Oduun sobaa fi waliin dhahuun filannoo UStti burjaajii hammeesse

Lammiilee Ameerikaa

Madda suuraa, Getty Images

Jette jettee, himannaawwan dogoggorsoo fi oduun sobaa sagalee kennuu ilaallattuufi waliin dhahuun filannoo US irratti miidiyaa hawaasaa gubbaa naanna'u kan kana dura mul'atee beekuun ol ta'eera.

Komiin namootni seerawaa hin taane sagalee kennuuf qophaa'an jiru jedhu dhibbootaan lakkaa'amu sassaabameera. Odeeffannoon burjaajii uumu kun namoota dhuunfaa, gareelee bilisaa fi paartii rippaablikaanii waliin hidhata qabaniin qoodamaniiru. Paartii Dimookraatotaarraas hangi ta'e jira.

Odeeffannooleen burjaajessoon miidiyaalee hawaasaarratti qoodaman hojjettoota filannoo gaggeessuuf fiigaa jiranitti qormaata dabalataa ta'eera. Hojii isaanii ijootti dabalataan odeeffannoowwan sobaa fudhatama dhabsiisuufi amantaa warra sagalee kennuu jabeessuutti hojii itti dabaleera.

Maxxansaaleen burjaajessoon hedduun isaanii yaada dogoggoraa garee filannoo Tiraamp filannoo darbee Tiramp injifatee ture jedhu deeggaru, filannoo Sadaasa 5 gaggeeffamus hatamee injifatama waan jedhu akeeku.

Bu'aa filannoo bara kana maalis ta'u maal kan fudhatu ta'uu kan gaafatame Doonaald Tiraamp ''yoo haqa, seerawaa fi gaarii ta'e nan fudhadha'' jedhe falmii Fulbaana darbe gaggeeffamerratti.

Akka yaad uummataa CNN/SSRS wiixata gadhiifameetti lammiileen Ameerikaa 70% ta'an Tiraamp yoo injifatame bu'aa filannoo hin fudhatu jedhanii amanu.

Tiraamp maataan isaa torban kana bulchiinsota filannicha keessatti murteessoo ta'an keesatti waliin dhahuun gaggeeffamaa jira jedheera.

''Penselvaaniyaan osoo hattuu qabamteetti, sadarkaa olaanaa mul'atee hin beekneen waliin dhahuun gaggeefamaa jira'' jechuun miidiyaa hawaasaa kan dhuunfaasaa Truth jedhamu irratti barreesse.

Dabaluunis hanna aanga'ootaaf gabaasaa. Warri seera raawwachiisan amma tarkaanfii fudhatuu qabu'' jedhan.

Himannaan kun kan dhagaahame aanga'ootni Penselvaaniyaa sadii qaama seera raawwachiisu waliin ta'uun galmee filattootaarratti waliin dhahuun mudachuu hin oolu jechuun qorannoo gaggeessaa akka jiran ibsuu hordofeeti.

Tiraampiifi deeggartootni isaa odeeffannoo kanatti dhimma bahuu eegalanis hogganaan filannoo bulchiinsa Penselveeniyaa garuu eeggannoon akka godhamu, warri sagalee kennus odeeffannoo walakkaan qofti dhugaa ta'e, fi odeeffannoo burjaajessaa miidiyaa hawaasaa gubbaa deemurraa akka of qusatan dhaaman.

Odeeffannoon aanga'oota filannoon jalqaba kenname sirni warra sagalee kennan galmeessu amanamummaa hangamii akka qabu mirkaneessuuf hojii hojjetu agarsiisa jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

BBCn himannaawwan waliin dhahuu filannoo, miidiyaa hawaasaafi aappiiwwan ergaa walii dabarsan irratti qoodaman dhibbaan lakkaa'aman argeera. Gariin poostiiwwan kanaa tokkoon tokkoon isaanii miliyoonaan daawwatamaniiru.

Poostiiwwan kun namootni lammiilee US hin taane haala salphaan sagalee kennuu akka danda'an akeeku, waayee maashina sagalee lakkaa'uus odeeffannoo dhugaa hin taane qoodu, adeemsa sagalee lakkaa'uurras amantaan akka hin jiraanne godhu.

Viidiyoon tokko namootni Heeyitii irraa dhufaan Joorjiyaa keessatti sagalee kennaa jiraachuu agarsiisa.

BBC viidiyoon kun burjaajiif tolfamuu ragaalee agarsiisan argateera. Suurotni viidiyoo san keessa jiran kan durii ta'uu hubateera.

Namni biraan Kaanadaarraa ta'uu himu ammoo X gubbaatti waraqaa sagaleen ittiin kennamu qabatee suura maxxanse. ''konkolataan daangaa qaxxaamuree akka filachuu danda'u hubadhe'' jechuunis maxxanse.

Haata'u malee kunis dhugaa miti (fake). Wantoota soba ta'uu akeekan keessa tokko waraqaan sagalee itti kennan inni baatee mul'atu kan Filooridaati. Filooridaatti ammoo waraqaa eenyummaa malee filachuun hin danda'amu. Dabalataan ammoo Filooridaan daangaa Kaanadaarraa konkolataan sa'aatii 20 fagaatee argama.

Penselvaaniyaatti viidiyoon akka waan konteenarri warqaa sagaleen itti kennamu konkolaataa keessaa yeroo gargalfamu agarsiisu yeroo miliyoona shanii ol daawwatame. Dhugaan garuu nama hojjetaa xalayaa namaa raabsu hojiisaa hojjechaa jirutu akka waan biraa fakkaatu godhame.

Muummeen Nageenya Biyyaalessaa US odeeffannoon burjaajessaa filannoo waliin walqabatee faca'u finxaaleyyii biyya keessa jiraniif hiree uumuu akka danda'u ibseera.

Warreen filannicha taajjaban ammoo odeeffannoon burjaajessaan qoodamaa jiru guyyaa filannoon duubas akka itti fufu eegu. Dhaabbileen yaada uummataa sassaaban bu'aan filannoo bara kanaa seenaa keessatti baayyee kan walitti dhiyaate ta'a jedhu. Sagalee lakkaa'uufi bu'aasaa himuunis guyyootaaf turuu mala jedhu.