Feesbuukiifi Inistaagiraamiin mallattoo cuquliisaaf kaffalchiisuuf

Feesbuukii fi Inistaagiraamii

Madda suuraa, Reuters

Fayyadamtootni Feesbuukii fi Inistaagiraamii mallattoo cuquliisa [verification] argachuuf kaffaluu akka danda’an kaampaaniin Meettaa hime.

Mallattoo cuquliisa kana marsariitii irratti fayyadamuuf ji’aan doolaara 11.99, fayyadamtootni Iphone ammo doolaara 14.99 akka kaffalan ibse.

Torban kana keessa Awustiraaliyaa fi Niw Zelaandi keessatti akka hojiirra oolu ibse.

Hojii gaggeessaa olaanaa Meettaa Maarki Zuukenbergi, tarkaanfiin kun nageenya fi dhugummaa miidiyaa hawwaasaa fooyyeessa jedhan.

Tarkaanfiin kun erga abbaan qabeenyaa Tiwiiterii haaraan Elon Maaski, ji’a Sadaasaa bara 2022 keessa fayyadamtootni mallattoo cuquliisaa argatan akka kaffalan murteesseen boodadha.

Kaffaltiin Meettaa amma murtaa’e kun dhaabbilee biizinesiif ammatti hin jiru, garuu namootni dhuunfaa kaffalanii mallatticha kaffaluu danda’u.

Mallattoon Cuquliisaa [Blue Tick] mallattoo ittiin eenyummaa fayyadamaa miidiyaa hawwaasa kana ittiin adda baasan yoo tahu, namoota beekamoo fa’aatu fayyadama ture.

Namootni kaffalanii mallattoo kana argatan maxxansi isaanii namoota baay’eetti akka mul’atu, namoota isaan fakkaatanii maxxansan irraa eegumsa gaarii fi tajaajila maamilaa akka argatan isaan gargaara jedhe kaampaanichi.

Kaampaanichi fayyadamtoota mallattichaa kana duraa irratti dhiibbaa akka hin qabne BBCtti himeera.

Garuu sababa mallattoo kana qabaniif carraa maxxansi isaanii namoota hedduutti argamuu akka dabalu ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaffalanii mallattoo kana argachuun kana dura miidiyaalee hawwaasaa biroo irratti rakkoo uumeera.

Kan Tiwiiterii kaffalanii akka Mallattoo cuquliisa kana argatan jedhu ji’a Sadaasaa bara darbee keessa dhaabbatee ture. Sababni isaa ammoo namoonni dhaabbilee gurguddoo fi namoota bebbekamoo fakkaachuun kaffalanii mallattoo kana argachuuf waan yaalaniifidha.

Meettaan ammo maqaan maamiloota miidiyaa hawwaasaa fayyadamanii isa waraqaa eenyummaa mootummaan kennu irra jiru waliin tokko tahuu qaba jedhe.

Fayyadamtootni pirofaayilii isaanii irratti suuraa dhuunfaa isanii qabaachuu akka qabanis hime.

Marsariitiin biro akka Reddit, You Tube, fi Discord modeluma sabiskiraayibii ykn maatii tahuu kana fayyadamu.

Meettaan tajaajilli kaffalanii mallattoo cuquliisa argachuu kun yoom akka biyyoota kaan keessatti jalqabu hin ibsine. Maarki Zuukenbergi garuu maxxansa isaa irratti ‘’dhiyootti’’ jedhe.

Ji’a Sadaasaa bara 2022 keessa kaampaanichi hojjettoota 11,000 hir’isuu ibse. Sababni isaa ammoo yeroo weerara koroonaa vaayirasii keessa investimantii guddaa waan gaggeesseef tahuu ibse.

Yeroo sana Zuukenbergi lakkoofsi fayyadamtoota Meettaa akka dabalu tilmaamuun ture kan irratti baasii gochaa ture. Garuu akka inni yaade hin tahini hafe.

Kufaatii diinagde’’ fi ‘’dorgommiin dabaluun’’ galiin isaa isa durii gadi akka tahu taasieera jedhe.

Haa tahu malee, waliigalaan yeroo abbaan qabeenyaa Tiwiiter Elon Maaski kaffaltii mallattoo cuquliisaa kana fiduu ibsan namootni baay’een qeeqaniiru.