Ho'i addunyaa ruuzii keessatti qabiyyee 'summii fiduu' danda'a

Nyaata Ruuzii

Ruuziin nyaata ijoo ummata addunyaa walakkaa ol ta'uti. Guyyaa guyyaan qamadii ykn boqqolloo caalaa addunyaa irratti namoonni baay'een nyaata ruuxii sooratu.

Saayintistoonni garuu qorannoo isaanitiin dhiheenya kana argannoo haaraa argachuu isaanii ifoomsaniin nyaata ruuzii irratti yaaddoon akka uumamu kan taasisuudha.

Qorannoo kanarratti akkuma ibsametti, kaarboonii dabalaa deemuun fi ho'i addunyaa dabalaa dhufuun, hammi keemikaalota summii ruuzii keessatti argaman dabalaa akka adeemu gumaateera.

Ruuziin uumamaan keemikaalota summii of keessaa qaba. Keemikaalli uumamaan argamu kun biyyee ooyiruu ruuzii keessatti kuufamuun miidhaan ruuzii biqilaa jiru faaluu danda'a.

Keemikaalonni summii ruuzii keessa jiran kunneen dhawataan keessumaa jijjiirama qilleensaatiin dabalaa dhufuun isaa balaa fayyaa fidu danda'a yaaddoo jedhuurra ga'aa jira.

Yunivarsiitii Federaalaa ABC (UFABC) Braazil keessatti piroofeesara Keemistirii kan ta'an Birunoo Lemoos Baatistaa, qorattoota keemikaala ruuzii kana qoratan keessaa keessaa tokkodha.

Innis, keemikaalonni summii uumama hin taane hammi isaanii xiqqaa ta'e illee karaa nyaataa ykn bishaan dhugaatii liqimfame, kaansarii, dhukkuba onnee fi dhukkuba sukkaaraa fiduu akka danda'u akeekkachiisan.

Akkasumas, "nyaata keessatti sadarkaa keemikaala isaa zeeroo gochuun, nyaata nyaachuuf mijatu tasumaa qabaachuu dhiisuu dandeenya" jedhu. Yeroo ammaas sadarkaan ruuziidhaaf kaa'ame dhukkuba keemikaala kanaan dhufu baay'ee muraasa ta'ee wajjin walqabatee jira.

Qorattoonni addunyaa hedduun karaa keemikaalota summii ruuzii keessatti argaman hir'isuu ittiin danda'amu barbaaduu itti fufaniiru.

Gama biraatiin ammoo karaaleen ruuzii bilcheessuun keemikaalota miidhaa geessisan tokko tokko keessaa baasuuf gargaaran jiru jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkasumas, "nyaata keessatti sadarkaa keemikaala isaa zeeroo gochuun, nyaata nyaachuuf mijatu tasumaa qabaachuu dhiisuu dandeenya" jedhu.

Yeroo ammaas sadarkaan ruuziidhaaf kaa'ame dhukkuba keemikaala kanaan dhufu baay'ee muraasa ta'ee wajjin walqabatee jira.

Qorattoonni addunyaa heduun karaa keemikaalota summii ruuzii keessatti argaman hir'isuu ittiin danda'amu barbaaduu itti fufaniiru.

Gama biraatiin ammoo karaaleen ruuzii bilcheessuun keemikaalota miidhaa geessisan tokko tokko keessaa baasuuf gargaaran jiru.

Qorattoonni Chaayinaa keessatti naannoolee adda addaa afur keessatti gosoota ruuzii adda addaa 28, haala yaaliitiin waggoota 10 keessatti facaasanii qorataa turan.

Sadarkaan kaarboon daayi'oksaayidii hawaa fi ho'i addunyaa dabaluu isaatiin saffisni keemikaala summii isaa akka dabalu argan.

Boodarras ogeeyyiin fayyadama ruuzii amma jiru irratti hundaa'uun dhibee daddarbaa haala saayinsii qoratanii sadarkaan keemikaalota summii qaban kun fayyaa namootaa irratti dhiibbaa akkamii akka geessisan agarsiisaniiru.

Haalli keemikaalota summii qaban dabaluu isaatiin Chaayinaa qofatti namoota hanga miiliyoona 19.3 ta'an kaansariin akka qabaman taasisuu akka danda'u bira ga'aniiru.

"Kompaawundootni keemikaalaa uumamaa hin taane, qorannoowwan kanaan dura yaadaman caalaa, kaansarii akka fidan, akkasumas fayyaa sombaafi onnee irratti dhiibbaa hamaa akka qaban agarsiifama," jedhu Yunivarsiitii Kolumbiyaa, Niiw Yoorkitti piroofeesara saayinsii fayyaa naannoo fi barreessaan qorannichaa kan ta'an Luwiis Ziskaa.

"Hanga kaarboon daayi'oksaayidii (CO2) fi ho'i addunyaa dabaluu itti fufee waan jiruuf sadarkaan keemikaalota summii ruuzii keessatti argaman dabaluu mala."

Madda suuraa, Getty Images

"Akkasumas agarsiistonni jijjiirama qilleensaa lama, karboondaayi oksaayidii dabaluu fi ho'i dabaluu, hamma keemikaala summii kanaa guddisuuf gumaachan jiru.''

Haalli hamaan kun ho'i addunyaa 2°C akka dabalu, akkasumas bara 2025 fi 2050 gidduutti sadarkaan kaarboondaayiksaayidii (CO2) haalaan akka dabalu tilmamameera.

Haalli kun ammoo yoo hin hir'anne gara fuulduraatti oyiruu ruuzii maaltu mudachuu akka danda'u ibsa qorannichi.

Bu'aa qorannoo kanaa marii Jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Giddugaleessaa (IPCC), qaama Dhaabbata Biyyota Gamtoomanii haala qilleensaa ilaalu xiyyeeffannoo keessa akka galchaan qorattoonni kunneen hubachiisaniiru.

Qorannoon kun akka fakkeenyatti Chaayinaatti hojjatamuus bu'aan isaa wal fakkaataa akka ta'uu malu illee eeraniiru.