Tiraamp qoqqobbii Sooriyaarra kaasan, hogganaa biyyattii waliin wal arguuf

Shamarree alaabaa Sooriyaa mirmirsaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp walgahii hogganaa Sooriyaa Ahmad al-Shaaraa waliin akka taasisan eegamaa jiruun dura, Sooriyaa irraa qoqobbii akka kaasan himan.

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp daawwannaasaanii Baha Giddu-galeessaatti taasisaa jiraniin hogganaa yeroo Sooriyaa ''nagaa gaafachuuf'' waliigaluusaanii Waayit Haawus beeksiseera.

Qoqqobbii kaaasuu beeksiisuun kun magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqootti gammachuudhaan kan simatame yoo ta'u, dhukaasni gammachuu, shubbisaa fi ayyaaneefannaan dhaga'ameera.

Qoqqobbiin kun gargaarsa dabalatee faayinaansii biyya alaa kamiyyuu Sooriyaa akka hin geenye kan uggure yoo ta'u, jalqaba irratti mootummaa abbaa irree Baashaar al-Asaad pirezidantii amma aangoorraa kaafame irratti dhiibbaa uumuuf kan yaadame ture.

Tiraamp jijjiramni imaammataa kun Sooriyaaf ''carraa guddachuu'' akka kennu dubbachuun, waltajjii invastimantii Sa'ud Arabiyaa, Riyaad keessatti gaggeeffamerratti, "yeroon isaanii ifudha" jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa Sooriyaa Asaad al-Shaayibaaniin gaaffii fi deebii dhaabbata oduu mootummaa biyyattii Saanaa waliin taasisaniin, murtee kana ''biyyattiidhaaf jijjiirama murteessaadha'' jechuun dinqisiifataniiru.

Biyyattiin "waggootaaf waraana diigumsaa booda egeree tasgabbii, of danda'uufi ijaarsa dhugaa " hawwiidhaan eeggatti jedhan.

Ummanni Sooriyaa dhibbeentaan 90 dhuma sirna Asaad irratti sarara hiyyummaa gaditti kan kufan yoo ta'u, mootummaan biyyattii haaraan erga Asaad ji'a Muddee aangorraa kaafameen booda qoqqobbiin akka irraa kaafamuuf gaafataa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Al-Sharaa dhuma bara darbeerratti gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin, Sooriyaa addunyaaf balaa akka hin taane ibsuun, qoqqobbii irra ture akka kaafamu gaafatanii ture.

Akkasumas, gareen Islaamummaa Asaad aangoorraa buuse 'Hayat Tahrir al-Sham (HTS)' akka dhaabbata shororkeessummaa irraa haqamus gaafataniiru.

Gareen al-Qaayidaa irraa bara 2016tti adda bahuun sochii jalqabee kun, UN, US, EU fi UK fi kanneen biroo hedduudhaan shororkeessaa jedhamuun moggaafameera.

Al-Sharaa torban darbe pirezidantii Faransaay Emaanu'eel Maakroon waliin ibsa waloo gaazexeessitootaaf kennaniin waamicha kana irra deebi'uun ''qoqqobbiin kun sirna duraanii irratti kan kaa'ame sababa yakka inni raawwateen, sirni sun amma hin jiru'' jedhan.

Hogganaan Siiriyaa kun erga gareensaanii gareen Islaamummaa Sunnii haleellaa finciltootaa kan wal waraana hamaa waggoota 13fbooda sirna Baashaar al-Asaad kuffisuun Muddee keessa fincilicha dursaniin booda saba xiqqaa ittiksuuf waadaa galaniiru.

Haata'u malee, ji'a Bitooteessa keessa naannoo qarqara galaanaa lixaatti, walitti bu'iinsa humnoota nageenyaa haaraa fi amanamtoota Asaad gidduutti gaggeeffameen, namoota nagaa dhibbaan lakkaa'aman garee Alawitoota xiqqaa Asaad irraa dhufan irratti raawwatamee ture hawaasa xiqqaa biratti sodaa cimsee jira.

Akkasumas, gareewwan hidhattoota Islaamummaa, humnoota nageenyaa fi qabsaa'ota amantii xiqqaa 'Druze' irraa dhufan gidduutti walitti bu'iinsi lubbuu namotaa galaafate uumameera.

Beeksisni US Al-Sharaaf jajjabina guddaa yoo ta'u, US kanaan dura hanga dhimmoonni akka mirga namoota xiqqaa biyyattii keessatti tarkaanfatanitti qoqqobbii Sooriyaa irratti kaa'ame akka hin kaafne dubbatteefis jijjiirama imaammata alaa guddaa agarsiisa.

Tiraamp akka jedhanitti, labsiisaanii kun gaaffii mootii Sa'uudii Arabiyaa Mahaammad Bin Salmaan fi pirezdantiin Tarkii Taayib Erdogaan dhiyeessan hordofee akka ta'e dubbatan.

Tiraamp itti dabaluudhaan, ''Oo, waanan Mootii Gonfoo kanaaf godhu, garmaleen isa jaalladha'' jechuun dubbatan.

Jarri lamaan Kibxata darbe Tiraamp daawwannaasaanii Baha Giddu Galeessaa isa jalqabaatiin, waliigaltee meeshaa waraanaa doolaara biiliyoona 142 (£107bn) akka labsan beeksisaniiru.

Sooriyaa keessatti ambaasaaddarri Ameerikaa duraanii Roobart Foord, kan bara pirezidantii duraanii Baaraak Obaamaa tajaajilaa turan, tarkaanfii bulchiinsi Traamp qoqqobbii kaasuuf fudhatanii harka rukutaniiru.

"Ji'a sadii dura Sooriyaa daawwadheera, biyyattiin wal waraana waggoota 13n booda gaaga'amtee jirti. Kanaafuu deebitee ijaaramuu qabdi, faayinaansii biyya alaa barbaachisa," jechuun BBC'tti himeera.

"Kanaaf qoqqobbiin ka'unsaa kaa kaappitaalaa idil-addunyaa biyyoota Galoo Galaanaa, biyyoota Arabaa biroo fi dhaabbilee gargaarsaa adda addaa irraa gara Sooriyaa akka seenu dandeessisuf murteessaadha."

Daawwannaan biyyoota Galoo Galaana Arabaa keessattis Tiraamp Kaataar fi Yunaayitid Arab Emireets daawwata.