Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal v Riyaal Maadirid- Tapha har'aa irraa maaltu eegama?
Mootii Shaampiyoonsi Liigii Riyaal Maadirid har'a galgala Arsenaal waliin morkii jabaa Emireetis irratti gaggeessa.
Yeroo 15 waancicha mo'achuun rikardii kan qabu Maadirid walitti aansee mo'achuun ammas seenaa haaraa galmeessuuf deema. Garuu Arsenaal waan raajii hojjechuun Riyaal Maadiridiin kuffiisaa?
Bukaayoo Saakaa miidhama irraa deebi'eera. Garuu sarara ittisaa irra kan taphatu Gabri'eel Magaleesh miidhameera. Waancaa Piriimer Liigii ammaaf harka Liiverpuulitti dhiyaatee jira.
Abdii Arsenaal qabu Shaampiyoonsi Liigii hanga dhumaatti falmachuudha.
Riyaal Maadirid ammoo taphattoota maqaa gurguddaa qaban akka Kiiliyaan Imbaappee, Vinishiyesh Juuner, Roodiriigoo fi Beeliingiham fa'aa qabatee waancaa Laaliigaa fi Shaampiyoonsi Liigii milkeessuu barbaada.
Lameeniifuu salphaa tahuu baatus muuxannoo Maadirid waancaa kana irratti qbau Arsenaaliif qormaata guddaa tahuu danda'a.
Sadarkaa Riyaal maadirid irra jiru yoo ilaalle gahumsi amma irra jiru isa madaala hin jedhamu.
Is abara darbe mo'aman caalaa taphoota afur mo'amaniiru. Ammayyuu taphoonni osoo isana hafanii galchii bara darbe irratti lakkaa'ame caalaa irratti galeera.
Akkasis tahee xumura waancaa Kooppaa Del Reyiif darbaniiru. Laaliigaa fi Shaampiyoonsi Liigii mo'achuufis carraa qabu.
Haalli amma Maadiridi irra jiru Arsenaaliif abii xiqqoo kennus isaan waancaatti yeroo dhiyaatan humna addaa qabu.
Leenjisaan Arsenaal Mikel Arteettaan taphni har'a taphannu kun '' bara leenjisummaakoo keessatti isa baay'ee guddaadha'' jedhe.
Isaaf gareen isaa sadarkaa kana irra gahuu isaaniif ''akka boonan'' hime.
''Mo'achuuf qophiidha'' jedhe Arteettaan. ''Taphattoonni hundinuu qophiidha. Been Waayit shaakala hojjeteera. Hundi isaaniiyyuu shaakala hojjetanii haala gaarii irrati argamu'' jedhe Arteettaan.
Dorgommii Shaampiyoonsi Liigiin Arsenaalii fi Riyaal Maadirid yeroo sadii walitti dhufaniiru. Inni tokko bara 2005-06 kileboota 16 keessaa gara nuusa xumuraatti darbuuf yoo tahu, yeroo sana Arsenaal dirree isaan ala1-0 mo'ate.
Tapha deebiin ammoo dirree isaa yeroo sanaa Haayibaarii irratti qixa galchii malee xumuruun Arsenaal darbe.
Erga bara 2017-18 Riyaal Maadirid dorgommii Awurooppaa mo'atanii darbuun kileboota Ingilizii waliin taphoota 22 taasiseera.
Isaan keessaa taphoota 11 mo'atee shan qixa bahuun taphoota jaha ammoo mo'ameera.
Kilabni tokkichi kileboota biyya tokkoo taphoota hanga kanaa morkachuun seenaa dorgommichaa keessatti takkaa argamee hin beeku.
Maanchister Siitii fi Liiverpuul yeroo 12 kileboota Ispeen morkataniiru. Riyaal Maadirid ammoo dorgommii Shaampiyoonsi Liigii ykn kan duraan maqaa Awurooppaa Kaappi jedhamu keessatti morkattoota adda addaa waliigalaan 111 tahan mo'achuun gita hin qbau.
Kileboota Ingilizii torba mo'ateera. Arsenaal garuu isaan keessa hin jiru. Maadirid tapha Arsenaal waliin taasise tokko mo'amee tokko qixa waan baheef.
Kilebni tokkichi taphoota sadii jalqabaan Riyaal Maadiridiin hin mo'amne Liiverpuul qofaadha.
Arsenaal dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessatti dhiyeenya hirmaachuu baatus gabatee Shaampiyoonsi Liigii bara kanaa sadaffaan xumuruun as gahe.
Riyaal Maadirid ammoo taphoota marsaa jalqabaa mo'atanii darbuu saddet kana dura taphate mo'amee hin beeku.
Isaan keessaa shan mo'achuun sadii qixa baheera.
Dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessatti Kiiliyaan Imbaappeen taphoota 16 kileboota Ingiliz irratti taphate irratti galchii 10 lakkoofsiseera. Galchiin afur baruma kana Maanchister Siitii irratti yoo tahu, taphataan galchii hedduu tapha mo'atanii darbuu irratti kileboota Ingiliz irratti lakkoofsise Kaarim Beenzeemaadha.
Inni galchii torba akkoofsiseera.
Itaan Nawaneerii fi Maayilsi Lewis Iskeelii taphattoota umurii xiqaan dorgommii kileboota lameenii irratti hiriiruun taphachuu malanidha.
Luukaa Moodirich taphataa umurii guddaa [39] taphataa jiru yoo tahu, gahumsi taphoota muraasa irratti agarsiise adda ture.