Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baayidan namoota du'i itti murtaa'eef adabbii laaffisanis Tiraamp cimsuuf dhaadatan
Waajjira mootummaa keessaa ba'uuf torban muraasa kan qaban Pirezidantiin US Joo Baayidan namoota duuti itti murtaa'ee mana hidhaa keessatti yeroo eeggataa jiran 40 keessaa 37f adabbii kana salphisaniiru.
Kun namoota du'aan adabuun walqabatee faallaa karoora Doonaald Tiraampidha.
Pirezidantiin US haaraa filataman kun bara bulchiinsa isaanii keessatti adabbiin du'aa namoota hedduu akka raawwatamu fedhu.
Rippaablikaanonni murtee Baayidan kana qeeqaniiru. Pirezidantichi warra seera Ameerikaaf bitaman caalaa yakkamtoota cinaa dhaabbate jedhaniin.
Tiraamp marsaa jalqabaa aangoo qabachuun dura sadarkaa federaalaatti murtee du'aa raawwachuun baayyee hin turre.
Amajjii keessa Waayit Haawus kan seenu Tiraamp adabbiin du'aa akka raawwatamu karoora bulchiinsa isaanii ijoo keessaa tokko ta'uu ibsaniiru.
Pirezidant Baayidan namoota du'i itti murtaa'ee adabbiin isaanii raawwatamuuf dabaree qabatanii jiran 40 keessaa 37 kan ta'aniif adabbiisaanii gara umrii guutuutti geeddaraniif.
Adabbii du'aa namoota sadii qofatu raawwatama.
Maraatoonii Boostan irratti boombii kan dhoose Dzhorkhar Tsarnaev fi bara 2018 iddoo waaqeffannaa Piitisbarg keessatti namoota kadhannaarra turan keessaa namoota 11 ajjeesuu fi torba madeessuun himatamee duuti kan itti murtaa'e Roobart Bowars kanneen adabbiin du'aa isaanii raawwatamu sadan keessa jiru.
Namni sadaffaan adabbiin du'aa isaa raawwatamu, Diyilaan Ruuf, yakka bara 2015 mana amantii Saawuz Kaaroolaayinaa magaalaa Chaarlistan keessatti argamurratti raawwateen bara 2017 duuti itti murtaa'e.
Murteen Pirezidanti Baayidan falmitoota mirga namoomaan simatameera, Aminastii Intarnaashinaal kanneen simatan keessaati.
Garuu warri Rippaablikaan akkasumas gareen ce'umsaa Doonaald Tiraamp fi namoonni siyaasaa bulchiinsa haaraa deeggaran tarkaanfii Baayidan kana akkaan qeeqanii dura dhaabbataa jiru.
Daarektarri kominikeeshinii Tiraamp Istiivan Chewuung ''namoonni kunneen yakka hamaa dhala namaarratti raawwachuun beekamu.
''Tarkaanfii qaanessaan Baayidan fudhatan kun miidhamtoota fuula keessa kabaluun tokkuma. Maatii, jaallattotaa fi firoota namoota miidhamanii gaddisiisuun yakkamtoota gammachiisuudha,'' jedhan.
''Pirezidant Tiraamp olaantummaa seeraaf dhaabbata. Kanammoo wayita Waayit Haawus seenu bakkatti deebisa,'' jedhe qondaalli kun.
Fakkeenyaaf miseensi Rippaablikaan Teksaas bakka bu'e Chip Rooy murteen akkanaa madaallii kamiinuu fudhatama kan hin qabnee fi aangoo gar-malee fayyadamuun sirna haqaa laamshessuudha jedhe.
Miseensi Rippaablikaan kan biraan Seenaatarri Arkanaas Tom Kootoon ''Joo Baayidan fi paartiin Dimokiraat lammiilee Ameerikaa seera eegan fi yakkamtoota keessaa yeroo mara yakkamtootaaf falmu,'' jechuun qeeqe.
Maatiin miidhamtootaa gariinis murtii Baayidan kanarraa mufii akka qaban ibsaniiru.
Bara 2017 saamicha baankiirratti raawwatame keessa haatishee kan ajjeefamte Hiitar Tarnar ''daba aangoo fayyadamuun raawwatamedha,'' jechuun murtii Baayidan kana qeeqxe.
''Pirezidantichi batta tokkoofillee waa'ee miidhamtootaa yaadanii hin beekan,'' jechuun Facebook isheerratti barreessite.
''Isaanii fi deeggaraan isaanii harkisaanii dhiigaan laaqameera.''
Tarkaanfiin Baayidan osoo aangoon harkasaanii jiruu adabbii du'aa salphisuurratti fudhatan namoota Ameerikaa keessatti duuti itti murtaa'ee jiran 2,200 hunda irratti hin hojjetu.
Sababni isaa pirezidantichi kana hundarratti aangoo hin qaban.