Xalayaan TPLF Gamtaa Afrikaatti erge maali?

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Gareen TPLF Gamtaan Afirikaafi michoonni addunyaa dhimma Tigraay callisanii ilaaluu akka hin qabne xalayaa kaleessa Komishiinii Gamtaa Afrikaatti barreessen gaafateera.
Garichi rakkoon gargaarsa namoomaa Tigiraayi keessaa akka malee hammaachaa dhufera jechuun ibse.
Buqqaatonni biyya keessaa kumaatamaan lakkaa'aman gargaarsa hatattama waan barbaadaniif Gamtaa Afrikaafi dhabbileen idil-addunyaa xiyyeeffannoo fi furmaata hatattamaa akka kennaan waamicha dhiyeesse.
Xalayaa dura taa'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa, Mahammuud Alii Yuusuufitti erguu ibse kanaan, haalli buufatni buqqaatotni Tigiraayi keessatti argaman akkaan hammaachaa jiraachuu ibseera.
Hanqinni nyaataa hamaan babal'achuufi buqqaatota keessatti duuti dabaleera jedhe.
Rakkoowwan kunneenis, mootummaan federaalaa walii galte Piriitooriyaa cabsuu hordofee kan madde ta'uus xalayaa Gamtaa Afirikaaf erge kana keessatti eereera.
Kanaaf Gamtaan Afirikaafi dhabbileen idil addunyaa haal-duree tokko malee gargaarsa namoomaa hatattamaa buufata buqqaatota akka qaqqabsiisan gaafateera.
Akkasumallee waa'ee gargaarsa namoomaa kanaa fi lakkoofsa buqqaatota du'uun dabaluu ilaalchisee qorannoo walabaa akka gaggeeffamu waamicha dhiyeesseera.
Dabalataanis, Waliigalteen Piriitooriyaa guutummaatti hojiirra akka ooluuf dhiibbaan idil-addunyaa akka taasifamu xalayaa kanaan gaafateera..
Akka ibsa TPLF kanatti, rakkoon gargaarsa namoomaa Mudde 2025 keessa caalaatti hammaatera.
Keessumaa buufata buqqaatota Histaats, Shiree, Adawaa, Abiy-Addi, Adigrat fi Maqalee keessatti argaman hanqina gargaarsaa hamaafi buqqaatota kuma dhibbaan lakkaa'aman miidhuun ibsameera.

Madda suuraa, TPLF
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gareen TPLF mootummaan federaalaa gargaarsa namoomaa gufachiiseera jechuunis himachaa tureera.
Ibsa Komishiniin Bulchiinsa Sodaa Balaa Federaalaa gargaarsi gara buufata buqqaatotaatti geejjibsiisuu osoo addaan hin citin adeemsifamaa ture jedhus ni haala.
"Kun ibsa hololaati, gargaarsi hiika qabu buufata buqqaatota bira hin geenye," jechuun mormeera.
Itti dabaluunis, maallaqni tola ooltota miidiyaa hawaasaafi diyaaspooraan walitti qabame dabalatee hojiiwwan gargaarsaa hawaasaaf walitti qabaman ugguramuu fi , maallaqichi gara herrega mootummaan to'atuutti galuu gareen TPLF kun himateera.
Waliigalteen waraanaa Piriitooriyaa bara 2022 'tti mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti mallatteeffame waraana Tigiraayi waggoota lamaaf dhiiga dhangalaasaa ture kan dhaabe ture.
Haa ta'u malee, adeemsi hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa gargaarsa namoomaa, buqqaatota deebisanii dhaabuufi nageenya waaraa mirkaneessuu irratti gaaffilee adda addaa kaasera.
Ibsi haaraan TPLF dhiibbaan idil-addunyaa akka dabaluuf waamicha taassise, rakkoon gargaarsa namoomaa Tigiraayi keessatti ammallee akka furmaata hin arganne ibsa.
Gareen kun mootummaan Federaalaa waliigaltee Piriitooriyaa balaaf saaxileraa jechuun yeroo hedduu irraa deddeebiin himata tureera.















