Gammachuu ibsannaa Liiverpuul irratti wanti mudate maali?

Liiverpuul injifannoosaa Piriimiyeer Liigii uummata waliin kabajuuf sagantaa gammachuu ibsannaa magaala keesatti godhaa tureen wanti hin eegamne tokko ta'e.

Konkolaachisaan tokko haala nama rifaasisuun konkolaataa uummata gammachuu ibsachaa jirutti oofe.

Warri ijaan argan ta'ii ''rifachiisaa'' turee jedhan.

Poolisiin Marsiisaayiid balaan kun daandii Water (Water street) gubbaatti raawwachuu ibse.

Konkolaataa namoota lafoo jiranitti oofameen namootni 27 miidhamanii hospitaalatti waldhaanamaniiru, namootni biroon lama ammoo akka male miidhaman jedheera.

Namni ganna 53 lammii Biriiteen ta'e, achuma naannoo Liiverpuul jiraatuufi konkolaachisaa konkolaatichaati jeedhamee amaname to'annoo jala ooleera jedha Poolisiin.

Namni ijaan argee fi gaazexessaa BBC ta'e Maat Kool konkolaatichi hanga xiqqoof isaafi maatiisaa bira darbuu hime.

Wayita konkolaatan kun balaa geessisu namootni naannoo san turan konkolaataan taphattoota Liiverpuul qabate reefuma isaan bira darbaa akka ture hime.

''Dhaabuutti hin turre - mucaa koo kan na waliin turte harkiseen jalaa baane'' jedhe.

''Anaafi maatiinkoo hanga xiqqoof jalaa baane.''

Ambulaansiin daandii sanirra dhufe konkolaatichi saffisa akka hir'isuufi balaa xiqqeessuuf yaaleera jedhe. Garuu konkolaachisaan sun akeeka dhaabuu hin qabu ture jedhe.

''Yeroo na bira darbu namootni biroon waa itti darbachaa isa dhaabsisuuf yaalaa turan.''

Daawwitiin konkolaatichaa inni duubaa namoota isa dhaabsisuuf yaalaniin rukutamee guutummaan caccabee tures jedheera.

Haarii Rashiid gaheessi ganna 48 wayita balaa kun gahu haadha warraa isaafi ijoolleessaa xixiqqaa lama waliin dhiyeenya sana ture.

Yaada Rooyitarsiif kenneen konkolaatichi akkaan saffisaa ture. Sagalee namoota konkolaatichaan rukutamanii kukkufanii dhageenye...namoota lafa ciciisan, kan of wallaalan argeera. Sodaachisaadha. Baayyee sodaachisaadha ture'' jedhe.

Namootni konkolaataa kanaan miidhaman walumatti 50 kan ta'n yoo ta'u isaan keessaa daa'imman afur keessatti argamu.

Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmeer yaada kantiibaa naannoo Liiverpuuliif kennaniin ''biyyi guutuun Liiverpuul waliin dhaabbata'' jedhan.

Akkaataa Poolisiin balaa kana itti to'achuuf yaale dinqisiifataniiru.

''Daa'imman dabalatee namni kamuu yaaddoo balaa akka akanaa malee gootota isaa kabajuu dandda'uu qaba'' jedhan.

Konkolaachisaan kun malairraa ka'ee balaa kana akka geessise aammallee hin ibsamne.

Kilabni Liiverpuul ibsa baaseen namoota balaa kanaan miidhamaniifi maatii isaaniif kadhannaa akka godhu beeksise, deeggarsa akka godhus hime.