Naannoo Oromiyaatti hiriirri deeggarsa mootummaa adeemsifamaa oole

Guyyaa Ministirri Mummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufan sababeeffachuun hiriirri deeggarsaa aanaalee fi magaalota Oromiyaa garagaraatti adeemsifamaa oole.

Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti jiraattonni, ''Itoophiyaa jabduun obbolummaa sabdaneessaa irratti ijaaramti,'' jedhu dabalatee kanneen hiriira bahan dhaadannoowwan kaan qabatanii bahaniiru.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad mormii ummataa booda ALI Bitootessa 24 Bara 2010 ture aangootti kan bahan.

Naannoo Oromiyaa bakka dhaloota bulchaa Itoophiyaa taate keessa magaalota meeqatti akka hiriirri bahame ifa miti.

Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hiriirri bahame ummanni mootummaarraa amantaa qabaachuu akka agarsiisu ibsan.

Bakkeewwan hiriirri deeggarsa itti bahame keessaa tokko Mooyyaleedha.

Magaalaa Mooyyaleetti qondaala mootummaa kan tahan Obbo Galgaloo Aagaa hiriirri deeggarsa ganamarraa qabee adeemsifamaa akka ture himan.

''Dhaabbilee fi ummanni keenyi ganama waan MM Abiy Ahimad hojjetu galmaan gahuufi tiksuuf kaayyoo jedhuun ganama sa'atii 12:00 - 04:00tti,'' hiriirri bahamuu himan.

Kanneen hirmaataniis kumaatamaan akka lakkaa'aman ibsu. Dhaadannoo, ''injifannoo keenya ni tikfanna'' jedhuun hiriirichi akka adeemaa tures dubbatan.

"Ergaan ummanni keenya dabarse imalli badhaadhinaa bu’uura jabaa irratti ijaaramaa jiraachuu kan mirkaneessedha, '' jedhan Obbo Shimallis ergaa Fesbuukiirratti dabarsaniin.

Ummanni ''Roobaafi qorra hamaa tureen utuu hin daanga'iin ... guutuu Oromiyaatti mootummaa sagaleen filateef aantummaa qabu agarsiiseef cimnee akka hojjennu hamilee nuu taheera,'' jedhan.

Kana malees sirna federaalizimii sabdaneessa irratti bu'uureffates akka jabeessan himaniiru.

''Sirna federaalizimii obbolummaa sabdaneessa irratti ijaaruun bu’uura qabsiisuu, duudhaa hammannaa Oromoos cimsuun saboota, sablammootaafi ummattoota biroo waliin ta'uun kabaja biyyatti horuu eegalle cimsinee itti fufna,'' jedhaniiru.

Jiraattonni magaalota Oromiyaaa tokko tokko hiriira kana, ''dirqamaan hojii daldalaa keenya cufnee akka baanu taasifamne,'' jedhu.

Obbo Galgaloon magaalaa isaaniitti hojjettoonni caasaalee mootummaa fi uummannis ''fedhiin malee dirqamaan namni hiriira bahe hin jiru,'' jechuun himan.

Sa'aatii afur boodee hunduu xumuramee gara hojiitti deebi'ameeras jedhaniiru.

Hiriirri kuni iddoowwan lixa Oromiyaatti adeemsifamuu hubachuuf jiraattotaaf bilbillee ture.

Jiraataan magaalaa Mandii BBC'n dubbise ,''hiriirri deeggarsaa adeemsifame hin jiru, garuu hojjettota mootummaa galma keessatti walitti qabanii sagantaa kabajaa geggeessaa turan,'' jedhan.

Tahus magaalawwan lixa Oromiyaa Dambi Doolloo, Shaambuu, Gimbii, Maqamtee fi kaanittis jirattonni ''hooggansa jijjiiramaa tumsuuf'', ''nageenyi hundaaf, hundis nageenyaaf,'' jedhu fa'iin hiriira deeggarsaa kanaa bahaniiru jechuun OBN gabaaseera.

Hiriirri deeggarsaa kuni magaalaawwaniifi aanaalee Itoophiyaa birootti adeemsifamuu isaa wanti gaabaafame hin jiru.

Ministirri Muummee Abiy waggoota jahan darban keessatti jijjiirama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa gara garaa fidaniiru.

Haa ta'u malee, bulchiinsi isaanii rakkoo nageenyaa iddoo garagaraatti mudatan karaa nagaan furuu dhabuun, walabummaa sirna haqaa dabsuufi kaanin qeeqama.

Paartileen mormituu isaan jajaa turanis dirree dimookiraasii dhiphisaniiru jechuun qeequ.