Seera baastonni Dimokiratota ta'an ja'a viidiyoo waraanni ajajoota seeraan alaa akka mormaniif hubachiisu gadiisaniin booda Pirezidant Donaald Tiraamp "hokkaraan kan guutameefi amala du'aan adbsiisudha" jechuun himate.
"Kun waan badaadha, biyya keenyaafis hamddha. Dubbii isaanii kana obsaan darbuu hin barbaachisu. Amala gantummaa hokkaraan guutamedha!! Isaan hidhaa??" jechuun Tiraamp miidiyaa hawaasaasaarratti barreesse.
Seera baastonni ja'an loltummaa ykn dhaabbata basaasaa keessa hojjetan yaada Tiraamp balaadha jechuurra darbanii aanga'oota ummatan filalamanirratti doorsisa raawwatame akka ta'e dubbatan.
"Doorsifn ykn waamichi hokkaraa gosa kamiyyu itti-gaafatamummaa keenyarraa nu hin dhorku," jedhan ibsa waloon baasaniin.
Viidiyoon Dimokiraatotaan qophaa'e kun Senaatara Michigaan kan ta'e Eeliisaa Silootkiniin kan qoodame yoo ta'u, Senaatarri Ariizonaa maark Keelii, Kan Peensiliveeniyaa Kiriis Deeluuziiyoo fi Kiriisis Hulahaan, , kan Niiw Amishaayer Maagii Gudlaandar, akkasumas kan Koloraadoo Jeeseen Kiroowun kan dabalatedha.
Humna galaanaa keessa kan tajaajileefi qorataan duraanii hawaa Senaatar Keelii "seerawwan keenya ifadha". Ajajoota seeraan alaa mormuu ni hayyamu," jedhe.
"Ajajoota seeraa fi Heera mootummaa keenya cabsan eenyuyyu raawwachuu hin qabu," jechuun seera baastonni kunneen viidiyoorratti dubbatan.
"Bulchiisni kun loltoota fi ogeessota basaasaa keenya uffata danbii uffatan lammilee Ameeerikaa waliin walitti buusaa jira. Akkuma keenya hundi keessan heera mootummaa eeguufi waan itti dhufu irraa ittisuuf waadaa galleerra. Yeroo ammaa kana yaaddoowwan heera mootummaa keenyarratti ka'an kan alaa dhufan qofa osoo hin taane kan keessaas dhufan dabalata," jedhan.