Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gamoowwan dheeraa Afrikaa 7 bara 2025
Magaalota Afrikaa hedduu keessatti gamoowwaan dhedheeroo arguun haalaan dabalaa jira.
Gamoowwaan baay'ee dhedheeroo ta'an hedduu ta'an kanaan dura magaalota akka Kaayiroo, Johaannesbargi, Leegoos fi Naayiroobiifaa keessatti hedduu beekamu.
Erga bara 2000 as garuu magaalota Afrikaa biroo hedduu keessatti gamoowwan dheeraan hedduun akka ijaaraman Wiikiipiidiyaa fi maddeen gabaasalee dhimma dinagdee kan mul'isu.
Barreeffamni kun tarree gamoolee dheedheeroo Afrikaa dheerina isaaniin sadarkaa tokkoffarraa hanga torbaa jiran kan tarreessudha.
7. Waajjira Muummee Baankii Daldalaa Itoophiyaa
Waajjirri Muummee Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaa Finfinneetti argamu gamoo akka biyya fi baha Afrikaatti dheeraa ta'ee fi bara kana akka Afrikaatti dheerina isaatiin sadarkaa 7 ffaaa irratti argamuudha.
Gamoon kun Guraandhala 13, 2022 kan xumuramee yoo ta'u, kontiraaktaroota Chaayinaatiin ijaarame.
Gamoon kun amma waajjira muummee Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa ta'ee tajaajila.
Akkasumas gamoo Baha Afrikaa keessaa isa dheeraa dha. Dheerina faana 687 ykn gara meetira 210 ta'a.
6. Masjiida Hasan II
Masjiidni Hasan II Masjiida Morookoo magaalaa Kaazaablaankaatti argamudha.
Masjiidi kun Masjiida guddicha Afrikaa keessaa isa lammaffaa yoo ta'u, addunyaa irratti Masjiida dheerina isaatin sadarkaa 14ffaa irratti argamudha.
Oldheerina meetira 210 ol (ykn faana 689 ) dheerata.
Bara 1993, qajeelfama mootii Hasan 2ffaan xumurame. Gamoon kun darbii 60 qaba.
5. Giddugala Kaarltoon
Giddu-galli Kaarltoon gamoo abbaa darbii 50 fi galma daldalaa Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaannesbargi keessatti argamudha.
Dheerinni meetira 223 (faana 732) kan qabu yoo ta'u, bara 1973 erga xumuramee waggoota 46'f gamoo Afrikaa keessaa isa dheeraa ture.
4. Leenaardoo Saandtoone
Gamoon oldheeran Leenaardoo jedhamu kun darbii 55 ta;u kan qabu yoo ta'u, Afrikaa kibbaa Johaannesbarg, Saandtoonitti argamudha.
Gamoon kun Afriikaa keessaa sadarkaa 4ffaa irratti kan argamu yoo ta'u, Afrikaa Kibbaa fi Gammoojjii Sahaaraa keessaa gamoo isa dheeraadha.
Dheerinni isaa meetira 234 (faanaa 768 ) ta'u dheerata.
3. Masaraa Mohaammad VI
Gamoon Masaraan Mohaammad 6ffaa darbii 55 kan qabu yoo ta'u, magaalaa Saalee, magaalaa guddoo Morookoo Raabaat waliin daangeffamtu keessatti argama.
Meetira 250 (faana 820 dheerata.
Gamoo dheeraa Morookoo fi Afrikaa keessaa sadarkaa sadaffaa irratti argamudha.
Pirojektii daldalaa Morookoo Othman Benjellohun yoo ta'u, dhaabbata O'Tower jedhamu kan ogganamudha.
2. Masjiida Guddaa Aljeersi
Dijamaa el Dijazayir ykn Masjiida Guddaa Aljeersi jedhamuun kan beekama.
Ijaarsi isaa Ebla 2019 cxumuramee hojii eegale.
Masjiidni kun Masjiida Guddaa Makkaa fi Al-Masjid an-Nabawi Madiinaa Saudi Arabiyaatti aanee sadarkaa sadaffaa irratti argama.
Masjiidni kun galma salaataa (salaata) meetir iskuweerii 22,000 kan qabu yoo ta'u, tilmaamaan amantoota 120,000 altokkotti keessummeessuu danda'a.
1. Akonik Taawoor (Iconic Tower)
Ayikonik Taawoor (Iconic Tower) gamoo dheeraa Afrikaa tajaajila adda adda addaaf oolu yoo ta'u Masrii keessatti argama.
Meetira 400 (1,300 feet) dheerata, gamoo Afrikaa keessaa isa dheeraadha.
Gamoon kun darbii 77 kan qabu yoo ta'u, irra caalaan isaanii waajjiraaf kan ooludha.
Ijaarsi 'Iconic Tower' Caamsaa 2018 eegale bara 2024tti xumurame