Ijoollee adiirraa dhalachuu isaaniif haadholii isaanii gurraalee harkaa fudhataman

"Waan hunda keenya dhabnee umurii guutuu madoofnee hafne.'' jedhu manguddoon ganna 76 seenaa fi godaannisa koloniin booda maatii gosa adda addaa irraa dhalachuu isaanin irra gahe yoo himan.

Manguddoon kun Mare Jose jedhamu, ijoollee kumaatamaan lakkaa'aman kanneen mootummaan maatii isaanii irraa adda baasee dhaabbilee irra caalaa waldaa Kaatolikiitiin bulfamu keessatti guddatan keessaa tokko.

Sababni kanaaf isaan qaqqabsiisemmoo maatii sanyii adda addaa qabu (mixed-race) irraa dhalachuudha. (Abbaa adii fi Haadha gurraattii)

Ka'umsi sanyii walmakaa yeroo sirna kolonii ta'e kun akkamitti akka ijoollummaa fi maatii isaanii wal dhabsiise seenessu manguddoon kun.

Sababa sanyii isaaniif qofaf namootni kumaatamaan lakkaa'aman haala kanaan madaa wal fakkataa kana dabarsaniirus jedhu.

"Bayyee natti dhaga'amee boo'aan ture... Haadha koo irraa butamee namoota ani hin beekne kan afaan ani dubbadhullee hin dubbannee giddu kaa'ame."

Wanti wal nu fakkeessu tokkichi hundi keenyaa iddoo adda addaa fi sanyii adda addaa irraa bakka tokkotti walitti qabamuu keenya qofa ture," jechuun yaadatti Mareen.

Garuu waggoota kurna heddu booda, ishee fi dubartoonni afur biroo waldaa Kaatolikiin bulfamu tokko keessatti guddatan falmii ijibbaata fi seena qabeessa booda beenyaa isaanii injifataniiru.

Garuu ammallee godaannisni isaanii sun hin qoorre.

Murtii seeraa seena qabeessa

Dubartootni shanan kunneen Monikaa Bitu, Liya Tavares , No'elle Verbeken, Simone Negalula fi Mare Jose bara 2021tti mootummaa Beeljiyeem beenyaa akka isaanif kaffalamu himata banan.

Himatni akkasii kun taatee bara 1950 fi 1950 keessa daa'imman kumaatamaan lakkaa'aman kanneen abbaa adii fi haadha gurraachota naannoo sanaa irraa dhalatan maatii isaanii irraa humnaan butaman ilaalchisee mootummaa Beeljiyeem irratti dhiyaate kan jalqabaa ture.

Manni Murtii dhaddacha ijibbaataa Biraasilsi himata kana hordofee gochi mootummaan raawwatame sun yakka dhala namaa irratti raawwatame ta'uu ibsee, murtii Beeljiyeemiifi humnoota koloneeffataa duraanii addunyaa mara irra jiraniif fakkeenya ta'uu danda'a jedhe dabarse.

''Murtiin kun gidiraa dubartoota shanan kanaa qofaa utuu hin taane, yakka mootummaan Beeljiyeem mataan isaa raawwatee saaxiluudha,'' jetti Mareen

Dubartoonni kunneen kaffaltii jalqabaa Yuuroo kuma 50 ykn birrii miliyoona 7 akka kaffalamuuf gaafatan.

Sababni beenyaa kaasaa isaanii gadi xiqqeessaniif ammoo dhaddacha kana irratti yoo mo'aman, himannaa jalqabaa irratti hundaa'uun beenyaa mootummaa kaffaluuf dirqamu qabu waan ta'eefi.

Garuu Manguddittiin dhimmichi waa'ee maallaqaa miti jetti. Akkuma miidhamtoota biroo gidiraa isheerra gahe kana ijoollee fi ilmaan ilmaan ishee dhoksite jirti.

"Qaanii keessa jiraanne, jireenya akkasii ijoollee keenyatti himuu hin dandeenye." Garuu amma galata abukaatota seeraa keenyaan hamilee ragaa ba'uu arganne." jette.

Bara 2019 mootummaan Beeljiyeem Rippaabilika Demokiraatawa Koongoo akkasumas Burundii fi Ruwaandaa keessatti namoota tilmaamaan gara kuma 20 ta'an dirqiin maatiirraa gargar bafamanii miidhaman dhiifama gaafateera.

Qorataan olaanaa Muuziyeemii Beeljiyeem Giddugaleessa Afrikaa fi ogeessa antiroopooloojii kan ta'an Dr. Bambi Kowuppensi, lakkoofsi qabatamaan daa'imman sanyii walmakaa imaammata bara koloneeffataa Beeljiyeemtiin miidhaman akka hin beekamne ibsu.

Ruwaandaa fi Burundii keessatti daa'imman Koongoo caalaa sababaa xiqqaa fi ummata quubsuma walitti siqu keessa jiraatu waan ta'eef toftaan gara mana barnoota bultii addaatti geeeffamaanii achii fudhatamanii turan jetti.

Mootummaan ijoollee sana gara Beeljiyeemitti geesse, yeroo baay'ee maqaa isaanii jijjiiruun obbolaa addaan qooduun erga ga'eessota ta'anii boodammoo lammummaa Beeljiyeem dhoowwatee jette Dr. Bambin

Obbolaa laman adda baasuu jechuun jetti, maatii mana tokko keessa jiraatu tokko keessa fuudhanii Beeljiyeem ykn naannawa adda addaa keessatti guddachuun tokko afaan Daach, kaan immoo Faransaayi dubbachaa akka guddatanii fi wal wallaalan taasisuu jechuudha jechuun ibsiti.

"Injifannoo Ummatoota koloneeffataman hundaati".

Ogeessi seeraa Michele Hirischaaf murtiin kun ulaa wayii banuuf carraa qaba jette. "Kun injifannoo ummatoota koloneeffamanii bakka kamuu jiraniiti.''

"Namoonni kumaatamaan lakkaa'aman haala walfakkaatuun imaammata akkasii sanaan dararaman, amma haqa barbaaduu danda'u."jedhu.

Baay'een isaani lubbuun jiraachuu dhabu garuu sanyii miidhamtoota akkasiifis haqa gaafachuun barbaachisaa ta'uu himan.

Hirsich paarlaamaan Beeljiyeem seera imaammata beenyaa kan Awustiraaliyaa ykn Kanaadaa wajjin walfakkaatu, miidhamtoota butamanii fi daa'imman maatii isaanii irraa adda baafamniif beenyaan, doolaarri miliyoonaan lakkaa'amu akka kaffalamu raggasisuu qaba jechuun falmiti.

Falmii beenyaa gaafachuu kun biyyotuma kana qofa osoo hin taane "humnoota koloneeffataa duraanii biroonille" imaammata akkanaa akka hojiirra oolchaan dhiibbaa uumuu danda'a jettee amanti.

Garuu murtiin dhiheenya kana kenname gama seeraatiinis waan kana caalu hojjechuun akka danda'amu agarsiiftuu ta'uu eerti.

Dhimmi kun yakka dhala namaa irratti raawwatame jedhamee kan ibsame, yakkootni birooo yeroon isaa darbe kan mootummoota koloneeffatootan raawwatamanis waggoota meeqa boodallee beenyaa kanfalchiisu mala jechuudha.

Qoodinsa itti fufee jiru

Antonettee Uwonkundaa, imaammata koloneeffataa kana irraa kan ka'e ammallee qoodinsi(qollifannaa)namoota akkasii irra jiru ni mul'ataa jette.

Dhaabbata gargaaraa Metis du Monde (Namoota sanyii walmakaa addunyaa) kan teessoo isaa Beeljiyeem godhate hundeessuun, namoota hambaa sanyii walmakaa qaban biyya dhaloota ishee Ruwaandaa keessatti gargaaraa jirti.

Gareen kun namoota sanyii walmakaa qaban miseensota maatii isaanii akka qunnaman deeggarsa gochuu akkasumas gochoota bu'uuraa biroo qoodinsa kana hambisaniif namootni akkasii mana barnootaa akka deemaniif maallaqa walitti qaba.

Uwonkunda sabababa isheen Métis du Monde hundeessiteef keessaa tokko gocha koloneeffataa ijoollee sanyii walmakaa adda baasuu ija isheetiin waan argiteef ta'uu himti.

"Ani kibba Ruwaandaatti naannoo dhaabbilee Kaatolikii ijoollee fudhatan kana keessaa tokkottin guddadhe. Seenaa haadholii ijoollee isaanii 'dhaban', ijoolleen isaanii gara Beeljiyeemitti ergaman dhaga'uu koo nan yaadadha." jetti.

Akkuma falmitota mirgaa kanneen biroo waa'ee murtii yeroo dhiyoo kan dubartootni shan dhaddacha ijibbaataa irratti mo'atanii beenyaan murameef yeroo dhageesse "guddaa gammaddee" turte.

"Kun karaa saaqera, akka yaada kiyyaatti Beeljiyeem filannoo hin qabdu, gaaffii tokko tokko of gaafachuu jalqabuu qabdi," jetti.

"Namoonni akka dubartoota sanaa rakkatan baay'eedha, nutis harka marannee taa'uu hin qabnu."jette.

Uwonkundan, ofii ishee maatii sanyii walmakaawaan taateef, namoota naannoo baadiyyaa jiraatan ammallee qoodinsi irra gahuun rakkataniif ammalee tumsi akka godhamuu qabu dubbatti.

"Namoonni ammallee akkamitti akkan afaan naannoo sanaa dubbadhu na gaafatu," jechuun kolfite, "kanaaf wanti nuti Ruwaandaa keessatti namoota akkasitti himnu keessaa tokko kun biyya keessan waan ta'eef biyya keessanitti bakka guddaa argachuu qabdu jechuudhani."

Murtii Beeljiyeem booda san booda kan dubbatan manguddoon Maree Josee yaada kana irratti walii galti.

"Kanaaf jechaa yeroo hundaa imimmaan ija na guuta, hidda sanyii maatii keenyaaf jecha addaan baafamuun nutti dhaga'ame hanga har'aattinu hordofeera.

Fudhatama akka argannu nutti hin dhaga'amu, bifti keenya gurraachas ta'e adii kanaan ilaalamuun sirri miti, bakka akka kan keenyaatti nutti dhaga'amu hin qabnu," jetti.

"Amma mataa ol qabannee deemna. Iccitiin yeroo dheeraaf nu waliin turre ifatti ba'eera.

Namoonni nutti kolfuu ykn nutti qoosuu yoo barbaadan amma homaa mudaa ofirraa hin qabnu. Waan gochuu qabnu kan gooneef, ba'aan sun baay'ee ulfaataa waan tureef qofa."jette