Chaayinaan dhimmoota ijoo ta'an Ameerikaa waliin irrati hojjettu addaan kutuu beeksifte

Xiyyaara waraanaa

Madda suuraa, HANDOUT

Aanga'aan olaantuu Ameerikaa Taayiwaan daawwachuu hodofee Chaayinaan dhimmmoota ijoo ta'an hedduu Ameerikaa waliin wal tumsuun irratti hojjechuuf walii galtee turte addaan kutuu beeksifte.

Ameerikaafi Chaayinaan jijjiirama haala qilleensaa addunyaa, dhimmoota waraanaa irratti marii tureefi yakkawwan idil-addunyaa waliin ta'uun ittisuu irratti waliin ta'anii hojjechuudhaaf waliigaltee qabu ture.

Af-yaa'iin mana-maree US Naansii Peloosin Taayiwaan, kan Chaayinaan qaama biyya kooti jettee yaaddu, daawwachuu ishee hordofee ture Chaayinaan karoora Ameerikaa waliin hojjechuuf qabdu addaan kutuu kan murteessite.

Dabalataanis, qaama bulchiisa koo walabaati kan jettu Taayiwaaniin kan daawwatte Af-yaa'ii Naansii Peloosiifi maatii isheerras qoqqobbii keesseetti Chaayinaan. Chaayinaan biyya oddoola taate Taayiwaaniin akka qaama biyyasheerraa fottoqxe taatetti ilaaltus, Taayiwaan garuu akka biyya walabaa tokkotti of ilaalti.

Chaayinaan ejjennoo ishee kana kan beeksifte karaa ministeera dhimma alaatini.

Kanarraa kan ka'een ammoo mariin aanga'oota Ameerikaafi Chaayinaa gidduutti gaggeeffamu haqameera. Tumsi godaantota seeraan alaa deebisuu, jijjiirama haala qilleensaa, hojiin yakkawwan idil-addunyaa qorachuurratti waliin ta'uus akka addaan citu taasifameera.

Biyyoonni gurguddoo addunyaa kunneen lamaan jijjiirama haala qilleensaa addunyaa mudate ittisuudhaaf tarkaanfiiwwan waggoota itti aanan keessa fudhatamuu qaban irratti waliigaltee dippilomaasiirra gahanii turan.

Kora bara darbe gaggeeffame irratti Chaaynaan gaazii qilleensa faalu xiqqeessuu irratti Ameerikaa waliin hojjechuudhaaf waadaa galtee turte.

Ministeerri dhimma alaa Chaayinaa akka jedhetti, murteen kun Af-yaa'iin Ameerikaa mormii cimaa Chaayinaa dhagahuu dhiistee fakkeenyummaa hin taane agarsiisuu isheetiin kan fudhatameedha.

Chaayiaan daawwannaa aanga'aa Ameerikaa olaantuu, Naansii Pelosii, kana "dubbii barbaachuu hamaadha" jechuun mormii dhageessifteetti.

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Chaayinaa ergaa fuula Tiwiitaraa irratti baasaniin lammii Ameerikaa sanyii gurraachaa bara darbe poolisiitiin hudhamee ajjeefamee akka fakkeenyaatti kaasuun qeeqaniiru.

"Ameerikaan poolisii addunyaa akka taatuufi biyyoota doorsisuudhaan akka Joorj Filooyid akka huutu hin hayyamnu," jechuun barreessaniiru.

Ibsa gaazexaa Jimaata darbe kennaniin Pirees Sakireetaariin Waayit Hawus Kaariin Jiin-Peerii, Naansii Peloosiin gara Taayiwaan deemuudhaaf " mirga guutuu qabu" jechuun tarkaanfii Chaayinaan fudhatte "maal na dhibdeedhaan kan ta'edha," jechuun mormaniiru.