Biyyoota 10 gatiin maallaqa isaanii cimaa ta'e

Madda suuraa, Getty Images
Dolaarri US adduyaarratti maallaqa bittaafi gurgurtaan ittiin taasifamuun maallaqa biyyootaa hunda caaludha. Kana jechuun, gatiin Dolaara Ameerikaa maallaqa biyyoota hundaatii ol jechuu miti.
Barruun Foorbis biyyoota addunyaa 10 maallaqni isaanii cimaa ta'e baasera. Foorbis ragaa The global foreign exchange market irraa ragaa argateeni sadarkaa maallaqaa biyyoota addunyaa kanneen kan baase.
1. Dinaara Kuweet
Akkaataa ulaagaa kanaatti, maallaqa addunyaarratti maallaqa kamiinuu ol gatii qabudha. Dinaarri Kuweetii tokko dolaara 3.25 ta'a.
Kana jechuun dolaarri tokko Kooboo dinaar (saantima) 30 dinaara Kuweet ta'a jechuudha.
Kuweet biyya Sa'ud Arabiyaa fi Iraaq jidduutti argamtu yoo taatu, maddi galii ishee olaanaan jikitaa boba'aa alatti ergituuudha.

Madda suuraa, Getty Images
2. Dinaara Baahireen
Dinaarri Baahireen tokko Dolaara 2.65 ta'a. Dolaarri tokko Kooboo 37 (saantima biyya tanaa) ta'a.
Baahireen biyya Galoo Galaanaa keessatti argamtuu fi Galaana Galfii gam tokkoon, gam biraan Sa'ud Arabiyaan daangeffamtudha.
Maddi diinagdee ishee waa heddu yoo ta'u, maddi galii ishee 89.5 boba'aa kan hin tan'inidha. Kun ragaa bara 2024 ti.
3. Riyaala Omaan

Madda suuraa, Getty Images
Riyaalli Omaan bara 1970 gabaarra oole. Riyaalli Omaan tokko dolaara 2.60 ta'a.
Gabaabumatti dolaarri US tokko Riyaala Omaan 0.38 ta'a jechuudha.
Omaan Yunaayitid Arab Emiretis fi Yaman waliin daangaa qooddatti.
Omaan biyyoota addunyaa boba'aa fi gaazii alatti erguun dursan jalqabaa keessayi.
4. Dinaara Jordaan
Dinaarri Jordaan bara 1950 gabaarra oole. Dinaarri Jordaan tokko dolaara 1.41 ta'a.
Kun dolaara Jordaan maallaqa addunyaa gatii guddaa qaba 4ffaa isa taasisa jechuudha.
Jordaan biyya baha Giddu-galeessaati. Diinagdeen ishee boba'aarratti kan hundaaye miti.
Haata'uu malee, biyyattiin rakkoo diinagdee fi idaa jabaa keessa jirti.
5. Paawondii Istarliing

Madda suuraa, Getty Images
Paawondii Istarliing jaarraa 15ffaa kaasee maallaqa gabaarra ooledha. Siistamni isaa immoo bara 1971 haaromfameera.
Gatiin Paawondii Istarliing tokko dolaara 1.37 ta'a.
Paawond Istarliingi maallaqa UK ti.
6. Paawondii Jibraaltar
Paawondiin Jibraaltar bara 1920 gabaarra oole. Yeroo ammaa gatiin isaa gatii Paawond Istarliing waliin walitti dhiyaata. Kan bu'uufii ol ka'us akkaatuma Paawond Istarliingiitiinidha.
Paawondiin Jibraaltar tokko dolaara 1.37.
Jibraaltar lafa qubsuma Briitish yoo taatu, Kibba Ispeen keessatti argamtudha.
7. Siwiis Firaank (Farankaa Siwiiz)

Madda suuraa, Getty Images
Swiis Firaank maallaqa biyya Swiitzerlaand fi Liechtenstein.
Maallaqni kun maallaqa amansiisaa (safe) addunyaa jedhama. Kun sirna siyaasaa tasgabbaawaa Siwiizarlaand irraa ka'edha.
Farankaan Siwiiz bara 1850 gabaarra oole.
Gatiin Farankaa Siwiiz tokkoo Dolaara 1.29 ta'a.
8. The Cayman Islands dollar (Dolaara Oddoolawwan Saayman)
Oddoolliwwan Saayiman daangaa Biriitish kan Kaariibiyaaniirratti argamandha.
Dachii hiree i jedhamti. Qubsuma hundaaf mijattuu akka jechuuti.
Dolaarri Oddoolawwan Saayiman bara 1970 gabaarra oole. Gatiin maallaqa kanaa gatii dolaaraa faana akka jijijjiiramutti tolfame. Dolaarri yoo ol ka'e ol ka'a, yoo dolaarri gadi bu'e gadi bu'a.
Dolaarri EOdoola Saayman tokko Dolaara Ameerikaa 1.21 ta'a
9. Yuuroo

Madda suuraa, Getty Images
Yuuroon bara 2002 keessa gabaarra oole.
Maallaqni Yuuroo maallaqa Gamtaa Awurooppaati.
Yoo xinnaate biyyoonni miseensota Gamtaa Awurooppaa 27 keessaa 20 kan ta'an Yuurootti fayyadamu.
Yuuroon tokko dolaara 1.18 ti.
10. Dolaara Ameerikaa (US Dolaar)

Madda suuraa, Getty Images
Dolaarri Ameerikaa maallaqawwan addunyaa keessaa gatiidhaan 10ffaa irratti argama.
Dolaarri Ameerikaa bara 1700 jalqaba faayidaarra oole.
Boodarra Ikuwaadoor biyyoota, iddoowwanii fi kaanitti madaqfamee tajaajiluu eegale.
Diinagdeen Ameerikaa diinagdee guddaa oomisha waliigalaatiin addunyaa dursudha.
Dolaarri Ameerikaa immoo maallaqa bittaa gurgurtaan ittiin raawwatamu maallaqni kamuu itti hin qixxaannedha.
Dolaarri Ameerikaa daldala addunyaa keessatti keessumaa zayita, warqii fi albuudotaarratti dhimma itti bahama.















