Sudaan Kibbaatti dhukaasa helikoptara UN irratti banameen namoonni heddu du'an

Helikoptara UN

Madda suuraa, Unmiss

udaan Kibbaatti dhukaasa helikoptara UN irratti banameen namoonni heddu du'uu dhabbatichi beeksise.

Haleellan kan raawwatame yeroo helikoptarri UN loltoota biyyaaleessaa Sudaan dhukaasi irratti baname baraaruf yeroo jedhutti.

Helikoptarri UN kun loltoota mootummaa Sudaan Kibbaa dhukaasi bulchiinsa Appar Naayil keessatti irratti baname baraaruf yeroo jedhutti haleellan kan irratti baname.

Halellaa kanaan jeneraalli Sudaan Kibbaa dhukaasan miidhamee tureefi loltoonni heddu haleellaa helikoptaricha irratti banameen du'uu UN beeksise.

Haleellaa kanaan hojjattoota UN helikoptaricha keessa turan keessaa tokko du'eera jedhame.

Helleellan helikoptara isaarratti raawwate kun yakka waraanaa ta'uu akka danda'us beeksise.

Pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir ibsa kennaniin helikoptarri UN lammaffaan erga ka'ee booda [haleellaa qaqqabeen] kufee namoonni keessa jiran hundi du'uu ibsan.

Sudaan Kibbaatti ergama nagaa kabachiisaa UN kan ta'e UNMISS garuuu helikotaroonni lachuu nagaan qubachuu beeksise.

Haleellaa kanaan loltoonni Sudaan Kibbaa 27 ajjeeefamuu Ministiira Odeeffannoo biyyattii kan ta'an Miisheel Maakuweeyi waabeffachuun maddi oduu Rooyitars gabaase.

Bulchiinsa Appar Naayil keessatti lolli torbanootaf gaggeeffamaa jiru waliigaltee pirezidaant Saalvaa Kiir fi ittaanaasaanii Riik Maachar gidduu ture gara laaffisuu danda'a yaaddoo jedhu uumera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2013 keessa gaggeessitoota lamaan gidduutti dhibdee dhalateen waraanni waliinii waggaa shaniif gaggeeffamee lubbii heddu gaaga'ee ture.

Waraana yeroo sanaan namoonni 400,000 yoo du'an miliyeena 2.5 kan ta'an ammoo qe'eesaanirraa baqachuuf dirqamanii turan.

Bara 2018 waliigalteen nagaa mallattaa'uus rakkoon jiru ergasii guutummaan hin furamne.

Lolli amma Sudaan Kibbaa bulchiinsa Appar Naayilitti gaggeeffamaa jiru loltoota mootummaafi milishoota White Army jedhaman gidduutti yoo ta'u, milishoonni kun yeroo waraana waliinii Riik Maachaar waliin hiriiruun lolaa turan.

Humni nagaa kabachiisaa UN Sudaan Kibbaatti argamu UNMISS hidhattoota White Army fi Humna Waraana Sudaan wajjin walii galuun loltoota miidhaman adda waraanatii baasaa ture.

Haa ta'u garuu amma haleellaa helikoptara loltoota mootummaa lolarratti miidhaman baasaa osoo jiruu irratti banameen namoonni heddu du'uu beeksise.

Gaggeessaa humna nagaa kabachiisaa UN Sudaan Kibbaa kan ta'an Nikoolaas Haayisoom ibsa kennaniin haleellaan helikoptara dhababatichaarratti baname "yakka waraanaa ta'uu kan maluufi seera idiladdunyaa kan sarbeedha" jechuun gadda itti dhagahamuu ibsan.

Pirezidaant Saalvaa Kiir akka jedhanitti jeneraalli biyyattii du'an Jeneraal Maajur Daak akka jedhamaniifi humna Bulchiinsa Appar Naayil keessa jiru hogganaa turuu ibsan.

Lola gaggeeffamaa jiru cinaatti mootummaan ministiira boba'aa fi qondaala waraanaa michuu Riik Maachaar hidhuun ammoo biyyattiin gara wal-waraansatti deebite yaaddoo jedhu uumera.

Haleellaa Jimaata kaleessaa helikoptara UN irratti gaggeeffame booda, Pirezidaantii Ittaanaa Sudaan Kibbaa kan ta'an Riik Maachar uummanni akka tasgabbaa'u waamicha godhaniiru.

"Irra deddeebin biyyi keenya gara waraanatti hin deebitu jedhee dubbadheera. Mootummaan ani gaggeessu dhimma kana akka ta'utti ni furra," jedhan Riik Maachaar.