/ JPS Tv

    Godinni Shawaa Kaabaa Paastar Henook Girmaa 'Salaale arrabse' jechuun shakke seeratti dhiheessuuf sochii eegaluu beeksise.

    Barsiisaan amantaa kuni wanti dubbatan dhihoo miidiyaa hawaasummaa gubbaa erga qoodamaa ture booda kuni dhagahame.

    Abbaan Alangaa Godina Shawaa Kaabaa ibsa gaafa Roobii baaseen ''arrabsoo hawaasaan jeequmsa biyyaa fiduuf yaaluun yakka'' jedheera.

    Dhimma kanarratti barsiisaan amantaa Paastar Henook wanti ammatti jedhan yoo jiraate hin beekamu.

    Itti gaafataman Qajeelcha Poolisii Magaalaa Fiichee Inispeektar Taammiruu Baay'isaa 'nama dhuunfaa arrabsuu danda'a, garuu biyya arrabsuu hin danda'u' jechuun BBC'tti himan.

    Viidiyoo qoodamaa ture namoonni qoodaa komiifi mufii ibsaa turan.

  14. UN Iraan adabbii du'aa falmituu mirga namooma irratti murteesse akka haqu gaafate

    Dubartoota

    Madda suuraa, AFP

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii murtee Iraan qabsooftu mirga dubartootaa kan taate Zahra Tarabin irratti darbe mormuun akka hin raawwatamne gaafate.

    Dhabbatichi dubartoota beekamoo 400 waliin ta’uun biyyattiin dubartii ganna 67 kana akka hin ajjeesne jedheera.

    Zahaaraa baatii Eblaa darbe keessa to'annoo jala oolte. Maatiin ishee akka jedhanitti, garee mootummaa Iraan uggure Dhaabbata Mujaahidin waliin hidhata qabaachuun himatamte.

    Manni murtii biyyattiis baatii Sadaasaa darbe kana yakka "fincila hidhannoo" jedhamuun murtii ajjechaa ishee irratti murteesse.

    Maatiin ishee ragaa amanamaa hin taane irratti hundaa'uun akka itti murtaa'e himatu. Manni murtii abukaatoon isheen filattee akka hin dhaabbannneefis dhorke jedhu.

    Aanga'oonni Iraan dhimmicha ilaalchisee hanga ammaatti yaada hin kennine.

    UN Iraan keessatti sababa fincila hidhannoo, basaasummaa, fi diina waliin qindoomuu jedhuun namoota heddu irratti murtiin du'aa darbeera jedhe.

    Dhabbatichi keessattuu miidhaa dubartoota irratti raawwatamu, ajjeechaa fi loogiin raawwatamu Iraan keessatti akka malee dabaleera jedhe.

    Dhimmi dubartii ajjeefamuuf jirtuu kunis ''seera idil addunyaa irra deddeebiin akka sarbamu agarsiisa'' jedhe UN.

    Seerri idil-addunyaa yakkoota ciccimoo qofaaf adabbiin du'aa akka kennamu kan hayyamu yoo ta'u, falmitoota mirga namoomaa du'aan adabuun garuu ''ta'e jedhanii ajjeesuudha'' jedheera.

    Iraan biyya addunyaa irratti dubartoota ajjeesuun sadarkaa jalqabarra jirtuu ta'uu gabaasaleen kan eeran.

    Akka lakkoofsi Dhaabbanni Mirga Namoomaa Iraan baaseetti, bara 2025 keessa Iraan ji'oota 11 keessatti yoo xiqqaate dubartoota 41 dabalatee namoota 1,426 ajjeesteetti. Lakkoofsi kun kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 70'n dabaleera.

  15. Manni Maree Nageenyaa UN aangoo 'AUSSOM' waggaa tokkoof dheeresse

    Loltuu ergama AUSSOM

    Madda suuraa, AU

    Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii aangoo ergama tasgabbii Somaaliyaa Gamtaa Afrikaa (AUSSOM) hanga xumura bara dhufutti akka dheeratu sagalee guutuun murteesse.

    AUSSOM ergama nagaa eegsisuu Gamtaa Afrikaa jalatti argamu yoo ta’u, ce'umsa nageenyaa Somaaliyaa deeggaruuf, biyyattii tasgabbeessuuf, akkasumas Al-Shabaab irratti qabsaa’uuf kan hundeeffame.

    Dabalataanis, Manni Maricha Ergamni Gargaarsa Ce’umsaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Somaaliyaa (UNTMIS) Onkoloolessa bara 2026 hojii isaa akka xumuru murteesseera

    UNTMIS dhaabbilee Somaaliyaatiif deeggarsa siyaasaa fi teeknikaa kennuuf kan hundeeffame yoo ta’u, itti gaafatamummaa guutummaatti aangawoota Somaaliyaaf akka dabarfamuuf qophii taasifamu deeggara.

    Murteen kun nageenya Somaaliyaaf deeggarsa idil-addunyaa itti fufiinsa qabu kan mirkaneessu yoo ta’u, ce’umsa biyyattiifi tasgabbii naannoo kan cimsuudha.

  16. Itoophiyaan Waancaa Afrikaa yoom hirmaatti?

    Gare Biyyaalessaa Itoophiyaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan Masriifi Sudaan waliin Waancaa Afrikaa hundeessite

    Waancaan Afrikaa bara 2025 Morookootti gaggeeffamaa jira. Baranas Itoophiyaan keessa hin jirtu.

    Gareen biyyaalessaa Itoophiyaa keessaa dhibanis, deeggartoonni kubbaa miilaa Itoophiyaa qalbiin isaanii qophii ispoortii ardii Afrikaa guddicha ta'e kanarraa hin fagaatu.

    Barri garee biyyaalessaa biyyattii keessatti hirmaatee qalbii guutuun hordofanis ni dhufa jedhanii dhaloonni abdatanis hin dhiban.

  17. Hogganaan waraana Liibiyaa balaa xiyyaaraa Turkitti qaqqabeen du'an

    Jeneraal Mohaammad Alii Ahimad al-Haddad

    Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

    Hogganaan waraana Liibiyaa balaa xiyyaaraa Turkitti mudateen du'uu Ministirri Muummee Liibiyaa beeksise.

    Jeneraal Mohaammad Alii Ahimad al-Haddad fi namoonni afur waliin Kibxata galgala xiyyaara Faalkoon 50 jedhamuun magaalaa guddoo Turk Ankaaraarraa balali'aa ture keessa turan.

  18. Yukireen magaalaa baha biyyattii lolli itti hammaate gadhiiftee baate

    Waraana

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Raashiyaan dachee Yukireen keessaa 20% to'atteetti

    Loltoonni Yukireeen magaalaa baha biyyattii lolli itti hammaate, Siverisk, gadhiisanii bahan.

    Kunis, harkifataas ta'u yeroo haleellaan Raashiyaa cimeetti mudate.

    Waraanni Yukireen gaafa Kibxataa akka beeksisetti, murtee kanarra kan gahe lubbuu loltoota tursuufi cimina waraanaa eeguufi.

    Sababnimmoo, waraanni Raashiyaa ''humna namaan caalmaa qaba'' jedhe.

    Magaalli Siverisk qabamuun magaalota Yukireen biroo naannoo indastirii Doneesk keessa argaman kaanitti akka siiqxu karra banaaf.

    Raashiyaan Guraandhala 2022 Yukireen kan weerarte yoo ta'u yeroo ammaa daangaa Yukireen keessaa 20% to'atteetti.

  19. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Roobii eegale.

    Odeessa biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya.

    Asumaan WhatsApp, Facebook, YouTube fi marsariitii keenya mil'adhaa.

    Lafa nagaa oolaa!