"Doorsifn ykn waamichi hokkaraa gosa kamiyyu itti-gaafatamummaa keenyarraa nu hin dhorku," jedhan ibsa waloon baasaniin.
Viidiyoon Dimokiraatotaan qophaa'e kun Senaatara Michigaan kan ta'e Eeliisaa Silootkiniin kan qoodame yoo ta'u, Senaatarri Ariizonaa maark Keelii, Kan Peensiliveeniyaa Kiriis Deeluuziiyoo fi Kiriisis Hulahaan, , kan Niiw Amishaayer Maagii Gudlaandar, akkasumas kan Koloraadoo Jeeseen Kiroowun kan dabalatedha.
Humna galaanaa keessa kan tajaajileefi qorataan duraanii hawaa Senaatar Keelii "seerawwan keenya ifadha". Ajajoota seeraan alaa mormuu ni hayyamu," jedhe.
"Ajajoota seeraa fi Heera mootummaa keenya cabsan eenyuyyu raawwachuu hin qabu," jechuun seera baastonni kunneen viidiyoorratti dubbatan.
"Bulchiisni kun loltoota fi ogeessota basaasaa keenya uffata danbii uffatan lammilee Ameeerikaa waliin walitti buusaa jira. Akkuma keenya hundi keessan heera mootummaa eeguufi waan itti dhufu irraa ittisuuf waadaa galleerra. Yeroo ammaa kana yaaddoowwan heera mootummaa keenyarratti ka'an kan alaa dhufan qofa osoo hin taane kan keessaas dhufan dabalata," jedhan.
Karoora kana qopheessuu keessatti Yukireen hin hirmaanne jedhame. Ergamaa addaa US kan ta'e Istiiv wiitkoof fi kan Raashiyaa Kiriil Dimiitiriiv wal-arguun mariyataa turan.
Karoorri qophaa'e kun Raashiyaaf waan heddu kan kenneedha jedhamee qeeqamaa kan jiru yoo ta'u, Yukireen waraana Raashiyaa waliin gaggeessaa jirtuuf deggarsa waraanaa US irratti harka caalu hirkachuunshee dhiibbaa UStiif akka saaxilamtu taasiseera jedhama.
Karoora gama UStiin dhiyaate kana ilaalchisee Pirezidaantiin Yukireen Voldoomiir Zeleniskiin US waliin hojjachuuf qophii ta'uu beeksise.