Ameerikaan yaalii waraanaa Chaayinaa gocha 'maal na dhibdee' jechuun qeeqxe

Chaayinaan yaalii waraanaa Dilbata har'aa xumurti jedhamee eegama

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Chaayinaan yaalii waraanaa Dilbata har'aa xumurti jedhamee eegama

Erga Taayiwaan Chaayinaan haleellaa raawwachuuf daangaa ceete jechuun himattee booda, Ameerikaan 'qoccollaa' fi gocha 'maal na dhibdee' jechuun Chaayinaa qeeqxe.

Akka Taayiwaanitti gaafa Dilbataa shaakala waraanaa Chaayinaa guyyoota afraffaaf guuteef deebii kennuuf xiyyaaraafi doonii sochoosuu himteetti. 

Jilli Ameerikaa angawaa biyyattii Naansi Pelosiin durfamu gara Taayiwaan imaluu hordofeeti muddamni kan hammaate.

Chaayinaan daawwannaa aangawaa Ameerikaan gara Taayiwaan taasisan kana akka birmadummaa isheetti bu’ame fudhatti.

Taayiwaan immoo ani biyya of danda’e jetti.

Ministeerri Ittisaa Taayiwaan dooniifi xiyyaaronni Chaayinaa toora qaamolee lamaan adda baasu ce’uun duula raawwachuu ibsan.

Akka gabaasa Rooyitarsitti, Taayiwaan shaakala waraanaa Chaayinaatti deebii kenniteetti.

Taayippeetti ripportarootatti kan dubbatan Su Tseng-chang Chaayinaan nageenya naannichaa booressuuf shaakala waraanaa eegalte jechuun himatan.

Shaakala waraanaa kanarratti Chaayinaan waan dubbatte hin qabdu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haa ta’u malee, shaakalliin waraanaa qilleensaafi galaanarraa Chaayinaan naawwawa Taayiwaan taasistu gaafa Dilbataa xumurama jedhamee eegama.

Ameerikaan Chaayinaan dubbii hammeessite jechuun Dubbii Himaan Waayit Hawuus himaniiru.

''Qoccollaa, itti-gaafatamummaa kan hanqate akkasumas balaa murtee dogongoraatti geessu malu,'' jechuun ibsan.

Chaayinaan daawwannaan aangawaa Ameerikaa Naansi Pelosii nagaafi tasgabbii toora Taayiwaan ''guddoo yaaddoo keessa galche'' jechuun ibsan.

Chaayinaan Taayiwaan tura keessa Beejing jala galti jechuun ilaalti.

Taayiwaan garuu odola of dandeesseefi Chaayinaan aladha jechuun of ibsiti. 

Aangawoonni biyyootaa Taayiwaanif yoo beekkamti kennan Chaayinaa mufachiisa.

Eega Pelosiin Taayiwaan daawwatan booda Chaayinaan aangawaa Ameerikaafi maatii isaaniirratti qoqqobbii kaa’u himteetti.

Akkasumas jijjiirama haala qilleensaa addunyaa, dhimmoota waraanaa irratti marii tureefi yakkawwan idil-addunyaa waliin ta'uun ittisuu irratti hariiroo Ameerikaa waliin qabdu kutteetti.

Aadde Pelosiin aangawaa US olaantuu waggoota 25 keessa gara Taayiwaan imalanidha. Osoo Chaayinaan akka hin imalle jettuuti kan imalan.

Pelosiin Chaayinaa qeequun beekamu. Taayiwaan yeroo gahanittis addunyaaf abbaa irrummaafi dimookiraasii gidduu filmaanni dhihaate jechuun dubbatan. 

Taayiwaan heera ofii qabdi. Aangawoonni ishees filannoo dimookiraatawaan filamani. Loltoota 300,000 lakkaa’amanis qabdi.