Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp Dimokiraatota loltoonni ajaja seeran alaa fudhachuu hin qaban jedhan 'du'aan adabamuu qabu' jedhe
Senaataroonni US paartii Dimokiraatotaa irraa ta'an loltoonni Ameerikaa ajaja seeran alaa Tiraamp irraa akka hin fudhanne waamicha gochuu hordofee Doonaald Tiraamp qondaalota paartii Dimokiraatotaatti dhaadate.
Seera tumtoonni kunneen inumaayyuu "du'aan adabamuu qabu!" jedhe Tiraamp.
"Kuni waan hamaafi biyya keenyaf balaafamaadha. Waanti isaan dubbatan kun iddoo qabaachuu hin qabu. Amala warra gantootafi adabbii du'aa qaqqabsiisudha. [Jara] qabaa hidhaa" jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti barreesse.
Senaataroonni US jaha ergaa karaa viidiyootin dabarsaniin, loltoonni US ajaja heera biyyattii faallessu akka hin fudhanne waamicha kan godhan yoo ta'u, seenaataroonni kunneen kanaan dura ogummaa loltummaa ykn tikaan kanneen tajaajilaa turaniidha.
Akeekkachiisa Tiraamp kenne yaaddessaafi qondaalota uummataan filaman yaddoo keessa kan galchu ta'uus ibsan.
"Sodaachisn, dorsisni...kamiyyuu itti gaafatamummaa dhugaa itti jirru irraa duubatti nu hin deebisu," jechuun Tiraampiif deebii kennan.
Senaataroonni Dimokiraatotaa bulchiinsawwan Mishigaan, Arizoonaa, Pensalvaaniyaa, Niwu Hapshaayerfi Koloraadoo irraa Dimokiraatota bakka bu'aniidha.
Senaataroota kana Tiraamp yaaddoo biyyaati jechuun akka to'annaa jala oolan fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti barreesse.
"Kuni sadarkaa olaanatti amala gantummaati. Tokkoon tokkoo gantoota kanaa to'annaa jala oolfamuun seeratti dhiyaachuu qabu. Waanti isaan jedhan iddoo qabaachuu hin qabu. [Bifa kanaan] kana booda biyya hin qabaannu!!! Waanti fakkeenya ta'u hojjatamuu qaba," jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth irratti barreesse.
Senaataroonni Dimokiraatotaa loltoonni US ajaja faallaa heera biyyattii akka hin fudhanne waamicha gochuu hordofee Tiraamp irra deddeebin akeekkachiisa fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti barreesse.
Waanti jarrii kun godhan, "Amala gantootaafi du'aan kan adabsiisudha!" erga jedhee barreessee booda Tiraamp qondaalota Dimokiraatotaa adabbii du'aan sodaachisaa jira kan jedhu komiin irratti ka'eera.
Kamisa, Sadaasa 20 Pirees Sekireetarii Waayit Haawus kan taate Kaarolaayin Liivit ibsa miidiyaaf kenniteen, Tiraamp miseensota Kongiresii adabbii du'aan sodaachisaa jira kan jedhu dhugaa akka hin taane ibsite.
Miseensonni Kongiresii Dimokiraatota ta'an humni waraanaa biyyattii "ajaja seera qabeessa ta'e" akka hin fudhanne jajjabeessaa jiru jette.
"Isaan [senaataroonni Dimokiraatotaa] miseensonni waraanaa miliyeena 1.3 ta'an ajaja gulaantaan jiru akka didan, ajaja kennamu akka hin fudhanne gochaa jiru.
"Dhuguma dubbachuuf seeran waan nama adabsiisudha," jechuun dubbatte Kaarolaayin.