Yukireen waliin ni dhaabbanna- Istaarmer

Ministirri Muummee Yunaayitd Kingidam Kiir Istaarmer pirezidantii Yukireen Voloodmiir Zeleniskii simatanii yeroo haasofsiisaa jiranitti, “nuti Yukireen waliin ni dhaabbanna” jedhan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Dubartiin 'ulfaa'eera' jechuun taphataa duraanii Tootenhaamirraa sodaachiftee maallaqa fudhatte adbamate

    Taphataa duraanii Tootenhaam, Saan

    Madda suuraa, Getty Images

    Manni-murtii Kooriyaa Kibbaa dubartii taphataa kubbaa miilaa biyyattiiifi kilaba Tootenhaam keessa ture beekamaa Saan Heeng Miiniin sodaachiftetti hidhaa waggaa afurii murteesse.

    Dubartii umuriin ishee waggaa 20 keessa jiru amballii duraanii Tootenhaam 'ulfaa'eera' jechuun maallaqa akka isheef kennuufsodaachifte ykn doorsifte yakkamtuu taatee waan argamteef hidhaan kun itti murtaa'eera.

    Gocha kana keessatti namni dubartii kana tumsaa ture umuriin isaa waggaa 40 ta'e tokkos hidhaan adabameera.

    Shamarreen kun 'mucaa Saan garaatti baadheera' jechuun bara darbe taphataa kana argitee akka turte manni-murtii konyaa Si'ol dhaga'uu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

    Isaan booda maallaqa dolaara kuma 200 akka isheef kennuuf akka gaafatteefi kan gochuu baannaan ammoo dhimmicha akka addabaabayiitti baastu sodaachisuun maallaqa fudhatteetti.

    Dubartiin kun maallaqa taphataa kanarraa fudhattes meeshaalee qaqqaaliifi qananii ta'an akka ittiin bitatte AFPn gabaseera.

    "Dubartiin kun maallaqa kana akka beenyaatti fudhatteetti, akka miidhamtuu taatettis of dhiyeessiteetti," jechuun abbaan alangaa Wixata mana-murtiif ibseera.

    Haata'u malee, komiin dhiyeeffatte, "haala jiru waliin guutummaan guutuutti kan wal qabatu miti," jechuun dubartiin kun yakka kana shira sobaa uumuun raawwatte jechuun himateera.

    Maallaqa argachuuf Saaniin si'a 15 namni dubartii kana deeggaruun dorsise ammoo hidhaa waggaa lamaan adbameera.

    Saan ammoo dhimma kana poolisiiti kan beeksise bara kanas maallaqa dabalataa gaafachuushee hordofeeti.

    Abbaan-seeraa akka jedhetti, dubartiin kuniifi namni ishee tumsu kun yakka sobaa kanaan maqaa taphataa umurii waggaa 33 kana kan xureessan yoo ta'u, erga dhimmi kun miidiyaarratti bahee Saan "miidhaa sammuu" guddaaf saaxilamee jira.

  2. Imala waancaa Arsenaalitti maaltu danqaa taha? Kadhannaan furmaataa?

    Taphattoota Arsenaal fi Aston Viilaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Arsenaal kadhannaa taphattoota isaa 'Bible Boys' jedhamaniin moo Maanchister Siitii fi kileboota kaan gahumsa olaanaan caalee waancaa mo'ata?

    Arsenaal osoo hin mo'amiin taphoota 19 erga taphatee booda Aston Viilaan daangaa itti godhe.

    Daqiiqaa dhumaatti Viilaa Paark irratti Arsenaal galchii Buundiyaan lakkoofsiseen mo'ame.

    Arsenaal abaarsa waancaa Piriimer Liigii mo'achuu waggaa 22 irra ture cabsuuf tattaafataa jiru.

    Mikeel Arteettaan mataan isaa waggaa 6 ol kilebicha yeroo leenjisu, garee cimaa ijaarus waancaa jala gahee dhabaa ture.

    Innis baratti qoramuu fi deeggartootaaf waa mo'achuu qabudha. Arteettaan Arsenaaliin taphattoota ciccimoon qofa ijaare miti.

    Baacoo hin jedhiinaa malee taphattoonni maqaa ergamoota waaqaa qaban hedduudha.

    Gabri'el Magalesh, Gabri'el Maartineelii, Gabri'eel Yesus......Arteettaan humna addaa waaqarraa barbaadee laata!

  3. Yukireen waliin ni dhaabbanna- Istaarmer

    MM UK fi Pirzidantii Yukireen

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Muummee Yunaayitd Kingidam Kiir Istaarmer pirezidantii Yukireen Voloodmiir Zeleniskii simatanii yeroo haasofsiisaa jiranitti, “nuti Yukireen waliin ni dhaabbanna” jedhan.

    “Dhukaasa dhaabuun kan jiraatu taanaan haqa-qabessaafi dhukaasa dhaabuu waara’aa ta’uu qabu; nutis kanaafidha dhimmi Yukireen ilaallatu Yukireeniin ta’uun isaa barbaachisaadha jechuun irra deddeebiin kaasnuuf.

    “As kan jirruuf walitti bu’iinsicha keessatti sin deeggaruuf, akkasumas marii nagaa keessatti si deeggaruufida.”

    Zeleniskiin ammoo waraana Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessitu dhaabuudhaaf Awurooppaa, Yukireen fi US gidduutti tokkummaan murteessaadha jedhe.

    “Dhimmoonni nuti Ameerkaa malee tolfachuu hin dandeenye, dhimmoonni nuti Awurooppaa malees tolfachuu hin dandeenye jiru,” jedhe Zeleniskiin.

  4. Namni jalqaba dhibee Marbargiin qabameefi gaggeessitoota sadii kan dhabde Waldaan Qaalahiwoot Jiinkaa maal jetti?

    Namoota dhibee Maalbargiin du'anniifi ogeessa fayyaa

    Taatee Gaddisiisaa dhibee marbargiin walqabatee uumammeen gadda keessa kan jiran Abbaan Kadhannaa Yaa'iqoob Buchilee, "Mana amantaa tokko keessaa akkamiin abbootiin amantaa sadii yeroo tokkoon du'an?" jechuun gaafatu.

    "Hojii seexanaa haa ta'uu, waamicha waaqaa haa ta'uu adda baasnee hin beekne. Hundi keenyaa waan ta'e kana Gooftaatti kenninee callisneerra" jedhu.

    Nama amantaa kana miira akkanaa keessa kan galche taatee mana amantaa Qaalahiwoot Jiinkaa kan 'Lakkoofsa 6' jedhamtu keessaa abbootiin amantaa sadii garaagarummaa guyyootaa keessatti dhibee marbargiin du'uusaaniiti.

    Manni Amantaa Qaalahiwoot Jiinkaa tuni bara 2011 hundoofte. Dhuma ji'a Onkololeessaa irraa kaasee maatiin mana amantichaa hundi gadda keessa jiru.

    Namootni tokko tokko du'a abbootii amantaa kunneeniif sababa ta'uu mala kan jedhan yaada dhuunfaa isaanii himu. Kaan ammoo waanuma gamaa fi gamanaa dubbatamu malee sababa kana jedhanii himan hin qaban.

    Taateen gaddisiisaan Mana amantaa kana keessatti kan jalqabe maatii mana amantichaa kan ta'e Injinara Alamaayyoo( Maqaan kan jijjiirame) yeroo dhukkubsatedha.

    Injinar Alamaayyoon bara 2010tti haadha warraasaa waliin gara Magaala Jiinkaa kan dhufe Pirojektii Baankiin Daldala Itoophiyaa achitti ijaarsisu hoji gaggeessaa ta'eeti.

    Wiirtuu magaala Jiinkaa keessatti ijaaramaa kan jiru gamoon kuni amma gara xumuraarra gaheera.

  5. Ijoolleen 100 mana-barumsaarraa butaman gadhiifaman

    Mana barumsaa

    Madda suuraa, EPA

    Ijoolleen 100 kan ji’a darbe mana barumsaa Kaatolikii Naayijeeriyaa irraa butaman gadhiifamaniiru jedhu aanga’oonni.

    Barattoonni 250 ol fi hojjettoonni 12 mana barumsaa Kaatolikii St Meerii irraa butamanii turan.

    Ijoolleen kun Wiixata gara maatiisaanii akka geeffaman himaniiru.

    Waa’ee gadhiifamuu isaanii bal’inaan wanti ibsamne hin jiru. Mariin, humnaan ykn furiin kaffalamuu isaa hin ibsamne.

    Bulchaan naannoo Nasaraawaa, Abdullaahi Sulee, miidiyaalee biyya keessaatti akka himanitti, mootummaan federaalaa gadhiifamuu isaaniif gahee olaanaa akka qabu ibsuun, carraaqqiin duuba jiru sababa nageenyaatiin ibsamuu akka hin dandeenye himaniiru.

    Kaabaa fi Giddugaleessa Naayijeeriyaa keessatti manneen barnootaa fi manneen amantii irratti xiyyeeffachuun dabalaa jira.

    Sadaasa 18, haleellaa Waldaa Ergamoota Kiristoos kan bulchiinsa Kuwaaraa jiru keessatti raawwatameen namoonni lama ajjeefamanii 38 ammoo butaman.

    Taatee Kanaan dura namoonni lama ajjeeffamanii, barattoonni Muslimaa 25 mana barumsaa sadarkaa lammaffaa mootummaa irraa butamaniiru.

    Torbe darbe haleellaa mana kadhannaa irratti raawwatameen haadha warra Paastarii dabalatee namoonni 20 butatanii turan. Bulchiinsa Sokotoo kan Muslimoonni irra caalan jiraatan keesssatti misirroo fi miizeenshee butaman.

    Butamuu kana duuba eenyuti akka jiru ifa miti. Xiinxaltoonni baay'een ammoo baandota furii barbaadaniitti yakkaa kana raawwataa jedhu.

    Haa ta'u malee dubbi himaan pirezidaantii tokko kanaan dura butii kun hojii gareewwan jihaadistii ta'uu akka amanu BBC'tti hime.

    Rakkoon nageenyaa Naayijeeriyaa ji’a darbe erga prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp mootummaan biyyattii''ajjeecha Kiristaanotaa itti dhiisa taanan'' loltoota erguuf doorsisanii booda xiyyeeffannoo idil-addunyaa argate.

    Qondaaltoota fi xiinxaltoonni Naayijeeriyaa garuu rakkoon butiinsaa miseensonni amantii hunda mudata malee addaatti kan Kiristaanota irratti xiyyeeffatu hin jiru jechuun himannaan kun dogoggora ta’uu dubbatan.

  6. Zeleniskiin yaada nagaa haaraa hin dubbisne jechuun Tiraamp mufate

    Tiraamp fi Zeleniskii

    Madda suuraa, TOM BRENNER/AFP via Getty Images)

    Doonaald Tiraamp Pirezidantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskiinakkaataa waraanni Yukireen fi Raashiyaa dhaabamu irratti yaada yeroo dhiyoo bahe hin dubbisne jedha.

    Waashingitanitti gaazexeessitootaaf ibsa kan kenne Tiraamp, ''warri" Zeleniskii kan qondaaltota Ameerikaa waliin mari'achaa turan - karoora kana ''jaalataniiru'' jechuun dubbate.

    "Raashiyaanis yaada kana ni deeggarti” jedha Tiraamp.

    "Osoo danda’amee Raashiyaan biyya guutuu qabaachuu barbaaddi. Garuu amma Raashiyaan, yaada kana ni deegarti, garuu Zeleniskiitti waan tole natti hin fakkatu."

    Zelenskiin kanaan dura Yukireen naannooshee dabarsitee Raashiyaadhaaf kennuu qabdi yaada jedhu mormee ture.

    Haasawa torban torbaniin lammiilee Yukireeniif dabarsu irratti Zeleniskiin ganama kana ''marii bu’a qabeessaan'' ergamtoota Tiraamp waliin gaggeeffameera jedha.

    "Ergamtoota Ameerikaa ejjennoowwan ijoo Yukireen beeku, salphaa ta'uu baatus mariin bu’a qabeessa ture. Hojii keenya itti fufa. Dhimmoonni garii qaamaan qofa mari'atamuu danda'u." jedhe

  7. Somaaliyaan nageenya biyyaalessaa Masrii, Arabaa fi Afrikaaf murteessituudha - Masrii

    Pirezidantii Masirii fi Somaaliyaa

    Madda suuraa, AL- Ahram

    Sa'aatii 6 dura

    Tibbana Masriitti Fooramiin Dohaa jedhamu gaggeeffamaa ture. Fooramiin kun dhaadannoo ''Jijjiirama itti fufsiisuuf Istraateejii Qindaa'aa'' hordofuu jedhuun gaggeeffamaa ture.

    Fooramiin kun kan xiyyeeffate tokko rakkoo Somaaliyaa keessaa qabatamaatti furuu kan jedhu irrattidha.

    Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badir Abdellaatii, rakkooleen Somaaliyaa har'a mudataa jiran deeggarsa qindaa'aa idil-addunyaa kan barbaadanidha jedhan.

    Badir Abdellaatii, ''naannicha [Somaaliyaa] bakka irratti wal dorgoman gochuuf qaamoleen dhama'an jiru'' jedhan.

    Tarkaanfiin akkasii tokkummaa Somaaliyaa balaa irra kan buusuufi naannoo Galaana Diimaatti tasgabbii kan dhabamsiisudha jedhan.

    Qaamolee kanneen maqaadhaan adda baasuu baatanis dhiyeenya biyyoonni gurguddoo akka Ameerikaa, Raashiyaa fi Chaayinaa Gaanfa Afrikaa keessatti sochiin tasisanii fi dippilomaasii injifachuuf godhan haalaan dabaleera.

    Ameerikaa fi Chaayinaan yeroo jalqabaaf ergamaa addaa Gaanfa Afrikaa jechuun muudanii hojjechaa turan.

    Akkasuma kana muddamni naannicha keessaas haalaan dabalaa dhufeera.

  8. Taayilaandi fi Kaamboodiyaan dangaarratti wal lolaa jiru

    Taayilaandi fi Kaamboodiyaa keessatti namoonni kuma kudhaniin lakkaa’aman qe’eesaanii gadhiisanii akka baqatan gaafatamaniiru.

    Kunis erga waraanni akka haaraatti biyyoota ollaa kana gidduutti ka’een booda.

    Kaamboodiyaatti namoonni nagaa afur ajjeefamanii sagal madaa'uu isaanii Ministirri Odeeffannoo Kaamboodiyaa himaniiru.

    Taayilaanditti loltuun tokkoo du’ee saddeet ammoo madaa’aniiru jedha Waraanni Taayilaandi.

    Taayilaandi buufata waraanaa Kaamboodiyaa irratti haleellaa qilleensaa akka raawwatte dubbatteetti.

    Erga ji’a Adoolessa keessa dhukaasa dhaabuu mallatteessanii as kun wal-dhabdee cimaa Taayilaandi fi Kaamboodiyaa gidduutti ta’edha.

    Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waldhabdee kana fure jedhee dhaaddachaa ture. Kunis erga dhiibbaa inni uumeen dhukaasa dhaabuu waliigalaniin booda. Haa ta'u malee waliigaltee kana cabsuun amma waraanan itti fufaniiru.

    Suuraaleen ganama kana achi arganne kunooti.

    Namoonni baqatan naannoo Burii Raam keessa boqotan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni baqatan naannoo Burii Raam keessa boqotan
    Lammiileen Kaamboodiyaa baay'een ganama kana bulchiinsa daangaa irraa baqatan

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Kaamboodiyaa baay'een ganama kana bulchiinsa daangaa irraa baqatan
    Akka waraanni Taayilaandi jedhutti namoonni gara 35,000 ta'an keessaa baafamaniiru

    Madda suuraa, Akka waraanni Taayilaandi jedhutti namoonni gara 35,000 ta'an keessaa baafamaniiru

  9. Pireezidaantiin Yukireen Volodimiir Zelensikiin michuuwwan isaa jajjaboo Awurooppaa waliin har’a Landanitti wal arguuf

    Zeleniskii fi Kiir Staamar

    Madda suuraa, Chris J Ratcliffe/POOL/EPA/Shutterstock

    Wal argaan Zeleniskii fi michoota isaa awurooppaa kun yeroo Ameerikaan waraana Yukireen dhaabsisuuf dhiibbaa jabaa gochaa jirtutti dhagahame.

    Torbaan darbe, qondaaltonni Yukireen jaarrolee araaraa US waliin guyyoota sadiif Filooridaa keessatti mariyatanii turan.

    Yeroo sanatti dursaan bakka bu’oota marii araaraa Yukireen karoorri jaarsummaa Ameerikaa irra caalaa Raashiyaaf kan loogu waan ta’eef jijjiiramni akka jiraatu gaafatan.

    Gamni lachuu jijjiiramni jiraachuu dubbatu. Garuu marii kana hordofee Tiraamp “Zeleniskiin karoora kana sirriitti hin dubbifne” jedhuun xiqqoo itti mufachuu hime.

    Waan dabalataa ni qabaanna. Har’a, Zeleniksiin Ministira Muummee UK Kiir Staarmar, Pirezdaantii Faransaay Immaanu’eel Maakroonii fi Chaansilarii Jarman Fireedrik Merz waliin Landanitti wal arguufi.

    Yeroo carraaqqiin dippilomasii kunneen itti fufee jirutti, haleellaan Raashiyaan Yukireenirratti gootus itti fufeera.

    Halkan darbe qofa, haleellaa diroonii Raashiyaan magaalaa kaaba baha Yukreen, Okiitirkaa jedhamtu, irratti gamoo manneen jireenyaa irratti raawwatteen namoonni torba madaawuu bulchaan kutaa bulchiinsa tanaa hime.

  10. Waa'ee yaalii fonqolchaa Beeniinitti raawwate hanga ammaa maal beekna?

    Loltoota miidiyaa biyyaalessaarra as bahuun mootummaa fonqolchine jedhan

    Madda suuraa, BTV

    Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota miidiyaa biyyaalessaarra as bahuun mootummaa fonqolchine jedhan

    Pirezidantiin Beeniin Paatriis Teelon televijinii gubbaa as bahuun lammiilee biyya Lixa Afrikaa jajjabeessuun fonqolchi mootummaa yaadame ''guututti to'annoo jala ooleera,'' jechuun dubbatan.

    Akka mootummaan biyyattii jedhetti yaalii fonqolchaa kana fashalesseera.

    Xumura torban darbe loltoonni muraasni mootummaa fonqolchuu isaanii miidiyaa biyyaalessaa irratti as bahanii dubbatanii turan.

    Boodarra, waaree booda, magaalaa guddoo biyyattii Kotoonuu keessatti dho'insi guddaa dhagahame.

    Tarii, haleellaa qilleensaa raawwateen kan dhagahame akka ta'e shakkama.

    Dho'insa dura daataan balalii xiyyaaraaa hordofu xiyyaaronni sadii Naayijeeriyaarraa ce'an daangaa qilleensaa Beeniin seenuu mul'isa.

    Beeninitti yaaliin fonqolcha mootummaa fashalaa'uu ibsamuu dura Lixa Afrikaatti fonqolchi iirra deddeebiin mudataa ture.

    Duraan kolonii Faransaay kan turte Beeniin biyyoota hiyyeeyyii keessaa tokkodha.

  11. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Wiixataa kunooti.

    Odeessa biyya keessaafi alaa jala jalaan isin biraan geenya. Isiniis WhatsApp, Facebook, YouTube fi marsariitii keenya mil'adhaa.

    Lafa nagaa oolaa!