Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Morkii jabaa Arsenaal vs Tootanhaamiifi taphoota Pirimeerligii Ingiliz Sambattan kana eegaman
Tapha intarnaashanilaaf torbee lamaaf adda citee kan ture Pirimeerliigiin Ingiliz deebi'ee eegaleera.
Morkiin Arsenaalifi Tootaenhaam- masaasun Kaaba Landan morkiin isaan taasisan akkaan eegama.
"Haala Tootenhaam irra jiruun yoo wal-bira qabamu Arsenaal garee caalmaa qabuudha; garuu leenjisaan [Tootenhaam] Toomaas Firaank qophii taasisuunsaa waan eegamuudha," jechuun dubbate xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan.
Dabaluunis, "Warri Tootenhaam masaanuusaanii dhaabuuf falmiin taasisan kan eegamu ta'us, Arsenaal karaa ittiin galchii lakkoofsisu hin dhabu" jedhe.
Kiriis Saatan morkii Arsenaalifi Tootenhaam dabalatee taphota kaanis tilmaamera.
Sambata
Barnilee vs Cheelsii
Kool Paalmaar miidhamarraa akka deebi'uuf Cheelsiin eegaa turus hin milkoofne.
Garuu Jaa'o Peediroofi Liyaam Deelaap deebi'uunsaanii sarara fuulduraa cimaa akka qabaatu isa taasisa.
Barnileen haala qindaa'aa ta'een waan dhiyaataniif taphi kun morkiin cimaan kan irraa mul'atu ta'a.
Taphichi galchii tokko wal-qixa akka xumuramu natti dhagahamus garuu Cheelsiin ni mo'ata jedheen yaada.
Tilmaama: Barnilee 1-2 Cheelsii
Barnimaaz vs Weest Haam
Barnimaaz taphoota darban lama injifatameera. Faallaasaa Weest Haam taphota lamaan darban mo'achuun milkaa'eera.
Taphi kun Barnimaaz bayyanachuuf, Weest Haam ammoo mo'achuusaa itti fufuuf falmii taasifamuudha.
Tapha kana Baarnimaaz akka mo'atutu natti dhagahama.
Tilmaama: Barnimaaz 2- 0 Weest Haam
Biraayitan vs Bireentfoord
Bireentifoord bara kana kilaboota gadi bu'u jedhamanii sodaatameef keessaa tokkoodha jedhameedha.
Garuummoo qabxii ajaa'ibaa galmeessaa jira.
Garuummoo Bireentfoord gara Biraayitan deemee kan taphatu yoo ta'u, waam milkaa'u natti hin fakkaatu.
Dirreesaaniin ala tapha gaarii kan hin agarsiifnedha; gama biraan ammoo warri Biraayitan dirreesaaniirratti cimoo ta'uu ni mirkaneessu.
Tilmaama: Biraayitan 2-1 Bireentfoord
Fuulhaam vs Sandarlaand
Fuulhaam taphattoota gaggaarii qabaatus, taphoota darban jaha keessaa shan injifatameera.
Sandarlaand ammoo bara kana kilaba gahuumsa ajaa'ibaa agarsiisaa jiru ta'eera.
Tapha darberratti Arsenaal affeeruun qixa bahee qabxii gachisiisera.
Fuulhaam dirreesaatti kan mo'ame Arsenaal qofaani.
Garichi qabxii gaarii galmeessuuf dhiibbaa jala jira.
Tapha kanarratti ni milkaa'a jedheen yaada.
Tilmaama: Fuulhaam 1- 0 Sandarlaand
Liivarpuul vs Notingham Foorast
Liivarpuul taphoota 10 taphate keessaa 7 mo'ameera.
Bara darbe ammoo dirreessaa Anfiilditti Nootingham Forastiin mo'amuunsaa ni ni yaadatama.
Foorast dirresaan alatti gahuumsa gaarii hin qabu.
Liivarpuul morkataa ta'ee itti fufuuf qabxii sassaabbachuu qaba. Tapha kanas irra aana jedheen yaada.
Tilmaama: Liivarpuul 3 - 1 Nootingham Foorast
Niwukaasil vs Maan Siitii
Haala amma irra jiruun Siitiin waan mo'atu fakkaatus garuu miirri kiyya waan biraa natti hima.
Niwukaasil dirreesaan ala qabxii gataa jira.
Siitiin ammoo Liivarpuul mo'atee dhufuun alatti tapha cimina isaa itti agarsiisu akka ta'u deeggartoonni kilabichaa ni eegu.
Gareen Peep Gaardiyoolaa hojiin heddu kan irraa eegamu ta'us, taphichi qixa akka xumuramun amana.
Tilmaama: Niwukaasil 1 - 1 Maan Siitii
Dilbata
Arsenaal vs Tootenhaam
Tootenhaam dirreesaan alatti taphoota afur injifatee tokko qixa bahuun rikardii gaarii qaba.
Garichi qabxii gaarii galmeessuu kan danda'u ta'us sarara fuulduraa irratti shakkiin qaba.
Taphichi cimaa ta'us, Arsenaal waan milkaa'u fakkaata.
Gabri'eel Magaaleezh Arsenaal jalaa miidhamus, Kiristiyaan Muskeeraa bakkasaa ni taphata jedheen abdadha.
Tilmaama: Arsenaal 3 - 0 Tootenhaam
Wiixata
Manchestar Yunaayitid vs Evartan
Manchestar Yunaayitid taphoota darban irratti fooyya'iinsa agarsiisaa jira.
Deeviid Mooyes kilabasaa duraanii [Evartanitti] deebi'uun taphicha cimaa akka taasisun amana.
Evartan jifataa cimaa waan hin qabneef Yunaayitid irratti galchii lakkoofsisuuf ni rakkata.
Biriyaan Umbuumoofi Maatiyaas Kuunadhaan kan durfamu sararri duraa Yunaayitid carraa cimaa uuma.
Tilmaama: Maan Yunaayitid 1 - 0 Evartan