Namni jalqaba dhibee Marbargiin qabameefi gaggeessitoota sadii kan dhabde Waldaan Qaalahiwoot Jiinkaa maal jetti?

Jinkaatti namoota vaayirasii Marbargiin du'an

Taatee Gaddisiisaa dhibee marbargiin walqabatee uumammeen gadda keessa kan jiran Abbaan Kadhannaa Yaa'iqoob Buchilee, "Mana amantaa tokko keessaa akkamiin abbootiin amantaa sadii yeroo tokkoon du'an?" jechuun gaafatu.

"Hojii seexanaa haa ta'uu, waamicha waaqaa haa ta'uu adda baasnee hin beekne. Hundi keenyaa waan ta'e kana Gooftaatti kenninee callisneerra" jedhu.

Nama amantaa kana miira akkanaa keessa kan galche taatee mana amantaa Qaalahiwoot Jiinkaa kan 'Lakkoofsa 6' jedhamtu keessaa abbootiin amantaa sadii garaagarummaa guyyootaa keessatti dhibee marbargiin du'uusaaniiti.

Manni Amantaa Qaalahiwoot Jiinkaa tuni bara 2011 hundoofte. Dhuma ji'a Onkololeessaa irraa kaasee maatiin mana amantichaa hundi gadda keessa jiru.

Namootni tokko tokko du'a abbootii amantaa kunneeniif sababa ta'uu mala kan jedhan yaada dhuunfaa isaanii himu. Kaan ammoo waanuma gamaa fi gamanaa dubbatamu malee sababa kana jedhanii himan hin qaban.

Taateen gaddisiisaan Mana amantaa kana keessatti kan jalqabe maatii mana amantichaa kan ta'e Injinara Alamaayyoo( Maqaan kan jijjiirame) yeroo dhukkubsatedha.

Injinar Alamaayyoon bara 2010tti haadha warraasaa waliin gara Magaala Jiinkaa kan dhufe Pirojektii Baankiin Daldala Itoophiyaa achitti ijaarsisu hoji gaggeessaa ta'eeti.

Wiirtuu magaala Jiinkaa keessatti ijaaramaa kan jiru gamoon kuni amma gara xumuraarra gaheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haati Warraa injinar Alamaayyoo, Immabeet Iniyeew ammoo naannichumatti mana nyaataa xiqqaa bantee hojjetti. Daa'ima isaanii amma ganna ja'aa kan godhatanis erguma gara Jiinkaa dhufaniiyi.

"Gamoo Baankii daldala Itoophiyaa kana Diigees, qiyyaasees kan hojjete isuma. Namni hunduu kana nibeeka" jetti haati warraasaa. Jiraattonni Magaala Jiinkaa BBCn dubbises kanuma dhugaa bahan. Keessumaa mana amantaa Qalahiwoot waliin maqaansaa gaarummaan ka'a.

Injinara Alamaayyoon yeroo miirri dhukkubbii Ji'a Onkololeessaa keessa isa jalqabu 'Qorra ta'uu hin oolu' shakkii jedhu qaba ture jetti haati warraasaa. Onkololeessa 5, bara 2018, Roobii ganama mana yaalaa dhaqee lilmoo waraannatee jennaan inumaa fedhiin nyaataasaa gadi bu'ee hoo'isuu jalqabe.

Hakiimonni qaamasaa keessaa hanqinni dhangala'aa isa qunnamuu fi boodammoo infeekshinii kalee akka qabu itti himan. Tari Busaatu keessa dhokatee ta'a jennee yeroo dhibee busaatiif qorachiisnu 'Busaa mataati' nuun jedhan jetti Immabeet.

"Dilbatarraa kaaseemmoo Haqqisiisuu jalqabe. Nyanni fudhate garaa keessa hin taa'u. dhagala'aa kamuu yoo fudhate nibaha" jechuun dhibeen isaa akkaataa itti cimaa dhufe dubbatti haati warraasaa.

Injinar Alamaayyoon Hospitaala waliigala Jiinkaa kan seene Torbeedhaan booda gaafa Onkololeessa 13, bara 2018. Dhukkubsachuu isaa kan dhagahan abbootiin amantaa mana amantaa Qaalahiwoot qofaatti isa hin dhiisne.

Maatii kan itti ta'e 'Lakkoofsa 6' tti abboota kan ta'an, Barsiisaa Phaawuloos Maatiwoos, Fireehun Fiqaaduu fi barsiisaa Iqaalee Gaalikoo Alamaayyoof kadhachuuf waliin Hospitaala jiru.

Mana amantaa Qaalahiwoot damee biraa kan magaala Jiinkaa keessa jirurraa Paastar Milkiyaas Ambaayes abboota amantaa Hospitaalatti argaman keessaayi. Paastarri kuni 'Alamaayyoon nidhidhiittata' ture jedhu.

Sababa kanaaf Hakiimonni yaala kennuufif guddoo rakkachaa akka turan kan dubbatan Paastar Milkiyaas, dhukkubsataa kana qabuudhaan gargaaraa turuu eeran. Harka isaanii dhukkubsataa kanarra kaa'anii kadhachaafii turuus yaadatu.

Paastar Milkiyaasii fi Barsiisaa Iqaaleen kadhannaa godhaniifii gara mana isaaniitti yoo galan warri hafan achumatti isa kunuunsuuf bulan.

Galagala sa'aatii 12 irraa kaasuun dhukkubni isaa kuni iti cimaa dhufee halkan walakkaa naannoo sa'aatii ja'aatti 'qaamnisaa diillallaa'uu jalqabe' jedhan.

"Hanga halkan sa'aatii ja'aatti qoricha bitaa jedhanii ala keessa fiigaa turre. Nifayya homaan ta'u jedhanii abdii nuuf kennaa turan. Garuu 'Gara kutaa yaala cimaa' haa seenu nuun jedhan. Dafnee fuunee geessine. Meeshaa qaama dammaqsuun yoo laalamu lubbuun darbeera" jetti Immabeet.

Bariituusaa gara mana amantaa deemanii Injinar Alamaayyoon du'uu isaanii amantootatti kan himan warra Hospitaala bulan Barsiisaa Phaawuloosii fi Fireehuni.

Taateewwan itti aanan kan raawwataman saffisaani. Amantoonni hedduunis waa'ee du'asaa hin dhageenye. Reeffi konkolaataan Bishooftuutti ergame.

Sababni du'asaa haalan kan hin beekamne Alamaayyoon erga boqoteen booda magaalattiitti wanti addaa hin mul'atu. Tajaajiltoonni mana amantichaas hojii idilee isaanii itti fufaniiru. Yoo xiqqaate hanga torbeessaatti.

Abbootiin amantaa dhukkubsataa jalqabaa kana hopitaalatti dhaqanii gaafatan dhukkubbiin kan isaan jalqabe Alamaayyoon du'ee turbeesaatti.

Hoo'ina cimaa, haqqee fi teesiisuun mallattoolee abbootii amantaa afranuu irratti mul'ate ta'uu abboota amantaa keessaa tokko kan ta'an Paaster Milkiyaas , Maatiin dhukkubsattootaa fi Ogeyyiin fayyaa BBCtti himaniiru.

Walitti qabaa mana amantaa Qaalahiwoot damee lakkoofsa ja'aa kan ta'an Fireehun dhukkubbiin itti hammaachaa deemnaan gara Hospitaala Waliigalaa Jiinkaa geeffamuu Obboleettiin isaanii Faanaayee Fiqaaduu nihimti.

"Yeroo hospitaala geeffamu hoo'ina olaanaa, dhukkubbii mataa kana hin jedhamne qabu. Bishaan yeroo irratti naqnu qaamni isaanii bishaanicha danfisee hurka uuma ture" jechuun haala Obboleesishee keessa ture yaadatti.

Akka Faanayeen jettutti haalli Obboleessashee, barreessaa mana amantichaa kan ta'an, Barsiisaa Phaawuloosii fi abbaa Hereegaa Barsiisaa Iqaabee waliin yeroo yoo madaalamu inni fooyyee qaba.

Gaggeessitoota mana amantichaa lamaan keessaa bifa 'funuuna' fakkaatuun dhiigni baayyeen keessaa yaa'aa turuu himti.

Paastar Milkiyaas akka warra kaanii dhiigni keessaa yaa'uu hin qabu ture. Afran isaanituu garuu dhukkubni Kalee waliin walqabatu irratti mul'ateera jetti.

Dhukkubichi akka malee kan hammaate Ogeessa Hereegaa Iqaabee irratti ture. Barsiisaa Iqaaleen Onkololeessa 29, bara 2018 hospitaala jiinkaa keessatti lubbuun isaanii darbe.

Yeroo kana abbootiin amantaa hafan yaala dabalataatiif gara Hawaasaatti ergaman. Barsiisaa Phaawuloosii fi Fireehun yaalli Hawaasaatti isaaniif taasifame lubbuu isaanii hin oolchine. Garaagarummaa guyyaa tokko keessatti Sadaasa1, fi 2 bara 2018 lubbuun isaanii darbe.

Itti aansuun ammoo warri Hospitaala Jiinkaatti yaala isaaniif kennan Dr. Geetaahun Abiyyuu fi Narsii Amaanu'eel Kaasaa mallattoo dhukkubichaa mul'isuun lubbuun isaanii darbe.

Haati warraa Narsii Amaanu'eel Gabayyoo, Ulfa kan turan haati warraa Barsiisaa Phaawuloos, Tsahaay Phaawuloos, akkasumas Obboleessi Iqaabee warra itti aanee lubbuun darbani.

Itoophiyaattii Vaayirasii jalqabaa, Maarbarg akkamiin argame?

Ogeeyyiin fayyaa hospitaala Jiinkaa lamaan lubbuun isaanii dabre "Dhibeen kun maal akka ta'e beekuu dhabuu isaaniitiin of eeggannoo malee yaala fayyaa kennaa" waan turaniif akka ta'e hogganaan damee fayyaa naannichaa tokko BBC'tti himaniiru.

Hogganaan kun ministeerri fayyaa dhibee kanaan wal qabsiisee hojmaata baase bu'uura godhachuuni maqaan isaanii akka hin himamne gaafatan.

Hogganaan kun akka dubbatanitti, lubbuun ogeeyyiii fayyaa darbuun godinni Arii fi hoggantoonni biiroo fayyaa naannoo kibba Itoophiyaa dhibee kanaaf xiyyeeffannaa addaa akka kennan godheera.

Taatee kana booda eddattoo (samudni ) dhukkubsattootaa gara Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti ergamee qorannoon godhamuu ibsame.

Ministeerri Fayyaa fi Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa dhibeen maalummaan isaa addatti hin baramne Heemooraajik Feevar magaalaa Jiinkaa keessatti mul'achuu kan beeksisan lubbuun Alamaayyoo dabartee guyyoota 20 booda, ALI Sadaasa 03, 2018, ture. Guyyoota lama booda immoo dhibeen kun Marbarg Vaayiras ta'uu akka mirkanaa'e ifa godhe.

Hogganaan Damee Fayyaa BBC'n dubbise akka himanitti garaagarummaa guyyootaatti lubbuun isaanii kan dabarte hoggantoonni mana kiristaanaa barsiisaa Phaawuloos, barsiisaa Iqaalee fi Fireewu Vaayirasii Marbargiin qabamuun isaanii mirkanaaye. Haati warraa barsiisaa Phaawuloos, obboleessi barsiisaa Iqaalee akkanuma vaayirasichaan qabamanii lubbuun isaanii dabarte.

Yaala fayyaa dabalataaf gara Hawaasaa ergamanii kan turan Paastar Miilkiyaas vaayirasichi isaanirratti akka hin argamin himan.

Dhukkubsataan jalqabaa fi ogeeyyiin fayyaa lamaan mallattoon dhibichaa irratti mul'atee du'anis, Vaayirasii Maarbargiin qabamuu isaanii qorannoo laaboraatoriitiin du'uusaanii hin mirkanoofne jedhu hogganaan kun.

Akkasis ta'u garuu, Maarbarg Itoophiyaatti mul'achuu hordofee, dhukkubsataan jalqabaa Itoophiyaa vaayirasii Maarbargiin qabame (index case) jedhamee kan lakkaawamu Alamaayyoo akka ta'e ibsan.

"Alamaayyoon Indeeksii jedhamee kan fudhatame namoonni isa waliin turan dhukkubsatanii vaayirasichi kan mul'ate namoota kanneen irratti waan ta'eefi" jechuun ibsan.

Immabeetis, ogeeyyiin fayyaa dhaabbilee federaalaa fi naannoo irraa dhufan gara mana ishee dhufanii dhibee abbaa warraa isheen waan wal qabaturratti odeeffannoo walitti qabachuu BBC'tti himtee jirti.

BBC'n waayee dhukkubsataa jalqabaa akkasumas namoota jalqabaa tuttuqqii dhukkubsaticha faana qaban irratti ministeera fayyaa irraa odeeffannoo argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne.

Ministeera Fayyaatti itti gaafatamaan garee sab-qunnamtii fi kominikeeshinii Yordaanos Allabbaachoo maqaa namoota dhibeen kun irratti mul'atee yookiin mallattoowwan dhibee kanaa irratti mul'atee dubbachuu akka hin dandeenye hubachiisan.

Odeeffannoowwan kunneen kan ibsaman "sadarkaa dhaabbilee dhuunfaatti" akka ta'e eeran.

Hospitaalli waliigalaa Jiinkaa, akkasumas waajjirri fayyaa Jiinkaa fi qajeelchi fayyaa godina Arii gama isaaniin odeeffannoowwan kan kennaman karaa ministeera fayyaa qofa ta'uu ibsan.

Jiinkaatti Vaayirasiin Maarbarg eessaa dhufe?

ALI bara 1959tti bakka itti jalqaba mul'ate, magaalaa biyya Jarmanii Marbarg, kan moggaasi isaatuu magaalaa tanarraa ta'e, vaayirasiin marbarg dandeettii ajjeesuu dhibbeentaa 24 - 88 qaba.

Marbargii fi Iboolaan, vaayirasiin irraa dhufan garaagara ta'us, qaccee vaayirasii tokko jalatti akka ramadaman ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ni mul'isa.

Ho'ina qaamaa tasa dabalu, mataa bowwuu hamaa, fi dhukkubbiin maashaa mallattoowwan vaayirasichaa keessaayi.

Namni vaayirasii kanaan qabame guyyaa sadeessoo irraa eegalee gara-kaasaa hamaa, dhukkubbii garaa fi hoqqisiisuun isa mudata.

Guyyaa shaneessoo irraa kaasee immoo baasaa dabalatee dhiiga isa teessisuu danda'a. Afaan, funyaanii fi qaama hormaataa dubartootaa keessaa dhiigni dhangala'uu eegala.

Ka'umsi vaayirasii Maarbarg sinbirroota halkanii "Ruustas (Iijiiptiyaan) firuut jedhamani.

Namoonni yeroo dheeraaf iddoowwan sinbirroonni halkanii jiraatan "iddoowwan oomisha albuudaa ykn holqawwanii jiraatan vaayirasichi itti darbuu akka danda'u Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ni agarsiisa.

Vaayirasichi sinbirroota kanneenirraa namatti erga darbee booda tuttuqaadhaan namoota kaanitti daddarba.

Fakkeenyaaf, ALI Onkololeessa 2010 dhukkubsataan jalqabataa vaayirasii maarbarg Yugaandaatti mul'atee, nama dhiyeenya holqa simbirroonni halkanii baay'inaan jiraachaa turanitti jiraate ture.

Ganna 30'moota keessa kan ture namni kun gara hospitaalaa ergamee achumaan lubbuun kan darbe yoo ta'u, vaayirasichaan qabamuun isaa qorannoodhaan hin mirkanoofne.

Lubbuun darbuu isaa booda obboleettii isaarratti vaayirasiin marbarg argame.

Dhukkubsataan jalqabaa Itoophiyaa vaayirasii marbargis bakka hojii ijaarsaa inni hojjetutti simbirroonni halkanii argaman dhibeen kun Jiinkaatti mul'achuuf sababa ta'uu akka danda'u odeeffannoowwan gaaffiif deebii BBC'n tolche ni akeeku.

Projektiin namni kun maanajara ta'ee baankii daldalaa Itoophiyaatiif ijaarsisaa ture keessatti simbirroonni halkanii argamuusaanii haati warraa isaa aadde Immabeet, hogganaan damee fayyaa tokkoo fi jiraattonni BBC'tti himanii jiru.

Bakka ijaarsaa kanatti mana nyaataa xiqqoo kan qabdu Immabeet akka jettetti, "gamoo jalatti simbirroon halkanii ni galti."

"Yeroo hundumaa halkan halkan , simbirri halkanii [gamoo] duuban ni baati. Nuti kan hojjennu fuuldura isaatti. Simbirri halkanii ni jirti. Gamoo jala bishaanis ni jira" jetti. Kana malees, simbirroonni halkanii irra deddeebiin ol rarra'anii fi fuullee gamootiin walitti bu'anii faa akka argaman ibsiti.

" halkan halkan fuullee gamootiin walitti bu'anii roga gamoo nu itti hojjennutti du'anii argamu. Wayita kana haxoofnee kaafna. Innis [abbaan warraa ishee] nu waliin gala. Ganama ganama mana nyaata waan nu gargaaruf ni gala. Harkaan garuu hin tuqnu. Haxooftuu manaatiin harree kaafna" jechuun simbirri halkanii naannoo ijaarsaa sanaaf haaraa akka hin taane dubbatti.

Hogganaan damee fayyaa BBC'n dubbises gamoo sanarra simbirri halkanii "baay'inaan" jiraachuu mirkaneessan. "Simbirroonni halkanii bakka isaan [dhukkubsataa jalqabaa] hojii ijaarsaa hojjechaa turan keessa baay'ee heddumminaan [argamanii]" jiru jedhan.

Bineensonni baattoo vaayirasichaa ta'an bakka hojii dhukkubsataa jalqabaatti "kallattiin argamuun isaanii

Qorannoo boodarra godhameef akeektuu guddoo" ta'uu ibsan.

Hojiin ijaarsaa isaa gara xumuraarra kan jiru gamoon baankii daldalaa yeroo ammaa eegumsi godhamaafii akka jiru Immabeetii fi jiraattonni magaalattii himan. Immabeet, "Amma poolisiidhaan addatti eegumsi godhamaafii jira. Qorichi biifameera. Qoricha biifuun duras samudaaf simbirri halkanii fuudhame. Graawondiirra jiru" jette.

Ministeera fayyaatti dursaan garee sab-qunnamtii fi kominikeeshinii Yordaanos, "Naannoo san 'simbirroonni halkanii jiru' jedhamee qoratamaa jira" jechuun adeemsi ka'umsa vaayirasii kanaa qorachuu adeemsarra akka jiru himan.

Maarbarg ilaalchisee qorannoowwan godhaman, "Vaayirasichi akkamiin dhufe? Ka'umsi isaa maali? Amma hoo carraan wal horuu isaa hagami?" dhimmoonni jedhan akka xiinxalaman eeran.

Qorannoon yoo xumuramus argannoowwan akka ifa godhaman ibsanii jiru. Ministirri fayyaa Dr Maqdas Dhaabaa Sadaasa ALI 08, 2018 vaayirasii maarbarg ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniin yaaduma kana dubbatanii turan.

Vaayirasichi 'akkamitti simbira halkaniirraa namatti darbe?'waan jedhu "gareen waliigalaa qoratu" gara iddoo kanaa bobbaafamuu ibsan. Kana malees, gareen ogeeyyii simbirroota halkanii naannichatti argaman adamsu bobbaafamuu beeksisan.

'Qoricha nyaachistaniiti' jedhameen hidhame

Immabeet Abbaa warraanshee kan awwaalame biyya dhalootasaa Bishooftuutti. Guyyoota 10 booda gara jiinkaatti deebite. Namni naannoo fi isa beekan kaanis gadda ishee bira gahaniiru.

Turtii torbee tokkoon booda gaggeesitoonni mana amantaa sadan dhukkubsachuu hordofee shakkiin isheerratti ka'uu jalqabe. "Manasheetti summii nyaatan" himatni jedhu isheerratti ka'uu akka jalqabe dubbatti.

"Shaayii fi buna, Daabboo qabatanii dhufanii 'waaqni sihaa jabeessu' naan jedhanii deeman. 'Isheen abbaa waraashees ajjeestee ta'uu hin oolu' kan jedhu himanni narratti ka'uu kan eegale sana booda' jetti Immabeet.

Gaggeessaan mana amantaa lammaffaan gaafa lubbuun isaanii darbu poolisiidhaan too'annoo jala ooluushees dubbatti.

Ministeerri Fayyaa Vaayirasiin Marbarg mudachuu kan ibse Immabeet yeroo hidhaarra turtedha. Kanuma hordofee hidhaa guyyoota kudhanii booda wabii birrii kuma 20n hidhaarraa baate.

Abbaa warraashee du'aan erga dhabdee torbee keessatti hidhaa kan seente Immabeet, "Dhugaa kana baasi jedhee jabeesseen waaqa kadhachaa ture" jetti.

"Abbootiin mana amantaa namoota gaariidha. Biyyoon isaanitti haa salphatu. Anaaf garuu haalli ture baayyee jibbisiisa. Gadda irratti gadda biraatu natti dabalame" jechuun himatni isheerratti ka'aa ture hangam akka ishee miidhe dubbatti.

Abbaan warraashee dhukkubsataa jalqabaa mallatoon vaayirasichaa irratti mul'ate ta'uu ogeessonni fayyaa fi hoggantoonni dubbatanis, Immabeet garuu hin amantu.

Ishee dabalatee mucaan isaanii waggaa ja'aa, akkasumas kanneen dhukkubsachiisanii fi isa kafanan irratti dhukkubichi mul'achuu dhabuun ammoo sababa isheen dhiheessitu.

"Ani amanuuf nan rakkadha. Isadha yoo jedhames ani rakkoon qabu. Isa biyyoo keessaa kan naaf deebisu homtuu hin jiru. Dhukkubbii kana uffata gurraacha gubbaadhaan uffattee waan ibsattu miti. Keessati nama dhukkuba. Yoon gaafatamullee nadhukkuba" jechuun BBCtti dubbatte.

Immabeet amma hariiroo namoota waliin qabdu akka daangaa itti gootu ogeessonni fayyaa ishee gorsaniiru. Maatiin miidhamtoota kaaniis tarkaanfii ofeeggannoo walfakkaataa ta'e akka fudhatan itti himamuu BBCtti himaniiru.

Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif vaayirasiin Marbarg kan itti argame Magaallii Jiinkaa dhukkubicha too'achuuf tarkaanfii cimsaa jirti. Magaalattiin kan keessatti argamtu Godinni Arriis hanga Sadaasa 26, bara 20018 kan ture daageffama sochii geejjibaa taasisee ture.

Ragaan dhibee Kanaan walqabatee miniteerri fayyaa dilbata darbe baase akka mul'isutti namootni 13 dhibee Kanaan qabamuu qorannoodhaan mirkanaa'eera. Kana keessaa saddeet lubbuun darbaniiru. Namootni afur ammoo irraa dandamataniiru.