'Gambeellaatti humnoonni nageenyaa gahaan atattamaan bobbaafamuu qabu' - KMNI

Madda suuraa, Poolisii Federaalaa
Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) haleellaa irra deddeebiin tibbana naannoo Gambeellatti mudateen miidhaa mirga namoomaa jiraattota irra gahu ilaalchisee ibsa baasera.
Naannichatti walitti bu'iinsi kun bakka adda addaatti akka deddeebi'ee hin mudanneef, itti gaafatamummaa mirkaneessuu barbaachisa jedhe.
Kana malees, marii hawaasaatiin nagaafi araara uumuu rakkoon kun akka furamuu hojjatamuu akka qabu akeekeera.
Komishinichi ibsa kaleessa Mudde 21, 2025 baaseen, rakkoo nageenyaa ALI Sadaasa 28, 2018 irraa eegalee Aanaa addaa Gaambeellaa Itaang, Aanaa Gaambeellaa (Abol), Magaalaa Gaambeellaa fi naannawa ishee keessatti mudate hordofee sarbama mirga namoomaafi yaaddoo mudatan hordofaan jira jedhe.
Odeeffannoo hanga ibsa kana baasutti walitti qabeenis, ajajaa poolisii Gaambellaa kan turan Inispeektar Umed Ujuluu ajjeefamuu hordofuun, walitti bu'iinsi cimaan magaalichatti mudateera.
Kanaanis, magaalattiifi aanaalee akkasumas gandoota naannawaa sanaa keessatti haleellaa fi dhukaasa wal irratti banameen lubbuu namaa darbuufi miidhaan qaamaa qaqqabeera.
Uggura sochii namootaa fi filannoowwan geejjibaa daangessuu, akkasumas baankotaa fi waajjiraalee mootummaa dabalatee dhaabbileen tajaajila kennan hedduun tajaajila addaan kutuu mootummaa naanichaan labsameera jedhe.
Walitti bu'iinsaafi rakkoo nageenyaa naannicha bakka adda addaa keessatti uumame hatatamaan dhaabsisuun mirga lubbuun jiraachuu, nageenya qaamaa, bilisummaa sochii, qabeenyaafi hojii akka kabajamu akkasumas sarbamni mirga namoomaa dabalataa akka hin uumamneef humnoonni nageenyaa gahaan hatattamaan bobbaafamuu akka qaban waamicha dhiyesseera.

Madda suuraa, KMNI
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Walitti bu'iinsa yeroo adda addaa naannicha keessatti ka'u dhaabbataadhaan furuuf, itti gaafatamummaa mirkaneessuu, gara fuulduraattis sarbamni mirga namoomaa walfakkaataan akka hin mudanne mootummaan federaalaa fi naannollee tarkaanfii barbaachisaa ta'e fudhachuu qabu.''
Adeemsa mariifi araaraa keessatti jaarsolii biyyaa, dureewwan amantii fi hawaasaa hirmaachisu fi qooda fudhattoota waliin hojjechuun miidhamtoonni yaala, beenyaa, fi deebisanii dandamachiisuu sirrii ta'e akka argatan gochuu feesisa akka KMNI kun jedhutti.
Komishinarri olaanaa KMNI Birhaanuu Adeelloo akka ibsanitti, walitti bu'iinsiifi sarbamni nagaa Naannoo Gambeellaatti deemaa jiru tattaaffii fi tarkaanfiiwwan haala mirga namoomaa naannichaa fooyyessuuf fudhataman qormaata ta'uu ibsan.
Komishiinichi ibsa kana keessatti gorsa mootummoota federaalaa fi naannoof kenne guutummaatti hojiirra oolchuu akka qabu cimsee dubbateera.
Keessattuu, gareewwanii fi namoota dhuunfaa walitti bu'iinsaafi haleellaa keessatti hirmaatan irratti qorannoo yakkaa sirrii ta'e gaggeessuun itti gaafatamummaa mirkaneessuuf, akkasumas dhaabbileen nageenyaa naannichaa walitti bu'iinsa ittisuu fi to'achuuf dandeettii akka qabaatan tattaaffiin taasifamu daran cimuu akka qabu hubachiisaniiru.
Itti dabaluudhaan, KMNI hojii hordoffiifi qorannoo mirga namoomaa idilee taasisuu malees, qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin waldhabdee mariidhaan furuuf hojjechuu akka itti fufu ibseera.
Torban darbe keessa haleellaawwan magaalaa Gambeellaafi bakkeewwan kaanitti raaawwatamaniin tasgabbiin dhibuu akkasumas jiruun idilee jiraattotaa danqamuullee jiraattonni BBC'tti himanii turan.















