Tuuta wanbadee dubartootaa magaalaa Landan waggootaaf gamsiisan

Tuutni wanbadootaa Forty Elephants jedhamu kan miseensa dubartootaa qofa qabu Landan keessatti suuqiiwwan irraa hataafi gephii namootaarraas saamaa ture.

Dubartoonni kunneen hojii wanbadummaa kana mala icciitii ofii fayyadamuun raawwatu ture.

Amma dhaabbati fiilmii Disney+ seenaa dhugaa dubartoota kanaafi mootii tuuta wanbadee kanaa Meerii Kaar fiilmii walitti fufaan dhiyeesseera.

Fiilmichas qopheessaa fiilmii Peaky Blinders jedhamuun nama beekamtii argate Istiivan Naayititu hojjete.

Magaalawwan gurguddoo keessatti yakki gareen qindaa'ee taasifamu waanuma barame dha.

Tuuta wanbadee Forty Elephants waan adda godhu garuu yeroo sanatti maqaa adda tahe qabaachuun dabalataan miseensonni garichaa dubartoota qofaa yoo tahan mootii isaan hoggantus qabu.

Qopheessaan fiilmii kanaa Istiivan Naayit seenaa hoggantuu garee kanaa kutaa jahaaan haala hawwataa taheen qopheesseera.

Filmichi mata duree A Thousand Blows jedhukan kennameef yoo tahu seenaa mootii garichaa Meerii Kaar irratti xiyyeefata.

Gama kaaniin ammoo seenaa dhugaa nama Heezikaayaa Moskoo jedhamu Jamaayikaa irraa jaarraa 19ffaa keessa Landan dhaqee filmicha keessatti hammatameera.

Qopheessaan filmii kanaa, jalqaba haati warraa fi abbaan warraa Istiifaan Giraamiifi Haannaa Wooltars jedhaman dhaabbata fiilmii qaban seenaan namicha lammii Jamaayikaa Moskoo jedhamuu akka hojjetu isa gaafachuu hima.

''Seenaan namicha Jamaayikaa, kaayyoo hojii leenca madaqsuuf Landan dhufee garummoo atileetii bunyaa tahe irratti xiyyeefata. Seenaa kana bira darbuu rakkatta,'' jechuun Naayit BBCtti hime.

''Waa'ee nama kanaa yeroo gadi fageenyaan qoradhu akkaan waan nama hawwatu qaba, isa dura ammoo seenaa garee Forty Elephants himuun barbaada ture.''

''Seenaawwan dhugaa lamaan kunneen akkaan namatti tolu, ammoo yeroofi iddoo wal-fakkaataatti raawwataa turan.

Kanaaf Meerii fi Heezikaayaan yeroos otoo wal arganiiru tahe maaltu uumama ture kan jedhu dhimma ijoo fiilmii kanaati,'' jedha Naayit.

Fiilmiin kuni gaafa jalqabu Hiizikaayaa Moskoon hiriyyaasaa waliin reef magaalaa guddoo Biriiteen Landan gahuun wanbadooti Meeriidhaan hogganaman naannoo buufata dooniiwwaniitti yeroo saamicha raawwatan arga.

Ittaansuun fiilmichi Meeriin yeroosheen saamicha guddaafi balaa qabu karoorsitu agarsiisa.

''Goodaatii eenyuyyuu hatuu danda'a,'' jechuun miiltoowwansheetti himti. ''Amma warra gubbaa irraa saamuu qabna.''

Hiizikaayaa waliin mana dhugaatii nama Heenrii Shuugar jedhamutti wal-barti. Abbaan mana dhugaatii kanaas nama dhugumaan ture dha.

Meeriin akkas jechuun of beeksisti, ''ani mootii garee Forty Elephants dha. Garee wanbadoota dubartootaa guddummaa, saffisaafi bilisummaan guutuu Landanitti beekamu,'' jette

Odeeffannoon qabatamaa seenaa Meerii irratti xiyyeefatu baayyee miti. Garuu Landan naannoo Holboorn jedhamutti bara 1862tti dhalatte.

Bara 1881 mana hidhaa naannoo Keent, dubartoonni gaa'elaan ala saal-quunnamtii raawwatan itti hidhamaniifi Waldaa Kiristaanaa Inglaandiin hogganamu keessatti hidhamtee ture.

Haa tahu malee Meeriin yeroo sanatti maaliin akka himatamte ifaa tahuu baatus suuqii saamuun ganna 14tti balleessaa irratti muramee ture.

Yeroos haatishee lubbuun hin turre, abbaanshee ammoo hannaafi waliindhahuun mana hidhaa ykn biyyaa bahuu hin oollee jedhama.

Kitaabni Biraayaan MaakiDoonaald akka himutti dubartiin Aliis Daayaamand jedhamtuufi mootittiin Forty Elephant Meeriin bifa qalbii namaa hatu qabu ture.

Landan wiirtuu daldalaa fi bashannanaa Kooveent Gaardan jedhamutti abaaboo gurguru ture.

Meeriin artistii kitaaba fakkii Landan Arab Istiriit jedhamu maxxansu Doortii Teenaant jedhamuuf ammoo moodeelii tahuun hojjetti ture.

Bara 1890tti tuuta wanbadee miseensa dubartootaa 40 achi dhufteen isaanii icciitii tahe qabuuf ''mootii'' tahuun filamte.

Icciitii saamichaa warra 'Forty Elephant'

Hayyuun seenaa fi barreessituun waa'ee dubartootaafi yakkaa katabdu Haalii Ruubenhoold fiilmii A Thousand Blows kanarratti gorsituu tahuun hojjetti.

''Waa'ee garee wanbadee kanaa dhagaheera hamman hojii kana jalqabutti garuu qorannoo gadi fagoo hojjeedhee hin beeku,'' jetti. ''Seenaan miseensota garee kanaa akka malee ajaa'iba, ammoo icciitiin kan guutame dha.

Namoonni gariin dubartoonni kunneen jaarraaa 18ffaa irraa qabee akka turan himu. Tahus odeeffannoon qabatamaa kana mirkaneessu waan jiru miti.

Bara sana dubartoonni hataniifi saaman akka turan galmeewwan dhaddachaa ni agarsiisu garuu miseensota Forty Elephants turan jechuu miti.

Yeroo jalqabaaf waa'ee garee kanaa kan dhageenye bara 1870tti ture.'' jetti Haaliin.

Wanbadooti Meeriidhaan hogganaman kibba Landan naannoo Elefaant fi Kaasil jedhamu jiraatu ture.

Miseensoti garee kanaa hiriyyoota dubartootaafi firoottan wanbadoota dhiiraa Elephant Boys jedhamaniiti.

Warri Forty Elephants yeroo baayyee gephii namaa saamuufi maamila fakkaatanii suuqii keessaa hatuu ture yakki isaan raawwatan. Yeroo baayyees suuqiiwwaan sooreeyyiifi qananii tahan irratti xiyyeefatu.

Maqaan Meeriifi miiltoowwan ishee galmee himannaa poolisiifi yaadannoo oolmaa dhaddachaa irratti irra deddeebiin kan mul'ate yoo tahu, darbee, darbee ammoo hannaan himatamaniifi miyoota hatan qabatanii gaazexaa irratti bahu ture.

Bara sanatti dubartoonni akka dhugaa dubbataniifi seera kabajanitti waan fudhatamaniif miseensoti Forty Elephants kana akka carraa gaariitti fayyadamaa turan jetti Haalii Ruubenhooldi.

Gaazexeessaa fi barreessaan Heenrii Meehiiw kitaabasaa London Labour and the London Poor bara 1851tti maxxanse keessatti naannolee kibba Landan, Elefaantiifi Kaasil jedhaman wiirtuu yakkaa jechuun ibseera.

Gareen Meeridhaan hogganamus mala saamicha suuqiif fayyadaman ibseera.

Dubartoonni lama ykn sadii suuqii maamilooti itti baay'atan seenuuun miyoota bituu barbaadan akka ilaaluu fedhan himu: ''meeshaalee dabalataa akka ilaaluu fedhan gaafachuun hamma miya baayyee isaaniif fidanitti kana gochuu itti fufu.

Yeroo abbaan suuqii girgijjii irraa meeshaa haaraa fiduutti qabamu isaan keessaa isheen tokko meeshaa wayii suuta loostee shaarbii ykn shaashii jala dhoksti hammasitti warri kaan qalbii abbaa suuqii hatu.''

Uffata hannaaf mijatu addatti hojjechiifatan keewwatu.''Qoloon isaanii mudhii gadii iddoo gephii irraa qabee guutummaansaa waa keessa keewwachuu akka danda'anitti hodhame.

Achi keessa yoo meeshaalee xixiqqoo keewwatan hin mul'atu,'' jechuun barreessaa Meeyihiiw mala itti hataa turan barreessa.

Barreessituu Haaliin ammoo ''saamichi isaanii waan akka feeteen raawwatamaa ture osoo hin taane oppireeshinii wal-xaxaafi qindaa'aa fakkaata,'' jetti.

Gareen isaanii kuni odeeffannoo maqa balleessii qabachuun geeddaraasaa immoo qarshii gaafachuunis abshaalummaan socho'aa ture.

Meeriin ykn tokkoonsaanii manguddoo wayii sossobatanii ykn sobaan hawwatanii gara daandii qalloo wayiitti geessuun isaan keessaa ishee tokko haleeleera jechuun isa himatanii, poolisiitti gabaasna jechuun doorsisu.

Miseensoti kaan ammoo ''haleellaa'' inni raawwate jedhan argineerra jechuun irratti ragaa bahu.

Isaan keessaa isheen akka miidhaan irra gahetti dhiyaatte waan namichi qabu harkaa fuutee miseensota ishee waliin akka walolteetti fakkeessuun dursitee achii baddi, kunis garicha qaaniirraa oolchuufi.

Tuuta wanbadee dubartootaa warra Forty Elephants saamtota kaanirraa kan adda godhu seerota 'hoister's code' jedhamu qabaachuu isaanii ture.

Jecha 'hoist'(ol kaasuu) jedhu waan suuqiidhaa hataniif kan itti fayyadamani dha.

Miseensoti hundi seerota kunneen otoo hin dabsiin hordofuun dirqama ture.

Akka Maakdoonaalid jedhutti seeroti isaanii kunneen nama maatii isaanii ture tokkoon barreefamee mana maxxansaatti gurguramuuf kan ture tahus otoo hin milkaa'in hafeera.

Seeroti kunneen keessaa muraasni:

''Saamichaan dura dhugaatiin hin eeyyamamu, yeroon hirribaaf gara siree deemuun dirqama.''

''Qarshiin hanna kanarraa argame shoorri isaanii maaliyyuu haa tahu miseensota waliin qixxee qoodama.''

''Miseensoti walii walii isaaniirraa ykn jaalallee isaaniirraa hatuu hin danda'an.''

''Gareen Forty Elephants akka dhaabbata waloo ture,'' jedha barreessaa Maakdoonaaldi.

''Mootittiin shakkii malee hoggantummaanshe hin raafamu, meeshaaleen hatamaniifi qarshiin isaan keessaa warreen to'atamaniifillee qixxee hiramuunsaa gidduu isaanii miira wal-qixxummaa dagaagsuu dabalataan walitti maxxananii akka turan isaan godheera.

Dhorkaan jaalallee irraa hatuus-seera yeroo hunda ittiin bitaman tahuu baatus gidduu isaaniitti waliigaltee cimsuuf kan yaadame ture.

Qubeelaa diyaamandii fi Aliis Diyaamandii

Mootittii Meeriin bara 1896 daa'ima waggaa jahaa lafa wal-dorgommii gugsii fardaatii butuun himatamtee itti murtaa'uun booda to'annoon isheen garee wanbadootaa irratti qabdu hir'achaa dhufe.

Akka Maakdoonaald jedhutti mootittii Meeriin yeroo mana murtiitti dhiyaattu, ''wandaboo gurraacha dheeraa irratti kaabbaa miidhagaa gurraacha mataa ishee irraa hamma miilasheetti gadi jiguufi koofiyyaa bal'aa ofirraa baallee guchii shan qabu keewwatteeti dhiyaatti ture.

Harkashee irra qubeelaa diyaamandii torba keewwattee ture akka gaazexeessaan tokko jedhutti. Gatii yeroo sanaan yuroo 300 baasa ture, galiin hojjetaa tokkoo yeroosii torbanitti yuroo lamaa gadi ture.'' jedha Maakdoonaalid.

Daa'ima waggaa jahaa kana haadhasaatu wanbadee tokkotti gurgure, innis booda maatii ijoollee hin qabnetti isa gurguruuf jecha yeroof Meerii jalatti akka kunuunfamu isa kenne.

Daa'imni kuni achi buuteensa dhabamee baatii 10 booda eeruu nama hin beekamnerraa poolisii qaqqabeen mana Meeriitti argame.

Meeriinis balleessaa dha jedhamuun hidhaan waggaa sadii irratti murame. Haati daa'ima sanaa garuu waan isa hin barbaanneef gara dhaabbata guddisa daa'immanitti geeffame.

Meeriin hidhaa irraa gadhiifamtee ammas bara 1900tti meeshaaleen hataman irratti qabamanii hidhaa waggaa lamaan adabamte.

Ergasii carraan hamaa ishee marsuu jalqabe. Akka Maakdoonaaldi kitaaba isaa keessatti himeen bara 1909tti suuqii faayaa Landan Ludgate Circus saamuun himatamtee garummoo otoo itti murtaa'in hafe.

Boodarra naannoo Maanchasataritti akka hojjetaa turte himama. Maqaa Leedii Meerii Kaariin jedhuun of waamaa, iddoowwan hattootii fi waliin dhooftonni qaxalee walgahan adeemti ture. Bara 1924tti akka isheen duute kan himamu yoo tahu warri Forty Elephants garuu ishee wajjin hin duune.

Mootii Meerii kana kan dhaale dubartii miseensa garichaa turte Aliis Dayaamand jedhamtu ture. Fiilmii The Thousand Blows kana keessatti qopheessichi waan aartii itti dabaalee dhiyeesseera.

Diyaamand bara 1886 maatii yakka raawwatan naannoo Laambeet Woorkihaawus jiran irraa dhalatte. Umriishee ganna 17tti suuqii koofiyyaa daandii Okisfard jiru irraa hattee irratti murtaa'ee ture. Yeroo ganna 20 turte qubashee arfanirra qubeelaa keewwatti ture.

Bulchiinsa ishee jalatti warri Forty Elephants yakkasaanii raawwachuuf hokkora fayyadamaa turan. Fiilmiin A Thousand Blows bal'isee seenaa isaanii itti fufsiisuuf carraa qaba jechuu dha.

Qopheessaan filmiichaa Naayit, ''boqonnaan lammaffaa waraabamee jira, seenaan isaanii himamu baayyee waan jiruuf ittan fufa.

Bara 1950 keessa namoonni nuti warra Forty Elephants jechuun of himan jiru ture. Dhugaan qabatamaa ture isa nureessa keenyaan kalaqnu caalaa kan nama hawwatu dha,'' jedhe.